GAAFFIIWWAN NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN
Marii Xumuraa Kaadhimamtoota Cuuphaa Wajjin Godhamu
Cuuphaan yeroo baayʼee kan raawwatamu walgaʼiiwwan aanaa fi walgaʼiiwwan naannoo Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan irratti dha. Obboleessi haasaa cuuphaa dhiheessu, xumura haasaa isaa irratti kaadhimamtoonni cuuphaa kaʼanii dhaabbachuudhaan gaaffiiwwan lamaan armaan gadiitiif sagalee isaanii ol kaasanii deebii akka kennan gaafata:
1. Cubbuu keessan irraa yaada geeddarattanii, Yihowaadhaaf of murteessuudhaan qophii fayyinaa Yihowaan karaa Yesuus Kiristoos godhe fudhattaniittuu?
2. Cuuphamuun keessan, Dhugaa Baatota Yihowaa warra jaarmiyaa Yihowaa keessa jiran keessaa tokko akka isin taasisu hubattaniittuu?
Kaadhimamtoonni cuuphaa gaaffiiwwan kanaaf, ‘Eeyyee’ jedhanii deebii kennuun isaanii, furicha irratti amantii akka qabanii fi guutummaatti Yihowaadhaaf akka of murteessan “ifatti” beeksisuu isaanii kan argisiisu dha. (Rom. 10:9, 10) Kanaafuu, kaadhimamtoonni cuuphaa dhuunfaatti amantii cimaa akka qaban karaa argisiisuun gaaffiiwwan kanneeniif deebii kennuu akka dandaʼaniif dursanii gaaffiiwwan kanneen irratti kadhannaadhaan yaaduu qabu.
Yihowaa qofa waaqeffachuuf, akkasumas jireenya kee keessatti wanta kam iyyuu caalaa fedha isaatiif dursa kennuuf waadaa galuudhaan kadhannaadhaan Yihowaadhaaf of murteessiteettaa?
Walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo itti aanu irratti cuuphamuuf amma guutummaatti akka qophoofte sitti dhagaʼamaa?
Uffanni cuuphaadhaaf taʼu kan akkamiiti? (1 Xim. 2:9, 10; Yoh. 15:19; Filp. 1:10)
‘Waaqayyoof kan bulle’ taʼuu keenya argisiisuuf “karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan” uffachuu qabna. Kanaafuu, kaadhimamtoonni cuuphaa uffata daakaa qaama mulʼisu ykn uffata beeksisni ykn dhaadannoon adda addaa irratti maxxanfame uffachuu hin qaban. Uffata seera qabeessa, qulqulluu, nama hin mufachiisnee fi haala isaatiif mijaaʼaa taʼe uffachuu qabu.
Namni tokko yommuu cuuphamu amala akkamii argisiisuu qaba? (Luq. 3:21, 22)
Cuuphaan Yesuus cuuphaa Kiristiyaanotaa yeroo harʼaatiif fakkeenya gaarii taʼa. Inni cuuphaan tarkaanfii guddaa akka taʼe hubatee ture, kanas ilaalchaa fi gocha isaatiin argisiiseera. Kanaafuu, bakki sirni cuuphaa itti geggeeffamu, bakka qoosaa, bakka taphaa, bakka daakaa ykn bakka wanti kabaja qophii kanaa hirʼisu itti raawwatamu taʼuu hin qabu; akkasumas Kiristiyaanni haaraan tokko wanta injifannoo guddaa akka argate fakkeessu raawwachuu hin qabu. Cuuphaan yeroo gammachiisaa taʼus, gammachuu keenya karaa sirna kanaaf kabaja akka qabnu argisiisuun ibsuu qabna.
Yeroo hunda gumii irratti argamuu fi obboloota gumicha keessa jiranii wajjin walitti dhihaachuun kee waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti galte eegdee jiraachuuf kan si gargaaru akkamitti?
Erga cuuphamtee boodas, sagantaa qoʼannaa dhuunfaa qabaachuun kee fi yeroo hunda tajaajila irratti hirmaachuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
QAJEELFAMA JAARSOLII GUMIITIIF KENNAME
Babalʼisaan hin cuuphamne tokko cuuphamuu akka barbaadu yeroo gaafatu, mata duree “Gaaffiiwwan Namoota Cuuphamuu Barbaadaniif Dhihaatan” jedhuu fi fuula 185-207 irratti argamu of eeggannoodhaan akka dubbisu jajjabeessuun barbaachisaa dha. Kana malees, kutaan “Yaada Babalʼisaa hin Cuuphamneef Kenname” jedhuu fi fuula 182 jalqabee jiru marii jaarsolii wajjin godhuuf akkamitti qophaaʼuu akka dandaʼu waan ibsuuf xiyyeeffannaadhaan akka dubbisu itti himamuu qaba. Achi irratti akkuma ibsame, babalʼisaan cuuphamuuf gaaffii dhiheesse, yeroo jaarsolii wajjin mariʼatutti yaadannoo dhuunfaa isaatti fayyadamuu ykn kitaaba kana banee hordofuu dandaʼa. Haa taʼu malee, babalʼisaan kun jaarsolii wajjin mariʼachuu isaa dura namni kan biraan gaaffiiwwan kana irratti isaa wajjin mariʼachuun isaa barbaachisaa miti.
Babalʼisaan cuuphamuu barbaadu kam iyyuu qindeessaa qaama jaarsoliitti himuu qaba. Namni cuuphamuuf gaafate sun yeroo gaʼaa argatee kutaa “Gaaffiiwwan Namoota Cuuphamuu Barbaadaniif Dhihaatan” jedhu erga dubbisee booda, qindeessaan qaama jaarsolii, babalʼisaan sun fedha Yihowaa raawwachuuf kadhannaadhaan kan of murteesse taʼuu isaa isa gaafata. Babalʼisaan sun of murteesseera yoo taʼe, qindeessaan qaama jaarsolii jaarsoliin lama kutaa “Gaaffiiwwan Namoota Cuuphamuu Barbaadaniif Dhihaatan” jedhu irratti hundaaʼanii akka isaa wajjin mariʼatan qophii godha. Kutaawwan lamaan kana kan gaafatan jaarsolii garaa garaa taʼuu qabu. Marii kana gochuuf, guyyaan walgaʼiin aanaa ykn walgaʼii naannoo itti geggeeffamu hanga himamutti eeguun barbaachisaa miti.
Yeroo baayʼee kutaawwan lamaan kana yeroo garaa garaatti tokkoon tokkoon isaanii irratti mariʼachuuf gara saʼaatii tokkoo fudhachuu dandaʼa; yeroo barbaachisaa taʼuttis saʼaatii tokkoo oliif irratti mariʼachuun ni dandaʼama. Mariin tokkoon tokkoon kutichaa irratti godhamu kadhannaadhaan jalqabamee kadhannaadhaan xumuramuu qaba. Kaadhimamaan cuuphamuu barbaadus taʼe jaarsoliin gaaffiiwwan kana irratti isa wajjin mariʼatan gaaffiiwwan kana dafanii fixuuf ariifachuu hin qaban. Jaarsoliin gaaffiiwwan kanneen akka gaafatan ramadaman marii kanaaf dursa kennuudhaan sagantaa qabachuu qabu.
Walumaa galatti gaaffiiwwan kanneen gareedhaan utuu hin taʼin kaadhimamaa cuuphaa tokkoo wajjin dhuunfaatti irratti mariʼachuu wayya. Jaarsoliin kaadhimamaan cuuphamuu barbaadu gaaffii hunda irratti deebii akka kennu gochuun isaanii dhugaa Kitaaba Qulqulluu hammam akka beeku sirriitti hubachuuf isaan dandeessisa; kunis cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu fi dhiisuu isaa mirkanaaʼoo taʼuuf isaan gargaara. Akkasumas, namni cuuphamuuf gaaffii dhiheesse, yeroo kophaa isaa taʼu yaada isaa akka gaariitti ibsuun isatti salphachuu dandaʼa. Abbaan manaa fi haati manaa walii wajjin gaafatamuu dandaʼu.
Kaadhimamtuun cuuphaa obboleettii yoo taate marichi bakka namoonni isaan arguu dandaʼanitti, garuu immoo wanta isaan dubbatan dhagaʼuu hin dandeenyetti geggeeffamuu qaba. Namni kan biraa dabaluun barbaachisaa yoo taʼe, namni maricha irratti akka hirmaatu affeeramu jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼuu qaba; akkuma keeyyata kanatti aansee jiru irratti ibsamu namni maree kana irratti hirmaatu jaarsa moo tajaajilaa gumii dha isa jedhu kan murteessu mata duree irratti mariʼatamu sana dha.
Gumiiwwan jaarsolii muraasa qaban keessatti tajaajiltoonni gumii murtoo gaarii gochuu akka dandaʼanii fi gaʼumsa akka qaban mirkaneessan, kaadhimamtoota cuuphaa wajjin mata duree “Kutaa 1: Wantoota Kiristiyaanonni Itti Amanan” jedhu jala jiran irratti mariʼachuu dandaʼu. Mata duree, “Kutaa 2: Jireenya Kiristiyaanaa” jedhu jalatti argaman garuu mariisisuu kan qaban jaarsolii qofa dha. Gumichi obboloota gaʼumsa qaban gaʼaa hin qabu yoo taʼe, gumiin isaanitti dhihoo jiru deggersa isaaniif gochuu akka dandaʼu murteessuuf ilaaltuu ol aanaa aanaa haasofsiisuu dandaʼu.
Kaadhimamtoonni cuuphaa ijoollee xixinnoo yoo taʼan, warri isaanii Dhugaa Baatota taʼan maricha irratti argamuu qabu. Warri isaanii irratti argamuu yoo hin dandeenye immoo, jaarsoliin lama (ykn kutaa irratti mariʼatamu irratti hundaaʼuudhaan jaarsi tokkoo fi tajaajilaan gumii tokko) tokkoon tokkoon marichaa irratti argamuu qabu.
Jaarsoliin namni cuuphamuu barbaadu sun waaʼee barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu beekumsa gaʼaa argachuu isaa mirkaneeffachuuf carraaqqii godhu. Kana malees, namni cuuphamuu barbaadu sun dhugaadhaaf dinqisiifannaa guddaa akka qabuu fi jaarmiyaa Yihowaatiif kabaja malu kan kennu taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabu. Namni kun barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu sirriitti kan hin hubanne yoo taʼe, yeroo gara biraa cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu akka dandaʼuuf, jaarsoliin dhuunfaatti gargaarsa barbaachisu akka argatu haala isaaf mijeessu. Warri kaan immoo, dinqisiifannaan tajaajilaaf qaban dabalaa akka deeme ykn qophiiwwan jaarmiyichaatiif akka bitaman argisiisuu akka dandaʼaniif yeroo dabalataa isaanii kennuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Jaarsoliin namni cuuphamuu barbaade sun cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu isaa akka gaariitti hubachuuf, yeroo gara saʼaatii tokkoo taʼuu fi tokkoon tokkoon kutichaa irratti mariʼachuudhaan dabarsan akkamitti sirriitti itti fayyadamuu akka dandaʼan murteessuu qabu. Gaaffiiwwan tokko tokkoof yeroo dheeraa, warra kaaniif immoo yeroo gabaabaa ramaduun kan dandaʼamu taʼus, gaaffiiwwan hunda irratti mariʼachuu qabdu.
Jaarsoliin gaaffiiwwan sana mariisisuuf ramadaman, kutaa lammaffaa irratti mariin erga geggeeffamee booda wal arganii namni kun cuuphamuuf gaʼeessa taʼuu fi dhiisuu isaa murteessu. Jaarsoliin tokkoon tokkoon kaadhimamtoota cuuphaa ilaalchisee jireenya isaanii duraanii, dandeettii isaanii fi haalawwan kan biroo tilmaama keessa galchuu qabu. Wanti jaarsoliin beekuu barbaadan kaadhimamaan cuuphaa tokko Yihowaa wajjin hariiroo uumuu isaa fi barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hubachuu isaa ti. Gargaarsa isin jaalalaan kakaatanii isaaniif gootaniin, kaadhimamtoonni cuuphaa itti gaafatamummaa guddaa tajaajiltoota misiraachichaa taʼuudhaan qaban raawwachuuf sirriitti qophaaʼuu dandaʼu.
Sana booda, jaarsolii ramadaman keessaa inni tokko ykn lamaanuu babalʼisaa sanaa wajjin wal arganii cuuphamuuf gaʼeessa taʼuu fi dhiisuu isaa itti himu. Namni sun cuuphamuuf gaʼeessa yoo taʼe, jaarsoliin kutaa “Marii Xumuraa Kaadhimamtoota Cuuphaa Wajjin Godhamu” jedhuu fi fuula 206-207 irratti argamu irratti mariʼachuu qabu. Kaadhimamaan cuuphaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qoʼatee hin xumurre yoo taʼe, erga cuuphamee booda kitaaba kana qoʼatee akka xumuru jaarsoliin jajjabeessuu qabu. Guyyaan itti cuuphame Galmee Babalʼisaa Gumii isaa irratti akka galmeeffamu kaadhimamaa cuuphaatti ni himu. Jaarsoliin odeeffannoo dhuunfaa akkasii kan isa gaafatan jaarmiyichi hojiiwwan amantaa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti raawwachuu isaa akka itti fufuuf, akkasumas sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuu fi deggersa hafuuraa argachuu akka dandaʼu gochuuf akka taʼe isa yaadachiisu. Kana malees, jaarsoliin odeeffannoon dhuunfaa kam iyyuu akka Imaammata Eegumsa Odeeffannoo Addunyaa Maraa Dhugaa Baatota Yihowaa jw.org irra jirutti akka qabamu babalʼisaa haaraa sana yaadachiisuu dandaʼu. Yeroo baayʼee mariin jaarsoliin nama sanaa wajjin godhan kun yoo baayʼate daqiiqaa kudhan caaluu hin qabu.
Babalʼisaan tokko erga cuuphamee waggaa tokko booda, jaarsoliin lama isa jajjabeessuu fi gorsa gaarii isaa kennuuf isa haasofsiisuu qabu. Jaarsolii kana keessaa tokko ilaaltuu ol aanaa garee isaa taʼuu qaba. Ijoollee yoo taʼe immoo warri isaa Dhugaa Baatota taʼan maricha irratti argamuu qabu. Marichi jaalala irratti kan hundaaʼee fi kan nama jajjabeessu taʼuu qaba. Jaarsoliin guddina hafuuraa isaa irratti ni mariʼatu, akkasumas barsiifata qoʼannaa dhuunfaa qabaachuu fi Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, waaqeffannaa maatii gochuu, yeroo hunda walgaʼiiwwan irratti argamuu fi hirmaannaa gochuu, akkasumas tajaajila irratti hirmaachuu isaa itti fufuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ilaalchisee gorsa isaaf kennu. (Efe. 5:15, 16) Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu qoʼatee hin xumurre yoo taʼe, kitaaba kana qoʼatee akka xumuru namni tokko akka isa gargaaru jaarsoliin qophii gochuu qabu. Akkasumas jaarsoliin jaalalaan kakaʼanii isa galateeffachuu qabu. Yeroo baayʼee qabxii tokko ykn lama irratti gorsaa fi yaada kennuun gaʼaa dha.