Sagantaa Torban Hagayya 10 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 10 JALQABU
Faarfannaa 44 Fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cf boq. 9, key. 1-9 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Mot. 21-22 (Daq. 8)
Lakk. 1: 1 Mot. 22:13-23 (Daq. 3 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?—igw ful. 28, key. 1-4 (Daq. 5)
Lakk. 3: Gantummaan Milikkita Barichaati! —w12 4/15 ful. 8-9 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Yaada Ijoo Jiʼichaa: “Anii fi maatiin koo Yihowaa tajaajilla.” —Iya. 24:15, NW.
Daq. 10: “Anii Fi Maatiin Koo Yihowaa Tajaajilla.” Haasaa yaada ijoo jiʼichaa irratti hundaaʼee dhihaatu. Keessa Deebii 6:6, 7, Iyaasuu 24:15, akkasumas Fakkeenya 22:6 dubbisiitii akkamitti hojii irra ooluu akka dandaʼan ibsi. Abbootiin manaa fi abbootiin dursa fudhachuudhaan maatii isaanii karaa hafuuraa gargaaruu akka qaban addeessi. Meeshaalee jaarmiyichi maatiiwwan gargaaruuf qopheesse adda addaa ibsi. Kutaawwan jiʼa kanatti Walgaʼii Tajaajilaa irratti dhihaatan tokko tokko caqasi; yaada ijoo jiʼichaa wajjin akkamitti akka wal qabatan ibsi.
Daq. 20: “Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Babalʼistoota Haaraa Leenjisuu.” Mareedhaan kan dhihaatu. Warri, ijoolleen isaanii karaa hafuuraa guddina akka godhan yommuu gargaaran seerawwan buʼuuraa mata duree kana keessatti ibsaman hojii irra oolchuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe dhaggeeffattoota gaafadhu. Hojiin argisiisni abbaan tokko ilma ykn intala isaa wajjin akkaataa dhiheenyaa yommuu qophaaʼu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 45 Fi Kadhannaa