Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 10: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Manaa Gara Manaatti Akka Tajaajilan Leenjisuu
1 Jaarsoliin gumii barataan Macaafa Qulqulluu tokko babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa ta’uusaa yoo mirkaneessan, gumii wajjin ta’uudhaan hojii lallabaarratti bobba’uu ni danda’a. (Kitaaba, Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e, jedhu ful. 79-81 ilaali.) Barataan Macaafa Qulqulluu, hojii lallabaa manaa gara manaa godhamurratti akka hirmaatu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
2 Wajjin Qophaa’uu: Qophii gaarii gochuun baay’ee barbaachisaadha. Barataan kun, yaadawwan akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaa fi kitaaba Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu jedhaman keessaa bakka kamii argachuu akka danda’u, akkasumas akkaataa dhiheenyaa salphaa ta’eefi naannoo sanaaf mijaa’aa ta’e akkamitti filachuu akka danda’u itti argisiisi. Jalqabumaa kaasii, tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti akka gargaaramu jajjabeessiin.—2 Xim. 4:2.
3 Irra deddeebi’anii shaakaluun barataa haaraa tokko baay’ee fayyada. Barataan Macaafa Qulqulluu kun, akkaataa dhiheenyaa yeroo shaakalu, ilaalcha namoonni naannoo sanaa qabaniif akkamitti furmaata kennuu akka danda’u itti argisiisi. (Qol. 4:6) Kiristiyaanni tokko gaaffii namni kaasu hundaaf deebii kennuu danda’a jechuu akka hin taane itti himi. Yeroo baay’ee, gaaffii akkanaatiif utuu deebii hin kennin dura qorannaa gochuufi guyyaa garabiraa bal’inaan irratti marii gochuun filatamaadha.—Fak. 15:28.
4 Walii Wajjin Lallabuu: Baratichi yeroo jalqabaaf tajaajila manaa gara manaatti yeroo hirmaatu, akkaataa dhiheenyaa isa waliin qophooftaniin gargaaramtee yeroo nama sana haasofsiiftu akka si hordofu godhi. Sanaan booda akka yaada kennu godhi. Yeroo tokko tokko, babal’isaa haaraan akkaataa dhiheenyaa keessaa gartokkoosaarratti jechuunis caqasa dubbisuufi caqasicharratti qofa akka yaada kennu gochuun gaarii ta’uu danda’a. Dandeettii fi amala barataa kanaa tilmaama keessa galchi. (Filp. 4:5) Hojii lallabaa bifa adda addaarratti wayita isa leenjiftu yeroo hundumaa isa galateeffadhu.
5 Babal’isaa haaraan tokko, danda’amnaan yeroo hunda hin danda’amuuf taanaan immoo torbee torbeedhaan tajaajilarratti hirmaachuuf sagantaa akka baafatu gargaaruun barbaachisaadha. (Filp. 3:16) Sagantaa murtaa’e baasuudhaan waliin tajaajili. Akkasumas, obboloota hinaaffaadhaan tajaajilanii wajjin akka tajaajilu jajjabeessiin. Fakkeenyisaaniifi isaanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuunsaa dandeettiisaa akka guddifatuufi tajaajila manaa gara manaatti akka gammaduu isa godha.