Kutaa 12: Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Barattoonni Macaafa Qulqulluu Qayyabatan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuufi Geggeessuu Akka Danda’an Gargaaruu
1 Barattoonni Macaafa Qulqulluu nuu wajjin qayyabatan tajaajilarratti hirmaachuu wayita eegalan, ofiisaaniitiin qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuu ni sodaatu ta’a. Sodaa malee tajaajila barbaachisaa ta’e kanarratti akka hirmaatan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?—Mat. 24:14; 28:19, 20.
2 Barataan Macaafa Qulqulluu babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’eessa ta’ee amma argametti, Mana Barumsaa Tajaajilaa Ti’ookraasiirratti hirmaachuu jalqabeera jechuudha. Kutaa barataadhaaf kennamu fudhatee qophaa’uufi dhiheessuudhaan leenjii inni argatu, hojii barsiisummaa namoota kaan duuka buutota gochuuf isa gargaaruufi ‘hojjetaa waan itti yeella’u hin qabne ta’uudhaan dubbii dhugaa qajeeltootti hojjechuuf’ isa gargaara.—2 Xim. 2:15.
3 Fakkeenya Ta’uudhaan Barsiisi: Yesus barumsa ifaafi fakkeenya gaarii ta’uun bartootasaa leenjisaa ture. ‘Barataan tokko guutummaatti erga barsiifamee booda akka barsiisaasaa ta’a’ jedheera. (Luq. 6:40) Tajaajila keerratti fakkeenya gaarii ta’uudhaan Yesusiin hordofuunkee barbaachisaadha. Barataankee fakkeenya ta’uufiidhaan tajaajilakee akkasitti yeroo raawwattu ilaaluunsaa, kaayyoon deddeebi’anii gaafachuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf ta’uusaa hubata.
4 Tajaajilarratti yeroo namoota qayyabannaadhaaf afeerru, barataa kanaaf akkaataa qayyabannaa bal’inaan ibsuun barbaachisaa miti. Barreeffamoota qayyabannaadhaaf qophaa’anirraa keeyyata tokko ykn lama hojiin argisiisaan baratichaaf ibsuun caalaatti gaariidha. Kana gochuuf yaadawwan nu gargaaruu danda’an Tajaajila Mootummaa kana fuula 8fi Amajjii 2002 fuula 6rraa argachuu dandeenya.
5 Yoo barbaachisaa ta’e baratichi si duukaa ykn babal’isaa muuxannoo qabuu wajjin qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti akka hirmaatu afeeri. Wayita kanatti keeyyata ykn caqasa ijoo ta’erratti yaada akka kennuu godhi. Haala kana ilaaluun qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu guddina argisiisan akka itti geggeessuu danda’u barata. (Fak. 27:17; 2 Xim. 2:2) Carraaqqii inni godhuuf baraticha galateeffadhu; akkasumas akkamitti guddina argisiisuu akka danda’u itti himi.
6 Barataa haaraan barsiisaa Sagalee Waaqayyoo akka ta’uuf leenjisuun, “hojii gaarii” qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ofiisaaniitiin jalqabsiisuufi geggeessuu akka danda’uuf isa gargaara. (2 Xim. 3:17) Afeerraa: “Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!” jedhu kanarratti, namoota haaraa kanaa wajjin hirmaachuun keenya akkam kan nama gammachiisudhaa!—Mul. 22:17.