Yeroon Itti Lallabamu Amma!
1 “Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” Ergaan kun dura buutummaa ergamootaatiin “saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis” lallabamaa jira. Maaliif lallabama? “Yeroon firdii isaa [kan Waaqayyoo] waan ga’eef.” Yeroo har’aa kan jiraannu “yeroo firdii” badiisa sirna wantootaa kanaan xumuramu keessa. Namoonni ‘isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeef sagaduunsaanii’ baay’ee barbaachisaadha. Eeyyee, yeroon itti lallabnu ammadha!—Mul. 14:6, 7.
2 Waggoota kurnan darbanitti tajaajiltoonni Yihowaa waa’ee Mootummatti lallabuufi bartoota taasisuurratti gara sa’aatii biliyoona 12 ta’u dabarsaniiru. Makara hafuuraa kanarratti guutummaatti hirmaachuuf baay’eensaanii jireenyasaaniirratti jijjiirama godhaniiru. (Mat. 9:37, 38) Fakkeenyaaf, waggaa darbe ji’a hundumaatti giddu galeessaan babal’istoonni 850,000 ol ta’an qajeelchitoota ta’anii turan. Kana jechuun, qajeelchitoonni ji’a ji’aan giddu galeessaan sa’aatii 70 tajaajiluu qabu jechuudha. Obboloonni qajeelchaa gargaaraa ta’animmoo sa’aatii 50 tajaajiluu qabu.
3 Wantoota Qajeelchaa Ta’uuf Barbaachisan: Qajeelchitoonni “yeroon si’anaa kun dhumuuf” akka jedhu waan hubataniif, jireenya salphaa jiraachuuf carraaqu. (1 Qor. 7:29, 31) Yeroo dheeraa hojjechuu akka isaan hin barbaachisneef, mala baasiisaanii itti hir’isan barbaadu. Fakkeenyaaf tokko tokko mana jireenyaa dhiphoo keessa jiraachuuf iddoo jijjiirrataniiru. Kaanimmoo qabeenya barbaachisaa hin taane hir’isaniiru. (Mat. 6:19-21) Dhimmawwan dhuunfaasaanii duukaa bu’uu dhiisuunis isaan barbaachiseera. Kun hundi kan godhame, tajaajilaaf yeroofi xiyyeeffannaa dabalataa kennuuf jedhameeti. (Efe. 5:15, 16) Babal’istoonni hedduun, jabinaan, fedhii mataa ofii aarsaa gochuudhaan, akkasumas kadhannaadhaan gargaarsa Yihowaa gaafachuudhaan, sagantaa qajeelchitoota ta’uuf isaan gargaaru baafachuu danda’aniiru.
4 Qajeelchaa ta’uu dandeessaa? Obboloota qajeelchitoota ta’an akkamitti akka isaaniif mijaa’e maaliif hin gaafattu? Isaanii wajjin tajaajiluudhaan gammachuu argatan argadhu. Barumsawwan qajeelchitoota ilaalchisee barreeffamoota keenyarratti ba’an dubbisi. Karoora itti hojjechuu dandeessu baafachuunkee qajeelchaa ta’uuf si gargaaruu danda’a. Gufuuwwan yeroo ammaatti qajeelchaa taatee akka hin tajaajille si dhowwan yoo jiraatan, kadhannaadhaan Yihowaatti himiitii furmaata akka sii kennu kadhadhu.—Fak. 16:3.
5 Eebbaafi Gammachuu: Qajeelchaa ta’uun dandeettii Sagalee Waaqayyootti gargaaramuuf qabnu guddisuudhaan, gammachuun keenya akka dabalu godha. Shamarree qajeelchituun tokko: “Dhugaa Sagalee Waaqayyoo sirriitti fayyadamuun dhugumaan eebba guddaadha. Qajeelchaa yoo taatan Macaafa Qulqulluutti gargaaramuuf carraa baay’ee qabdu. Amma manaa gara manaa yommuun tajaajilu, caqasa nama hundumaaf ta’u yeroosuma nan yaadadha” jetteetti.—2 Xim. 2:15.
6 Qajeelchaa ta’uun akkaataa jireenya keenyaa itti fooyyessinus nu barsiisa. Dargaggoonni yeroosaaniittiifi qarshiisaaniitti akkamitti sirriitti akka itti fayyadamaniifi namootaa wajjin akkamitti akka jiraatan isaan barsiisuu danda’a. Obboloonni hedduun qajeelchaa ta’uunsaanii ilaalcha wantoota hafuuraatiif qaban caalaatti isaanii guddiseera. (Efe. 4:13) Kana malees, qajeelchitoonni yeroo baay’ee karaa adda ta’een gargaarsaafi eebba Yihowaa argatu.—HoE. 11:21; Filp. 4:11-13.
7 Qajeelchaa ta’uun caalaatti gara Yihowaatti waan nu dhiheessuuf eebba guddaadha. Kunimmoo yeroo qorumsi nurra ga’u jabaannee dhaabachuuf nu gargaara. Obboleettiin yeroo rakkisaatti jabaattee dhaabatte tokko akkas jetteetti: “Yeroon qajeelchituu ta’etti Yihowaatti dhihaachuun koo, yeroo rakkisaa kana akkan mo’adhu na gargaareera. Dargaggummaa koo yeroo guutuudhaan Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsuukootti baay’een gammada. Kunimmoo karaan ni ta’a jedhee yaadee hin beekneen akkan Yihowaadhaaf of kennu na godheera.” (HoE. 20:35) Nuyis akkasuma hojii lallabaa barbaachisaa ta’e kanarratti hamma dandeenye hirmaannaa gochuudhaan eebba guddaa haa argannu.—Fak. 10:22.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yeroon itti lallabnu amma kan ta’e maaliifi?
2. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroon keessa jiraannu ariifachiisaa ta’uusaa akka hubatan kan argisiisan akkamitti?
3. Babal’istoonni qajeelchitoota ta’uuf yeroo baay’ee sirreeffama akkamii gochuu isaan barbaachiseera?
4. Tarkaanfiiwwan hojiirra ooluu danda’an kamfaatu qajeelchaa ta’uuf nu gargaaruu danda’a?
5. Qajeelchaa ta’uun dandeettii tajaajilarratti qabnu fooyyessuuf kan nu gargaaru akkamitti?
6. Qajeelchaa ta’uun leenjii akkamii namaa kenna?
7. Qajeelchaa ta’uun caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?