Sagantaa Torban Ebla 11 Jalqabu
TORBAN EBLA 11 JALQABU
Faarfannaa 47fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
we ful. 28-31 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Iyo. 21-27 (Daq. 10)
Lakk. 1: Iyo. 25:1–26:14 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Fannoon Waaqeffannaadhaaf Ooluu Kan Hin Qabne Maaliifi? (Daq. 5)
Lakk. 3: Gadhiisiitti Hin Guddisinaa, Garmalees Hin Hacuucinaa— fy ful. 80-1 key. 9-13 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa. Gumiin keessan duula waraqaa afeerrii tibba Ayyaana Yaadannootti raabsuuf godhamaa jirurratti sochii akkamii gochaa akka jiru ibsi.
Daq. 10: Sanyii Midhaaniikee Facaasi, Harkikee Facaasuuttii Hin Boqotin! (Lal. 11:6) Kitaaba Waggaa 2011 ful. 170 key. 2 hanga ful. 173 key. 4rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Muuxannoowwan hundarratti erga mariʼattanii booda, dhaggeeffattoonni muxannicharraa barumsa akkamii akka argatan gaafadhu.
Daq. 10: Xalayaadhaan Dhugaa Baʼuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Kitaaba Mana Barumsaa, fuula 71-73rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu.
Daq. 10: “Akka Gaariitti Dhugaan Ni Baʼama.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.
Faarfannaa 8 fi Kadhannaa