Akka Gaariitti Dhugaan Ni Baʼama
1. Guyyaa Ayyaana Yaadannootti haasaa dhihaatu dabalatee wantoonni garaa namoota afeeramanii tuqan maal faʼi? Ibsi.
1 Yoom? Galgala ayyaanni Yaadannoo kabajamutti. Namoonni nu wajjin akka argaman afeeruudhaaf carraaqqii guddaan ni godhama. Garaa namoota afeeramanii kan tuqu wanta dhagaʼan qofa miti. Dubartiin tokko erga Ayyaana Yaadannoorratti argamtee booda, wanta argiterratti jechuunis, walitti dhufeenya obboloonni qaban, akkasumas galma miidhagaafi qulqulluu namoonni fedhiisaaniitiin ijaaraniifi qulqulleessanirratti yaada kenniteetti. Kanaaf, waggaa keessaa guyyaa baayʼee adda taʼe kanatti obboleessa haasaa dhiheessu qofa utuu hin taʼin, hundi keenya hojii dhugaa baʼuu kanarratti hirmaachuu qabna.—Efe. 4:16.
2. Hundi keenya keessummootaaf dhugaa baʼuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Miira Hoʼaadhaan Keessummoota Simadhaa: Fuula ifaafi gammachuudhaan keessummoota simachuudhaan isaaniif dhugaa baʼuu dandeenya. (Yoh. 13:35) Namoota hunda dubbisuu yoo dadhabdellee, namoota sitti dhihoo jiranii wajjin wal baruu dandeessa. (Ibr. 13:1, 2) Keessummoota gumii keessaa nama beekan hin qabne sitti fakkaataniif xiyyeeffannaa kenni. Tarii namoonni kun waraqaa afeerrii yeroo duula Ayyaana Yaadannoorratti raabsame fudhatanii taʼuu dandaʼa. “Yeroo jalqabaatiif as dhufuukeetii?” jettee gaafachuu dandeessa. Si wajjin akka taaʼaniifi gaaffii yoo qabaatanis akka si gaafatan isaan afeeri. Gumii kan biraan galmichatti waan fayyadamuuf daftanii baʼuun isin barbaachisa yoo taʼemmoo, “Waaʼee sagantaa kanaa maaltu akka sitti dhagaʼame utuun beekee natti tola. Karaan itti wal arguu dandeenyu jiraa?” jechuu dandeessa.
3. Babalʼistoota karaa hafuuraa dadhaban simachuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Warra Karaa Hafuuraa Dadhaban Simadhaa: Babalʼistoota walitti dhufeenya gumiidhaa wajjin qaban dhaabaniifi Ayyaana Yaadannoo qofarratti argaman tokko tokko dabalatee babalʼistoonni karaa hafuuraa dadhaban ayyaana kanarratti akka argaman hin shakkisiisu. Babalʼistoota kana simadhaa; akkasumas isaan arguu keessanitti dhugumaan gammaduu keessan itti himaa. (Rom. 15:7) Jaarsoliin dafanii manasaanii dhaquudhaan walitti dhufeenya gumiidhaa wajjin qaban akka itti fufan jajjabeessuu dandaʼu. Namoonni ayyaanicharratti argaman baayʼeen wanta dhagaʼanitti qofa utuu hin taʼin, wanta arganittis jechuunis, ‘hojii keenya isa gaarii arganii’ Waaqayyoof ulfina kennuuf akka kakaʼan ni kadhanna.—1 Phe. 2:12.