“Kanas Seenaa Kootiif Godhadhaa!” Ayyaanni Yaadannoo Du’a Yesus Ebla 2 Kabajama
1 Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman, yaadannoo du’a Yesus kabajuuf Ebla 2, 2007 walga’ii godhu. Yesus olaantummaa Waaqayyoo deggeruudhaan kan du’e yommuu ta’u, mormiin Seexanni, namoonni hundi ofittummaadhaan kaka’anii Waaqayyoon tajaajilu jechuudhaan kaase soba ta’uusaa mirkaneesseera. (Iyo. 2:1-5) Kana malees Irbaanni Gooftaa, Yesus hamma du’aatti nama gonkummaasaa eege ta’uudhaan ‘lubbuusaa furii namoota baay’eef kennuusaa’ nu yaadachiisa. (Mat. 20:28) Kanaan kan ka’es Yesus: “Kanas seenaa kootiif godhadhaa!” jechuudhaan duuka buutotasaa ajajeera. (Luq. 22:19) Dinqisiifannaan kennaa Waaqayyoo isa gati-jabeessa kanaaf qabdu, ayyaana jaalalli guddaan itti ibsame kana kabajuuf qophii akka gootu si kakaaseeraa?—Yoh. 3:16
2 Of Qopheessaa: Wantoota guyyoota muraasa Yesus ajjeefamuusaa dura turan raawwatamanirratti xiinxaluudhaan yaadannoo kana kabajuuf of qopheessuu dandeenya. (Iz. 7:10) Kanaaf akka itti gargaaramnuuf sagantaan dubbisa Macaafa Qulqulluu addaa, Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu—2007fi Kaalandarii 2007rratti nuu dhihaateera. Sagantaan dubbisa addaa kun, guyyoota tibba du’a Yesusitti turan yaada keessa galchuudhaan akka Kaalandarii yeroo har’aa itti gargaaramnutti kan qophaa’edha. Guyyoonniifi lakkoofsi Macaafa Qulqulluurra jiran kan barreeffaman akka lakkoofsa Yihudootaatti yommuu ta’u, isaanis guyyaa tokko galgalaa hamma galgala guyyaa itti aanuutti akka guyyaa tokkootti lakkaa’u. Sagantaan addaa kun kan qophaa’e garaagarummaa lakkoofsa guyyaa gidduu jiru tilmaama keessa galchuudhaani. Yaadawwan achirratti dhihaatan dubbisuufi jaalala Waaqayyo nutti argisiiserratti gad fageenyaan xiinxaluun keenya, guutummaatti Ayyaana Yaadannoo kanarraa fayyadamuuf nu gargaara.
3 Warri Kaan Akka Argaman Afeeraa: Miiltoon Tajaajila Mootummaa Guraandhalaa, guyyaa iddoo guddaan kennamuuf kanarratti namoota afeeruuf duulli addaa akka godhamu beeksisee ture. Duula kanarratti guutummaatti hirmaachuuf qophii gootaniittuu? Namoota akka gaariitti beektan yaadannootti qabachuufi afeeruu jalqabdaniittuu? Galgala ayyaanichi itti kabajamutti daftanii argamuudhaan warra afeertaniifi namoota fedhii argisiisan kaan simachuuf karoora baafadhaa. Isaanii wajjin taa’uudhaan caqasaafi faarfannaa akka hordofan gargaaraa. Obboloota kaanii wajjiin wal barsiisaa. Dhuma sagantichaarrattis yoo gaaffii qabaatan deebii kennuuf qophaa’aa. Haasawaa addaa Ebla 15 kennamurratti akka argaman afeeraa. Keessumaa jaarsoliin warri karaa hafuuraa qabbanaa’an sagantichaafi haasawaa addaarratti akka argaman afeeramuusaanii mirkaneessuu qabu.
4 Warra Fedhii Qabanis Ta’e Namoota Karaa Hafuuraa Qabbanaa’an Gargaaraa: Obboleessi haasawaa Ayyaana Yaadannoo dhiheessu, qophii Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf godhame gabaabsee ibsuudhaan warri fedhii argisiisan waa’ee Yihowaa barachuusaanii akka itti fufan jajjabeessuu qaba. Isinis yaada kennamerratti hundaa’uudhaan, waa’ee Yihowaa caalaatti akka hubatan isaan gargaaruu akka dandeessan namoota afeertanitti himuu dandeessu. Yeroo ammaa qayyabachaa hin jiran yoo ta’e, saganticha booddee utuu hin turin deebitanii isaan gaafachuufi Macaafa Qulqulluu akkamitti akka qayyabsiisnu isaanitti argisiisuuf carraaqqii godhaa. Karaa hafuuraa jabaachuu yoo barbaadan walga’iiwwan gumiirratti argamuunsaanii barbaachisaadha. (Ibr. 10:24, 25) Kanaaf yeroo hundumaa akka gumiirratti argaman jajjabeessaa. Jaarsoliin warra karaa hafuuraa qabbanaa’an, garuu ayyaanicharratti argaman dhaqanii gaafachuufi yaada haasawicharratti dhihaaterratti gadi fageenyaan akka yaadan isaan gargaaruuf qophii gochuu qabu. Kunis, sochii gumii keessatti godhan akka itti fufan gargaaruu danda’a.
5 Ayyaanni Yaadannoo waan Yihowaafi Yesus nuu godhanirratti gad fageenyaan xiinxaluuf carraa nuu bana. Kunimmoo jaalalli isaaniif qabnu akka guddatuufi amalli keenya akka fooyya’u nu gargaara. (2 Qor. 5:14, 15; 1 Yoh. 4:11) Yeroon kun, yeroo “akka inni [Yesus] namootaaf du’e” itti labsinu ta’uusaarrayyuu, yeroo ofis ta’e warra kaan guyyaa bakki guddaan kennamuuf kanaaf itti qopheessinudha.—1 Qor. 11:26.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Ebla 2, 2007 guyyaa addaati kan jennu maaliifi?
2. Ayyaana Yaadannootiif akkamitti of qopheessuu dandeenya?
3. Namoonni fedhii qabanis ta’an warri karaa hafuuraa qabbanaa’an, Ayyaana Yaadannoorraa faayidaa akka argatan akkamitti gargaaruu dandeenya?
4. Namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman karaa hafuuraa akka guddatan akkamitti gargaaruu dandeenya?
5. Ayyaana Yaadannoorratti argamuun keenya fayyadaa akkamii nuu argamsiisa?