“Kanas Seenaa Kootiif Godhadhaa!” Ayyaana Yaadannoo Ebla 5 Kabajamu
1. Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus kabajuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
1 “Kanas seenaa kootiif godhadhaa!” (Luq. 22:19) Yesus jechoota kanatti fayyadamuudhaan duuka buutonnisaa duʼa aarsaa inni duʼe akka yaadatan isaan abboomeera. Wantoota furichi argamsiiserraa kaʼuudhaan, Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajamu caalaa guyyaan Kiristiyaanotaaf barbaachisaa taʼe ykn gatii guddaa qabu hin jiru jechuu dandeenya. Waggaa kanatti, Ayyaanni Yaadannoo Ebla 5 kabajnu yommuu dhihaachaa deemu, galateeffannaa Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?—Qol. 3:15.
2. Karaa qayyabannaafi xiinxaluu, dinqisiifannaa Ayyaana Yaadannootiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Qophaaʼi: Jireenya keenya keessatti wanta barbaachisaa taʼuusaa itti amanne tokkoof qophii akka goonu beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, torban Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesusitti, maatiidhaan wantoota torban dhuma jireenyasaa isa lafarraatti raawwatamanirratti yaaduufi xiinxaluudhaan qophaaʼuu dandeenya. (Iz. 7:10) Caqasoota torban sana dubbifaman keessaa muraasasaanii, kaalaandariifi buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamurraa, balʼinaanimmoo chaartii Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2011, fuula 23-24rra argachuu dandeessa. Chaartiin kun kitaaba Nama Namoota Hanga Harʼaatti Jiraatan Hunda Caalu jedhamurratti bakka caqasoonni kun itti ibsaman qabateera. (Amaariffaa)
3. Hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddifachuudhaan, dinqisiifannaa Ayyaana Yaadannootiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Lallabi: Tajaajilarratti hamma dandeenyu hirmaachuudhaanis dinqisiifannaa qabnu argisiisuu dandeenya. (Luq. 6:45) Namoota Ayyaana Yaadannoorratti afeeruuf duulli addunyaa maratti godhamu, Sanbadduraa, Bitootessa 17 eegala. Tajaajilarratti saʼaatii dabalataa dabarsuu ykn qajeelchaa gargaaraa taʼuuf sagantaa keerratti sirreeffama gochuu ni dandeessaa? Maarree Waaqeffannaa Maatii galgala ittaanu godhatanirratti, waaʼee kanaa maalif hin mariʼattan?
4. Ayyaana Yaadannoorratti argamuudhaan faayidaa akkami argachuu dandeenya?
4 Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajamurratti argamuudhaan faayidaa argannurratti mee yaadaa! Tokkicha Ilmasaa furii nuuf gochuudhaan arjummaa Yihowaan nuu godhe yemmuu calaqqisiisnu, gammachuufi jaalalli nuti Isaaf qabnu ni dabala. (Yoh. 3:16; 1 Yoh. 4:9, 10) Kun ofiif akka hin jiraanne nu dirqisiisa. (2 Qor. 5:14, 15) Namoota duratti Yihowaa jajachuufis nu kakaasa. (Far. 102:19-21) Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa gammadoo taʼan, Ayyaana Yaadannoo Ebla 5 kabajamurratti carraa ‘gooftaan namootaaf duʼuusaa labsuuf’ argatan hawwiidhaan eeggatu.—1 Qor. 11:26.