Dinqisiifannaa Keenya Haa Argisiisnu
Ayyaanni Yaadannoo Ebla 17 Kabajama
1. Yaanni faarfatichi dubbateefi keessumaa tibba Ayyaana Yaadannoo wajjin wal simu isa kami?
1 Faarfatichi dinqisiifannaa oʼaafi eegumsa Yihowaan isaaf godheen kakaʼee, “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?” jedheera. (Far. 116:12) Yeroo harʼattis, sabni Waaqayyoo sababa itti galateeffachuu dandaʼu baayʼee qaba. Jechoonni kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin erga barreeffamanii jaarraawwan hedduu booda Yihowaan ilmaan namaatiif kennaa guddaa jechuunis furii kenneera. Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesus Ebla 17 kabajamu ayyaaneffachuuf yommuu qophoofnu, sababa dinqisiifannaa keenya itti argisiisnu gaʼaa arganna.—Qol. 3:15.
2. Sababiiwwan furii Yesus akka dinqisiifannu nu godhan kam faʼi?
2 Eebbawwan Furii Sanarraa Argaman: Karaa furii kanaatiin “dhiifamuu cubbuu” argachuu dandeenyeerra. (Qol. 1:13, 14) Kunis yaada garaa qulqulluu taʼeen Yihowaa waaqeffachuuf nu dandeessisa. (Ibr. 9:13, 14) Yommuu Yihowaatti kadhannaadhaan dhihaannu ija jabinaan dubbachuu dandeenya. (Ibr. 4:14-16) Namoonni furii kanarratti amanti akka qaban argisiisan abdii jireenya barabaraa qabu!—Yoh. 3:16.
3. Furii kana waan nuu qopheesseef dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Dinqisiifannaa Keenya Argisiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti? Karaan dinqisiifannaa keenya itti argisiisnu keessaa inni tokko, dubbisa Macaafa Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannootti godhaman guyyaa guyyaadhaan dubbisuufi irratti xiinxaluudha. Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1, 2011 mataduree “Guyyaa Bakki Guddaan Kennamuufii Qabuuf Qophoofteettaa?” (Amaariffa) jedhuun qophaaʼe kana gochuuf nu gargaara. Furii kanaaf bakka guddaa akka kenninu kadhannaadhaan Yihowaadhaaf ibsuu dandeenya. (1 Tas. 5:17, 18) Abboommii Yesusiif ajajamuudhaan Ayyaana Yaadannoorratti argamuun keenya dinqisiifannaa qabnu argisiisa. (1 Qor. 11:24, 25) Kana malees, jaalala Yihowaa hordofuudhaan hamma dandeenye namoonni hedduun ayyaana kanarratti akka argaman afeeruu dandeenya.—Isa. 55:1-3.
4. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?
4 Tajaajiltoonni Yihowaa furii kanaaf dinqisiifannaa guddaa waan qabaniif, Ayyaana Yaadannoo kana akka walgaʼiiwwan kaanitti hin ilaalan. Ayyaanni Yaadannoo walgaʼii waggaa keessatti bakki guddaan kennamuufidha! Kanaaf, yommuu Ayyaanni Yaadannoo dhihaachaa jiru kanatti nuyis akkuma faarfatichaa “Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin!” jechuuf murtoo haa goonu.—Far. 103:2.