Warri Kaan Furii Yesusirraa Akka Fayyadaman Gargaaraa
Ayyaanni Yaadannoo Du’a Kiristos Ebla 12 Kabajama
1 “Kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef, Waaqayyoof galanni haa ta’u!” (2 Qor. 9:15) Jechoonni kun gaarummaa Waaqayyoo, isa inni karaa Yesus Kiristos Ilmasaatiin sabasaatti argisiise ilaalchisee wanta nutti dhaga’amu ibsu. Ebla 12tti Ayyaana Yaadannoo du’a Kiristos kabajuuf gaafa walitti qabamnu, dinqisiifannaa akkasii qabaachuu keenya caalaatti argisiisna.
2 Waggaa waggaadhaan namoonni gara miliyoona kudhanii ta’an Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Ayyaana Yaadannoorratti ni argamu. Kana gochuusaaniitiinis dinqisiifannaa furii Yesusiif qaban argisiisu. Furii dhihaate kanarraa faayidaa argachuuf garuu isatti amanuu qabu. (Yoh. 3:16, 36) Amantaa akkasii akka qabaataniif isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Tibba ayyaanichaatti, Macaafa Qulqulluu akka qayyabataniifi walga’iiwwan gumiirratti akka argaman isaan jajjabeessuu dandeenya. Yaadawwan armaan gadii ilaalaa.
3 Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu: Namoota fedhii qaban gara Ayyaanichaatti yommuu afeertu, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuun fayyadamtee qayyabannaa maaliif hin jalqabsiistu? Yaada ful. 206-208rratti mataduree “Irbaata Gooftaa—Ayyaana Waaqayyoof Ulfina Fidu” jedhu jala jirutti fayyadamuudhaan waa’ee Ayyaana Yaadannoo namichaaf ibsi. Tarii yeroo tokko ykn lama erga wajjin mari’attanii booda, ykn balbalumasaa duratti yeroo qayyabattan kana gochuu dandeessa. Yaada kanarratti mari’attanii yommuu xumurtan, tarii namichi boqonnaa 5ffaa mataduree “Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caaludha” jedhurratti akka mari’attan yoo isa afeerte tole jechuu danda’a. Akka kanaan qayyabannaa takkaa jalqabnaan, deebi’aa dhaqaatii boqonnaawwan jalqabaa arfanirratti mari’achuudhaan itti fufaa.
4 Akkaataa armaan olitti ibsameen gargaaramnee eenyufaa qayyabannaa jalqabsiisuu dandeenya? Namoonni wajjin hojjettu, wajjin barattu, ykn ollaawwankee mari’achuuf fedhii ni qabaatu ta’a. Obboloonni, abbootii manaa obboleettota Dhugaa Baatota hin taanetti dhihaatanii utuu isaan haasofsiisanii gaariidha. Firoottankees Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeruu hin irraanfatin. Kana malees, namoota kanaan dura utuu walirraa hin kutin gumiirratti argamaa turan Ayyaana Yaadannoo kanarratti akka argaman afeeruuf carraaqqii gochuu qabna. (Luq. 15:3-7) Namoonni akkasii hundi furii Yesusirraa faayidaa akka argatan haa gargaarru.
5 Walga’iiwwan Gumii: Walga’iin barattoonni Macaafa Qulqulluufi namoonni fedhii qaban kaan irratti argaman inni jalqabaa Ayyaana Yaadannooti. Walga’iiwwan gumii kaanirraas akka fayyadaman isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamittiree? Tajaajilli Mootummaa Ebla 2005 ful. 6rratti yaadawwan kanatti aananii jiran kenna: “Mata duree haasawaa sabaa itti aanu itti himaa. Masaraa Eegumsaa ykn wanta Qayyabannaa Kitaabaa Gumiirratti qayyabatamu itti argisiisaa. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’okraasiifi Walga’iin Tajaajilaa maal akka ta’e ibsaafii. Mana barumsaa keessatti kutaa yoo qabaattan isaanii wajjin shaakaluu dandeessu. Yaadawwan ijoo walga’iirratti dhihaatan itti himaa. Wanta geggeessamu akka hubataniif suuraawwan barreeffamoota keenyarra jiranitti gargaaramaa. Guyyaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabanii kaasee, walga’iiwwan gumiirratti akka argaman afeeraa.”
6 Namoonni garaa qajeelaa qaban Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi walga’ii gumiirratti argamuusaanii yoo itti fufan, yeroo baay’ee karaa hafuuraa dafanii guddatu. Kanaafuu, warri kaan qophii hafuuraa kanarraafi furii Yesus isa kennaa Waaqayyoo isa guddaarraa faayidaa akka argatan haa gargaarru.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Sabni Waaqayyoo dinqisiifannaa furii Yesusiif qaban karaan itti argisiisan inni tokko kami?
2. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Ayyaana Yaadannoorratti kan argaman eenyufa’i? Furii dhihaaterraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabu?
3. Warra Irbaata Gooftaarratti akka argaman afeerru qayyabannaa jalqabsiisuu kan dandeenyu akkamitti?
4. Tibba Ayyaana Yaadannootti eenyufaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu dandeenya?
5. Barattoonni Macaafa Qulqulluufi namoonni fedhii qaban kaan walga’iiwwan gumiirratti akka argaman isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?
6. Karaawwan lamaan namoonni garaa qulqulluu qaban furii Yesusirraa faayidaa akka argatan itti gargaaruu dandeenyu kamfa’i?