LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/06 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Bitootessa 13 Jalqabu
  • Torban Bitootessa 20 Jalqabu
  • Torban Bitootessa 27 Jalqabu
  • Torban Ebla 3 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2006
km 3/06 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Bitootessa 13 Jalqabu

Faarfannaa 22 (47)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiran, ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Amajjii 1fi Dammaqaan! Amajjii 2006 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin agarsiisni akka dhihaatu godhi. Babal’isaan sun barruu raabse sanaatti fayyadamee, nama haasofsiise sana Ayyaana Yaadannoorratti akka argamu afeeruudhaan haa xumuru.

Daq. 15: “Warri Kaan Furii Yesusirraa Akka Fayyadaman Gargaaraa.” Kutaan ittaanee dhihaatu, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ful. 206-208⁠tti fayyadamnee namoonni Ayyaana Yaadannoorratti akka argamaniif akkamitti itti gargaaramuu akka dandeenyu kan ibsudha.

Daq. 20: Irbaata Gooftaa—Ayyaana Waaqayyoof Ulfina Fidu. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ful. 206-208⁠rratti hundaa’uudhaan gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunne keessatti keeyyata jalqabaa dubbisuudhaan, namichi Ayyaana Yaadannoorratti akka argamu afeeruun akkamitti akka danda’amu argisiisi. Kana booda dhaggeeffattoonni gaaffilee armaan gadiirratti yaada akka kennaniif afeeri; keeyyatoota dubbisuun hin barbaachisu: (key. 2) Yesus Ayyaana Yaadannoo du’asaatii kan dhaabe yoomi? key. 3) Irbaanni Gooftaa kan ayyaaneffatamuu qabu waggaatti al meeqa? (key. 4) Macaafni Qulqulluun Ayyaanni Yaadannoo akkamitti akka kabajamu ibsa? (key. 5) Yesus buddeenicha gara foonsaatti akka hin jijjiirre, akkasumas wayinicha gara dhiigasaatti akka hin jijjiirre akkamitti beekuu dandeenya? (key. 6) Buddeenni raacitii hin qabne sun maal kan bakka bu’udha? (key. 7) Wayinii inni diimaan maal bakka kan bu’udha? (key. 8) Buddeenaafi wayinii Ayyaana Yaadannoo kanarratti dhihaatanirraa nyaachuufi dhuguu kan danda’an eenyufa’i? (key. 9) Irbaanni Gooftaa waggaa waggaatti yeroo kam kabajama? Ayyaanicharratti argamuu kan qabnu maaliifi? Yeroo yoo qabaattan caqasawwan ijoo ta’anirratti mari’adhaa. Hundisaanii, keeyyatoota kana dubbisuudhaan, yaadawwan ijoorratti mari’achuudhaan, gaaffiiwwan salphaa akka kutaa kana keessatti dhihaatanii gaafachuudhaan, barumsa kana barattoota Macaafa Qulqulluusaaniifi warra Ayyaana Yaadannoorratti afeeran kaanii wajjin akka qayyabatan jajjabeessi.

Faarfannaa 65 (152) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Bitootessa 20 Jalqabu

Faarfannaa 51 (127)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Saanduqa “Yaadachiisa Ayyaana Yaadannoo” jedhu keessaa qabxiiwwan ijoo irra deebi’i.

Daq. 23: Qophii Waaqayyoo Keessatti Ga’ee Yesus Qabu. Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhamu ful. 10-13⁠rratti hundaa’ee haasawaadhaan kan dhihaatu. Mataduree xiqqaa “Ga’een Yesus Maalidha?” jedhu jalatti keeyyatoota jalqabaa lamaanirratti wayita mari’attan, daqiiqaa sadii ykn afur fudhachuudhaan waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannootti fayyadamuun akkamitti akka danda’amu yaada kenni; hojiin argisiisaanis akka dhihaatu godhi. Yaadawwan Tajaajila Mootummaa Guraandhala 2006 ful. 3, key. 3⁠rra jiran irra deebi’i.

Daq. 12: Caqasawwan Guyyaa Guyyaa Qorachuudhaan Jajjabina Argachuu. Haasawaafi hojiin agarsiisa yaada seensaa Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu—2006⁠rratti hundaa’uudhaan dhihaatu. Duraan dursiitii maatiin tokko yaada caqasa guyyaasanaarratti qophaa’uudhaan hojiin argisiisa akka dhiheessan taasisi.

Faarfannaa 85 (191) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Bitootessa 27 Jalqabu

Faarfannaa 28 (58)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Bitootessa akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiranitti, ykn akkaataawwan dhiheenyaa naannoo keessaniif hojjetan kan birootti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Amajjii 15fi Dammaqaan! Guraandhala 2006 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkasumas waraqaa afeerriitti fayyadamnee namoota fedhii qaban Ayyaana Yaadannoorratti afeeruu akkamitti akka dandeenyu itti agarsiisi.

Daq.15: “Tokkummaa Obbolummaa Hin Diigamne.” Haasawaa barruulee Dammaqaarratti! hundaa’ee jaarsaan dhihaatu. Xalayaa guyyaa gaafa 31/1/06 ergame ilaaluu dandeessa. Dammaqaa! (Ingiliffaa) Bitootessa 22, 2002, ful. 9, key. 1-3⁠rraa yaada seensaa gabaabaa ta’e qophaa’i. Itti aansuudhaanis Dammaqaa! kanarraa saanduqa ful. 6⁠rraa jirutti fayyadamuudhaan, namoonni naannoowwan balaan itti ga’uu danda’u keessa jiraatan dursanii qophii gochuudhaan, balaa namarras ta’e qabeenyarra ga’uu danda’u akkamitti hir’isuu akka danda’an dubbadhu. [Dammaqaa! (Ingiliffaa) Muddee 22, 1987, ful. 26, key. 1-4⁠rraa keeyyata na’uun akka hin barbaachisne dubbatu keessaa yaada tokko tokko dabaluu dandeessa.] Dammaqaa! (Ingiliffaa) ful. 26 fi 27⁠rraa mataduree “Gargaarsa Hatattamaan Barbaachisu!” jedhu jalatti, akkasumas Dammaqaa! Fulbaana 2000, ful. 25 fi Dammaqaa! Sadaasa 2001, ful. 13, 16⁠rratti akka ibsametti, tiksitoonni (ilaaltonni olaanaa qayyabannaa Kitaabaa, jaarsoliin gumii, ilaaltonni olaanaa aanaa, obboloonni waajjira damee keessaa hojjetan) nageenya obbolootaa ilaalchisee ga’ee guddaa isaan raawwatan ibsi. Obboloonni ogummaafi haala qindaa’inaan jaarsoliifi waajjira damee wajjin hatattamaan wal qunnamuudhaan agarsiisan ibsi. Akkasumas, haala gaddisiisaa keessa utuu jiraniillee warra jajjabinni barbaachisuuf dhugaa ba’uudhaan isaan jajjabeessuu kan hin irraanfanne ta’uusaanii addeessi. Baay’een keenya socho’inni lafaa naannoo keenyatti uumamuudhaan balaan nu mudachuu baatullee, barumsi kun haalawwan rakkisaa kan birootiif akka nu gargaaru addeessuudhaan saganticha xumuri.

Daq. 18: Haasawaa Kitaaba Waggaa 2006⁠rraa mataduree “Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame” jedhurratti hundaa’ee dhihaatu.

Faarfannaa 21 (46) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Ebla 3 Jalqabu

Faarfannaa 55 (133)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Muuxannoowwan gumii keessaa argaman. Dhaggeeffattoonni ji’a Bitootessaatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu raabsuudhaan muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri. Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu jalqabaman ibsi. Muuxannoo ba’eessa argame tokko ykn lama hojiin argisiisaan akka dhihaatan godhi.

Daq. 20: “Namoota Gad Of Deebisan Daandii Waaqayyoorra Akka Deddeebi’an Barsiisaa.” Yaada Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2004, ful. 16, key. 9⁠rra jiru itti dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 18 (42) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi