Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
85 Yaa Yihowaa, biyya keetti gaarummaa argisiisteetta;+
Ijoollee Yaaqoob warra boojuudhaan fudhatamanii turan deebisteetta.+
3 Aarii kee hundumaa toʼatteetta;
Dheekkamsa kee isa bobaʼu irraas deebiteetta.+
5 Bara baraaf akka malee nutti aartaa?+
Dheekkamsi kee hoo dhalootaa hamma dhalootaatti akka itti fufu ni gootaa?
6 Sabni kee akka sitti gammaduuf,
Deebistee nu hin bayyanachiistuu?+
7 Yaa Yihowaa, jaalala kee isa amanamaa nutti argisiisi,+
Fayyinas nuuf kenni.
8 Inni saba isaa warra isaaf amanamoo taʼanitti nagaa waan dubbatuuf,+
Ani wanta Yihowaan inni Waaqa dhugaa taʼe jedhu nan dhagaʼa;
Garuu isaan akka malee ofitti amanamuutti hin deebiʼin.+
9 Ulfinni isaa biyya keenya keessa akka buufatuuf,
Fayyisuun isaa warra isa sodaatanitti dhugumaan dhihoo dha.+
10 Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan wal argatu;
Qajeelummaa fi nagaan wal dhungatu.+
11 Amanamummaan lafa keessaa ni biqila,
Qajeelummaanis samiiwwan irraa gad ni ilaala.+
13 Qajeelummaan isa dura ni deema,+
Adeemsa isaatiifis daandii ni qopheessa.