Ayyaana Yaadannootiif Garaa Gammachuu Qabuun Qophaaʼaa
1. Tibbi Ayyaana Yaadannoo yeroo addaa maal gochuuf nu gargaarudha?
1 Ayyaanni Yaadannoo Kibxata, Bitootessa 26 kabajamu, qophii Waaqayyo fayyina keenyaaf godhetti gammaduuf carraa adda taʼe nuu kenna. (Isa. 61:10) Yeroon ayyaanni kun itti kabajamu gaʼuusaa durallee, garaan gammachuu qabu qophii gaarii gochuuf nu gargaara. Akkamitti?
2. Ayyaana Yaadannoo kabajuuf qophii akka goonu kan nu kakaasu maalidha?
2 Ayyaana Kana Kabajuuf Qophaaʼuu: Ayyaanni Yaadannoo ayyaana bakka guddaa qabu taʼus, haala salphaa taʼeen kabajama. Taʼus, wantoonni barbaachisaa taʼan akka hin dagatamneef dursanii qophii gochuun barbaachisaadha. (Fak. 21:5) Yerooniifi bakki mijaaʼaa taʼe filatamuu qaba. Akkasumas, wayiniifi maxinoo sirrii taʼe qopheessuun barbaachisaadha. Bakki Ayyaanni kun itti kabajamu qulqulleeffamuufi sirriitti qixeeffamuu qaba. Obboleessi haasa akka dhiheessuuf ramadame sirriitti qophaaʼuu qaba; obboloonni wayiniifi maxinoo naanneessan, akkasumas warri keessummoota simatan sirriitti qindeeffamuu qabu. Wantoota kana keessaa garri caalaansaanii hanga ammaatti akka raawwataman hin shakkisiisu. Dinqisiifannaan furichaaf qabnu ayyaana qulqulluu taʼe kanaaf sirritti akka qophoofnu nu kakaasa.—1 Phe. 1:8, 9.
3. Ayyaana Irbaata Gooftaatiif garaa keenya qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Garaa Keenya Qopheessuu: Barbaachisummaa Ayyaana Yaadannoo guutummaatti hubachuufis garaa keenya qopheessuu qabna. (Iz. 7:10) Kana gochuufimmoo, dubbisa Macaafa Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo dubbisuufi jireenya Yesus lafarraa isa gara xumuraarratti xiinxaluuf yeroo ramaduu qabna. Amala fedhii ofii aarsaa gochuu Yesus argisiiserratti xiinxaluun keenya, fakkeenyasaa hordofuuf nu kakaasa.—Gal. 2:20.
4. Faayidaa furiin argamsiisu keessaa isa kamtu caalaatti gammachuu guddaa siif kenna?
4 Duuti Kiristos olaantummaan Yihowaa akka mirkaneeffamu godha. Akkasumas cubbuufi duʼa jalaa nu fura. (1 Yoh. 2:2) Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu godha; kana malees karaa jireenya barabaraa nuuf bana. (Qol. 1:21, 22) Dabalataanis, murtoo Yihowaadhaaf of murteessinee jiraachuuf goone cimsachuufi bartoota Kiristos taanee itti fufuuf nu gargaara. (Mat. 16:24) Yeroo Ayyaana Yaadannoo kabajuufi irratti argamuuf qophii gootan kanatti gammachuun keessan akka dabalu hawwina!