Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Bitootessa 12 Jalqabu
Faarfannaa 24 (50)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1fi Dammaqaan! Guraandhala 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: Namni Jaallannu Tokko Yeroo Yihowaa Waaqeffachuu Dhiisu. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2006, ful. 17-21rratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu.
Daq. 20: “Kanas Seenaa Kootiif Godhadhaa!” Keeyyata 3ffaarratti si’a mari’attan, namoota afeerruuf waa’ee Ayyaana Yaadannoo ibsuuf akkaataa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamnu ilaalchisee yaada Tajaajila Mootummaa Bitootessa 2006, ful. 1, key. 3rra jiru dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 74 (168) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 19 Jalqabu
Faarfannaa 20 (45)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filatame. Saanduqa “Ayyaana Yaadannoo Ilaalchisee Yaadachiisawwan Kennaman” jedhu ful. 2rraa qabxiilee ijoo ta’an irra deebi’i.
Daq. 20: Karaawwan Tajaajila Keessan Itti Babal’isuu Dandeessan. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu boqonnaa 10rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 15: “Maal Jettee Deebista?” Qayyabannaa maatii keessatti kutaa kanatti fayyadamuun akkamitti akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaa ta’e tokko haa dhihaatu.
Faarfannaa 51 (127) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 26 Jalqabu
Faarfannaa 88 (200)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Bitootessaa akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 15fi Dammaqaan! Bitootessa 2007 waraqaa afeerraa Ayyaana Yaadannoo wajjin si’a raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? Yaada Dammaqaa! Adoolessa 2006, ful. 23-25rratti hundaa’uudhaan haasawaan kan dhihaatu. Obboloota barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumuranii booda tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaa jiran lama ykn tokkoof gaafannoo godhi. Tajaajila Yeroo guutuu kan filatan maaliifi? Kana gochuusaaniitiin eebba akkamii argatan?
Faarfannaa 63 (148) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 2 Jalqabu
Faarfannaa 79 (177)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni namoota fedha argisiisan haasawaa sabaa addaa Ebla 15 dhihaatuuf akka afeeran jajjabeessi.
Daq. 20: Namoota Ayyaana Yaadannoorratti Argaman Gargaaruu Keessan Itti Fufaa. Haasawaa jaarsaan dhihaatu. Ayyaana Yaadannoo godhamerratti baay’ina namoota gumichatti argaman, akkasumas baay’ina namoota fedhii argisiisan meeqatti akka tilmaamaan beeksisi. Afeerraa godhameefiin Ayyaana Yaadannoorratti kan argaman ykn xumura sagantichaa booda Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaarsi akka godhamuuf keessumsiistota kan gaafatan yoo jiraatan dubbadhu. Yaadawwan namoota ayyaanicharratti argaman gargaarsi hafuuraa akka godhamuuf isaan dandeessisu dubbadhu. (km 3/06, ful. 1, key. 5; km 2/05, ful. 3, key. 9; km 2/04, ful. 5, key. 16 ilaali.) Babal’istoonni hundi namoota kana hordofuuf carraaqqii akka godhan jajjabeessi.
Daq. 15: Kitaaba Waggaa 2007tti Akka Gaariitti Fayyadamuu. Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Qabxii ijoo “Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame” jedhu irra deebi’i. Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2007rraa “Gabaasa Addunyaa Maraa” addeessi. Maatiiwwan afaan Ingiliffaa danda’an walirraa utuu hin kutin kitaaba kana guutummaatti akka dubbisan jajjabeessi. Kitaaba kanatti fayyadamnee namoonni jaarmiyaa Yihowaatti dhihaachuudhaan walga’iiwwanirratti akka argamaniif karaa itti jajjabeessuu dandeenyu yaada kenni.
Faarfannaa 4 (8) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.