LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/07 ful. 3
  • XALAYAA Qaama Olaanaarraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • XALAYAA Qaama Olaanaarraa Ergame
  • Tajaajila Mootummaa—2007
Tajaajila Mootummaa—2007
km 3/07 ful. 3

XALAYAA Qaama Olaanaarraa Ergame

FAKKEENYA Yesus hordofuudhaan, ‘Maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamu’ kadhanna. Hawwii cimaan kadhannaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf qabnu, akkaataa jireenyaa nuti Dhugaa Baatota Yihowaa taanee jiraannuun ibsama. Wanti nurraa barbaadamu maqaan Waaqayyoo Yihowaa ta’uusaa beekuu qofa miti. Carraa arganne hundumaatti fayyadamnee maqaa kanaaf ulfina fiduu qabna. Eeyyee, Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamnee waamamuun keenya ulfina hundarra caaludha.—Mat. 6:9; Isa. 43:10.

Sabni Yihowaa haala Faarfannaa 110:3 wajjin wal simuun, jaalalasaaniitiin hojii inni akka hojjetamu ajajerratti hirmaachaa jiru. Namoonni umriifi akkaataa guddinaa gara garaa qaban, hojii lallabaa kanarratti hirmaachaa kan jiran maaliifi? Sababii inni guddaan, Waaqayyoon waan jaallataniifi isaaf waan of murteessaniifidha. Keessa Deebiin 6:5, 6, ‘garaafi humna keenya guutuudhaan’ Yihowaa akka jaallannu nu ajaja. Jaalalli onneerraa madde akkasii kunimmoo, hanga dandeenye tajaajilarratti hirmaachuu dabalatee yeroo, humnaafi qabeenya keenya fedhii Mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf akka itti fayyadamnu nu kakaasa.

Yihowaan misiraachoon Mootummaa kun adunyaa maratti akka lallabamu kan godhe, ilmaan namootaa waan jaallatuufidha. Inni eenyuyyuu akka badu utuu hin ta’in, namoonni karaasaanii isa gadheerraa gara Uumaasaaniitti deebi’anii jireenya akka argatan barbaada. (2 Phe. 3:9) Yihowaan: “Namni jal’aan karaa isaatii akka deebi’uu fi akka jiraatu malee, ani du’a nama jal’aatti hin gammadu” jedheera. (His. 33:11) Yommuu tajaajilarratti hirmaannu, Yihowaan namoota akka jaallatu argisiifna. Tajaajilarratti hirmaachuun keenyammoo gammachuu argachuuf akka nu dandeessisu homaa hin shakkisiisu.

Kana malees, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu ilaalcha Dubbiisaa isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, jechuunis ilaalcha Caaffata Qulqullaa’oodhaaf qabnurrattis mul’achuu danda’a. Utuu Macaafni Qulqulluun hin jiru ta’ee, Waaqayyoon beekuus ta’e akka Yaaqoob 4:8 nu jajjabeessutti isatti dhihaachuu hin dandeenyu turre. Lafa kanarra kan jiraannu maaliif akka ta’eefi gara fuulduraatti maaltu akka raawwatamu, akkasumas maddi rakkina hundaa abbaa keenya Addaam ta’uusaa beekuu hin dandeenyu turre. (Rom. 5:12) Waaqayyo tokkicha Ilmasaa furii godhee nuu kennuudhaan jaalala nutti argisiisuusaa beekuu hin dandeenyu turre. Yihowaan karaawwan garabiraa hedduu beekumsa, ogummaafi hubannaasaa nuu kennaa jira. Dubbiisaa isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame akka waan guddaatti ilaaluu hin qabnuu? Dinqisiifannaan kennaa gaarii kanaaf qabnu ‘yeroo bituudhaan’ Macaafa Qulqulluu dubbisuuf, qayyabachuufi irratti xiinxaluuf nu kakaasa. (Efe. 5:15, 16, 1899; Far. 1:1-3) Matumaa yeroo Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan dabarsinutti gaabbuu hin qabnu. Kanaa mannaa, jaalalli Waaqayyoof qabnu Dubbiisaatti jabaachuudhaan hubannaafi jaalala isaaf qabnu guddisuuf nu kakaasuu qaba.

Addaam yommuu cubbuu hojjete, ijoolleesaa warra isa duuba dhalatan hundarratti gaddaafi abdii dhabuu fiduusaa baranneerra. Haata’u malee, Waaqayyo tarkaanfii fudhachuufi kaayyoo lafaaf qabu galmaan ga’uudhaan ilmaan namootaa haala gaddisiisaa kana keessaa akka ba’an qophii godheera.—Uma. 3:15.

Hundi keenya maqaan Waaqayyoo inni guddaan akka qulqullaa’u fedhii cimaa akka qabnu homaa hin shakkisiisu. Yihowaan Waaqa gaarii akkamii ta’uusaa yommuu hubachaa adeemnu, isaafi jaarmiyaasaa waliin ta’uudhaan maqaansaa inni guddaaniifi kaayyoonsaa akka beekamu gochuuf kakaana. Ammas ta’e addunyaa haaraa keessatti bara baraaf surraasaa akka argannu homaa hin shakkinu.

Nuti miseensonni Qaama Olaanaa jaalalli keenya inni onneerraa madde akka isin ga’u hawwina. Kana malees, ‘rakkinni guddaan’ dhufuusaa dura yeroo hafe kanatti, namoota hedduutti misiraachoo kana himuuf carraaqqii gootaniif isin dinqisiifanna. (Mul. 7:14) Kana yoo gootan, waa’ee Waaqayyoofi waa’ee Kiristos beekuudhaan, carraa abdii jireenya bara baraatiif argattan kana namoonni kaanis akka argatan gochuu dandeessu.—Yohannis 17:3.

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi