-
Jabina Iyoobirraa BaradhaaMasaraa Eegumsaa—2006 | Fulbaana 1
-
-
rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, nutis akkuma Iyoob amanamummaa keenya eegnee jiraachuuf sababii quubsaa qabna. Dhugumayyuu jabinni jireenya Iyoob fooyyesseera. Jabinni mudaafi hir’ina kan hin qabne akka ta’u isa gargaareera. (Yaaqoob 1:2-4) Kana malees walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu akka cimsatu isa gargaareera. Iyoob: “Ani waa’ee kee dur gurraan dhaga’eera, amma garuu ati anatti mul’atteetta” jechuudhaan mirkaneesseera. (Iyoob 42:5) Seexanni, Iyoob amanamummaasaa akka dhabu gochuu waan dadhabeef sobduu ta’uunsaa mirkanaa’eera. Waggoota dhibbaan lakkaa’aman boodallee, Yihowaan tajaajilaasaa kan ture Iyoobiin nama qajeelummaadhaaf fakkeenya ta’u godhee ilaala. (Hisqi’el 14:14) Amanamummaasaafi jabinasaa ilaalchisee wanti galmeeffame saba Waaqayyoo yeroo ammaatti argaman kan jajjabeessudha.
19. Jabaatanii dhaabachuun faayidaa qaba kan jettu maaliifi?
19 Yaaqoob, jabinni bu’aa gaarii akka argamsiisu Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif barreesseera. Fakkeenya Iyoob caqasuudhaan Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo ta’an akka eebbisu isaan yaadachiiseera. (Yaaqoob 5:11) Iyoob 42:12, “Waaqayyo bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise” jedha. Waaqayyo wanta inni dhabe dachaa godhee kan kenneef yeroo ta’u, innis gammachuudhaan waggaa dheeraa jiraateera. (Iyoob 42:16, 17) Haaluma wal fakkaatuun, dhukkubni, rakkinniifi gaddi guyyoota gara dhumaa kanatti nurra ga’an hundi, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa hin jiraatan. (Isaayaas 65:17; Mul’ata 21:4) Jabina Iyoob waan dhageenyeef gargaarsa Yihowaatiin fakkeenyasaa hordofuuf murteessineerra. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan abdii nu kenna: “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda’e, [jabaatee dhaabate, NW] haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuuf jira.”—Yaaqoob 1:12.
Maal Jettee Deebista?
• Garaa Yihowaa ciibsuu kan dandeenyu akkamitti?
• Rakkinni kan nurra ga’u Waaqayyo waan nutti mufateefidha jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi?
• Iyoob akka jabaatu kan isa gargaare maalidha?
• Warra kaan yeroo jajjabeessinu fakkeenya Eliihuu hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
-
-
‘Isa Kadhata Namaa Dhaga’utti’ Dhihaachuun Kan Danda’amu Akkamitti?Masaraa Eegumsaa—2006 | Fulbaana 1
-
-
‘Isa Kadhata Namaa Dhaga’utti’ Dhihaachuun Kan Danda’amu Akkamitti?
“Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa.” —FAARFANNAA 65:2.
1. Uumamawwan lafarra jiran hundumaarraa ilmaan namootaa adda kan godhu maalidha? Kunoo carraa akkamii bana?
UUMAMAWWAN lafarraa kumaatamaan lakkaa’aman keessaa, Uumaasaanii waaqeffachuuf dandeettii kan qaban ilmaan namootaa qofadha. Waaqayyoon waaqeffachuun akka isaan barbaachisu kan beekaniifi fedhiisaanii kanas guutuu kan barbaadan isaan qofadha. Kunimmoo Abbaa keenya isa samii wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya uumuuf carraa nuu bana.
2. Cubbuun, walitti dhufeenya ilmaan namootaa Uumaasaanii wajjin qabanirratti rakkina akkamii geessise?
2 Waaqayyo namoonni Uumaasaaniitti dhihaachuu akka danda’an godhee isaan uume. Addaamiifi Hewwaan cubbuurraa walaba ta’anii uumaman. Kanaafuu akkuma mucaan tokko sodaa malee abbaasaa haasofsiisuu danda’u, Waaqayyoon haasofsiisuu danda’u turan. Haata’u malee, cubbuu hojjechuusaaniitiin mirga guddaa kana dhabaniiru. Waaqayyoof ajajamuu waan didaniif walitti dhufeenya gaarii isaa wajjin qabanis ni dhaban. (Uumama 3:8-13, 17-24) Kana jechuun ilmaan Addaamis cubbamoo waan ta’aniif michoota Waaqayyoo ta’uu hin danda’an jechuudhaa? Akkas jechuu miti; Yihowaan ulaagaa isaanirraa barbaadamu yoo guutan garasaatti akka dhihaatan isaanii heyyameera. Ulaagaan kun maalidha?
Ulaagaa Waaqayyootti Dhihaachuuf Barbaachisu
3. Ilmaan namootaa cubbamoo ta’an gara Waaqayyootti dhihaachuu kan qaban akkamitti? Fakkeenya kamtu kana argisiisa?
3 Seenaan ijoollee Addaam lamaanii, Waaqayyo namoonni gonkummaa hin qabne garasaatti dhihaachuu yoo barbaadan maal gochuun akka isaanirraa barbaadamu nu hubachiisa. Qaayinis ta’e Abeel Waaqayyoof aarsaa dhiheessuudhaan garasaatti dhihaachuuf yaalii godhanii turan. Aarsaan Abeel fudhatama kan argate si’a ta’u, kan Qaayin garuu utuu hin argatin hafeera. (Uumama 4:3-5) Maaliif? Ibroonni 11:4 akkas jedha: “Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin irra caalu Waaqayyoof dhi’eesse; Waaqayyo kennaa isaa fudhatee isaaf dhugaa ba’eera. Abeel amantii isaatiin qajeelaa akka ta’es dhugaa ba’ameeraaf.” Kanaafuu, karaa fudhatama qabuun Waaqayyotti dhihaachuuf amantaan akka barbaachisu kanarraa hubachuun ni danda’ama. Wanti barbaadamu kan biraan maal akka ta’emmoo jecha Yihowaan Qaayiniin, “Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree?” jechuudhaan dubbaterraa hubanna. Eeyyee, Qaayin wanta gaarii utuu hojjeteera ta’ee yaaliin inni gara Waaqayyotti dhihaachuuf godhe fudhatama argata ture. Haata’u malee, Qaayin gorsa Waaqayyoo tuffatee Abeeliin waan ajjeeseef, jibbamaa ta’uudhaan qe’eesaarraa ari’ame. (Uumama 4:7-12) Kanaafuu, gara Waaqayyootti dhihaachuuf amantaa qabaachuufi hojii gaarii hojjechuun barbaachisaa akka ta’e durumaa kaasee ibsamee ture.
4. Waaqayyootti dhihaachuu keenyaan haala wal qabateen maal beekuu qabna?
4 Waaqayyootti dhihaachuu yoo barbaanne cubbamoo ta’uu keenya amanuun barbaachisaadha. Namoonni hundumtuu cubbamoodha; cubbuunimmoo gufuu Waaqayyootti dhihaachuurraa nu ittisudha. Ermiyaas raajichi waa’ee Israa’elootaa akkas jechuudhaan barreessee ture: “Nuyi abboommii kee irra daddarbineerra, . . . kadhanni keenya si bira akka hin geenyeetti, duumessa ofitti in golgite.” (Faaruu 3:42, 44) Haata’u malee, seenaa ilmaan namootaarraa hubachuun akka danda’amutti, Waaqayyo namoota amantaafi yaada qajeelaa qabaniif akkasumas abboommiisaa hojiirra oolchaniif kadhannaasaanii dhaga’uuf fedhii akka qabu argisiiseera. (Faarfannaa 119:145) Namoota kana keessaa tokko tokko eenyufa’i? Kadhannaasaaniirraa maal barachuu dandeenya?
5, 6. Akkaataa itti Abrahaam Waaqayyoon kadhaterraa maal baranna?
5 Namoota akkasii keessaa tokko Abrahaam ture. Waaqayyo Abrahaamiin “fira koo” jedhee waan waameef, carraaqqiin inni isatti dhihaachuuf godhe fudhatama argateera jechuu dandeenya. (Isaayaas 41:8) Abrahaam Waaqayyotti dhihaachuusaarraa maal baranna? Namni amanamaa ta’e kun, “utuu ani dhala dhabee jiruu, maal anaaf kennuuf jirta?” jechuudhaan waa’ee nama isa dhaaluu Yihowaa gaafatee ture. (Uumama 15:2, 3; 17:18) Yeroo biraammoo, Waaqayyo namoota jal’aa Sodoomiifi Gomoraa keessa turan yommuu balleessu badiisa sanaarraa kan oolu eenyu akka ta’e kan isa yaaddesse ta’uusaa argisiiseera. (Uumama 18:23-33) Abrahaam warra kaaniifis kadhannaa dhiheesseera. (Uumama 20:7, 17) Akkuma Abeel, Abrahaamis yeroo Yihowaatti dhihaatu al tokko tokko aarsaa ni dhiheessa ture.—Uumama 22:9-14.
6 Yeroo kana hundumaatti, Abrahaam Yihowaatti dhihaachuun isatti hin ulfaanne. Sodaa malee Waaqayyotti dhihaachuu danda’uyyuu, qajeelummaa Uumaasaa biratti qabu ilaalchisee nama gad of qabu ture. Yaada Uumama 18:27rratti dubbaterratti akkamitti ulfinaan yaadasaa akka ibse qalbeeffadhu: “Ani illee biyyoo dha, daaraa dhas, kana keessaa immoo ija jabaadheen gooftaa kootti dubbachaa jira” jedheera. Ilaalcha gaarii hordofamuu qabu mitii?
7. Abbootiin amantaa dhimmawwan akkamii ilaalchisee Yihowaa kadhataniiru?
7 Abbootiin amantaa dhimmawwan adda addaa ilaalchisee kadhannaa dhiheessanii Yihowaa biratti fudhatama argatan jiru. Yaaqoob akkaataa kakuu fakkaatuun kadhannaa dhiheesseera. Gargaarsa Waaqayyoo erga gaafatee booda, “Wanta ati anaaf kennitu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko siifan baasa” jechuudhaan waadaa galeera. (Uumama 28:20-22) Booddees obboleessasaa wajjin wal arguuf yeroo jedhu akkas jechuudhaan Yihowaan akka isa eegu kadhate: “Waanan sodaadhuuf, ati harka obboleessa koo harka Esaawuu akka na oolchituuf sin kadhadha!” (Uumama 32:9-12) Abbaa amantaa kan ture Iyoob bakkasaanii ta’ee aarsaa dhiheessuudhaan maatiisaatiif Yihowaa kadhateera. Michoonnisaa sadan dubbiisaaniitiin cubbuu waan hojjetaniif yeroo isaaniif kadhatetti, Yihowaan “kadhata Iyoob in dhaga’e.” (Iyoob 1:5; 42:7-9) Seenaawwan kun, yeroo kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaannu waa’ee maalii kadhachuu akka dandeenyu kan argisiisanidha. Akkasumas Yihowaan namoota karaa sirrii ta’een kadhannaadhaan isattii dhihaatan dhaga’uuf qophaa’aa akka ta’e hubanna.
Qophii Karaa Seerichaa Godhame
8. Kakuu Seerichaa jalatti dhimmoonni sabicha ilaalan gara Yihowaatti kan dhiheeffaman akkamitti ture?
8 Yihowaan Israa’eloota garbummaa biyya Gibxii jalaa erga baasee booda, kakuu Seerichaa isaanii kenne. Seerichi, namoonni karaa luboota muudamaniin Waaqayyootti akka dhihaatan ajaja ture. Lewwoonni tokko tokko akka lubootaas ta’anii ni muudamu turan. Dhimmi guutummaa saba sanaa ilaalu yoo uumame, bakka buutonni sabichaa, jechuunis mootiin ykn raajiin tokko dhimmasaa kadhannaadhaan Yihowaatti dhiheessu turan. (1 Saamu’el 8:21, 22; 14:36-41; Ermiyaas 42:1-3) Fakkeenyaaf Solomoon Mootichi yeroo manni qulqullummaa waaqeffannaa Yihowaatiif murteeffamutti, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessee ture. Yihowaanimmoo mana qulqullummaa sana ulfinaan guutuudhaan akkasumas, ‘gurri koo kadhata iddoo kanatti kadhatamu in dhaggeeffata’ jechuudhaan kadhannaasaa akka dhaga’e argisiiseera.—2 Seenaa 6:12–7:3, 15.
9. Godoo qulqullaa’aa keessatti karaa fudhatama qabuun Yihowaatti dhihaachuuf maaltu barbaachisa ture?
9 Yihowaan Seera Israa’elootaaf kenne keessatti, kadhannaan godoo qulqullaa’aa keessatti isatti dhihaatu fudhatama akka argatuuf maal gochuu akka qaban ibseera. Ulaagaan kaa’ame kun maal ture? Hangafni lubootaa aarsaa horii dhiheessuu malees, guyyaa hundumaa ganamaafi galgala ixaana urgaa’aa Yihowaa duratti aarsuu qaba ture. Booddees, Guyyaa Araaraarraa kan hafe guyyaa hundumaatti luboonni tajaajila akkasii kana ni raawwatu turan. Karaa kanaan kabaja argisiisuu yoo baatan, Yihowaan tajaajila isaanitti hin gammadu ture.—Ba’uu 30:7, 8; 2 Seenaa 13:11.
10, 11. Yihowaan kadhannaa namoonni dhuunfaadhaan dhiheessan kan fudhatu ta’uusaatiif ragaa maalii qabna?
10 Israa’el durii keessatti Waaqayyootti dhihaachuun kan danda’amu namoota bakka buutota ta’aniin qofa turee? Lakki, Caaffanni Qulqullaa’aan Yihowaan yeroo namoonni dhuunfaadhaan kadhannaa isaaf dhiheessan gammachuudhaan fudhachaa akka ture ibsu. Solomoon kadhannaa yeroo manni qulqullummaa murteeffamu dhiheesserratti akkas jechuudhaan Yihowaa kadhatee ture: “Kadhata isaanii dhaggeeffadhuuf! Guutummaa saba kee Israa’el biraa yookiis isaan keessaa nama tokko biraa kadhannii fi waammanni gara keetti yommuu dhi’aatu, tokkon tokkoon isaanii . . . harka isaanii gara mana qulqullummaa kanaatti yommuu bal’isan, ati waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaniif dhaga’i.” (2 Seenaa 6:29, 30) Seenaan Luqaas barreesse, abbaa Yohannis Cuuphaa kan ta’e Zakaariyaas godoo qulqullaa’aatti ixaana aarsaa yeroo
-