Ermiyaas
42 Achiis ajajjoonni raayyaa waraanaa hundi, Yohaanaan+ ilmi Qaareʼaa fi Yezaaniyaan ilmi Hoshaayaa, akkasumas guutummaan sabichaa isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti gara isaa dhufanii, 2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan: “Akkuma amma argaa jirtutti, namoota hedduu keessaa kan hafne namoota muraasa qofa waan taaneef, maaloo, wawwaannaa keenya nuuf dhagaʼi; nuufis taʼe warra hafan kana hundumaatiif Waaqa kee Yihowaatti kadhannaa nuuf dhiheessi.+ 3 Waaqni kee Yihowaan daandii irra deemuu qabnuu fi wanta gochuu qabnu nutti haa himu.”
4 Ermiyaas raajichis, “Ani isin dhagaʼeera; akka gaaffii keessaniittis Waaqa keessan Yihowaatti kadhannaa nan dhiheessa; wanta Yihowaan isiniif deebisu hundumaa isinitti nan hima. Wanta tokko illees isin jalaa hin hambisu” jedhee isaaniif deebise.
5 Isaanis akkana jedhanii Ermiyaasiif deebisan: “Akkuma Waaqni kee Yihowaan karaa kee nu ajajetti utuu hin raawwatin yoo hafne, Yihowaan nu irratti ragaa baatuu amanamaa haa taʼu. 6 Sagalee Waaqa keenya Yihowaatiif ajajamuu keenyaan kan kaʼe gaarii akka nuuf taʼuuf, gaariis taʼe hamaa sagalee Waaqa keenya Yihowaa isa itti si ergine sanaatiif ni ajajamna.”
7 Guyyaa kudhan booda sagaleen Yihowaa gara Ermiyaas ni dhufe. 8 Kanaafuu, inni Yohaanaan ilma Qaareʼaa fi ajajjoota raayyaa waraanaa warra isaa wajjin jiran hundumaa, akkasumas guutummaa sabichaa isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti ni waame.+ 9 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel inni wawwaannaa keessan isa duratti akkan dhiheessuuf gara isaatti na ergitan sun akkana jedha: 10 ‘Isin dhugumaan biyya kana keessa yoo jiraattan, badiisa isan isin irratti fidetti waanan gaabbuuf,* isin nan ijaara malee isin hin diigu, isin nan dhaaba malee isin hin buqqisu.+ 11 Mootii Baabilon isa sodaattan sanaan kan kaʼe hin naʼinaa.’+
“Yihowaan akkana jedha: ‘Ani isin oolchuu fi harka isaa jalaa isin baraaruuf isinii wajjin waanan jiruuf, isaan kan kaʼe hin sodaatinaa. 12 Ani gara laafina isinitti nan argisiisa;+ innis gara laafina isinitti argisiisee gara biyya keessaniitti isin deebisa.
13 “‘Haa taʼu malee, “Hin taʼu, biyya kana keessa hin jiraannu!” yoo jettanii fi sagalee Waaqa keessan Yihowaatiif ajajamuu diddanii, 14 “Hin taʼu, nuti gara biyya Gibxii, bakka waraana itti hin argine yookiin sagalee xurumbaa itti hin dhageenye yookiin nyaata dhabnee itti hin beelofne dhaqnee+ achi jiraanna” yoo jettan, 15 isin warri Yihudaa keessaa haftan dubbii Yihowaa dhagaʼaa. Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Isin gara Gibxii dhaquuf kutattanii achi jiraachuuf* yoo dhaqxan, 16 goraadeen sodaattan sun biyya Gibxii keessatti isin bira ni gaʼa; beelli sodaattan sunis isin hordofee gara Gibxii ni dhufa; isinis achitti ni duutu.+ 17 Namoonni gara Gibxii dhaqanii achi jiraachuuf kutatan hundis goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* ni duʼu. Tokkoon isaanii illee badiisa ani isaan irratti fidu irraa hin oolan yookiin hin miliqan.”’
18 “Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Dheekkamsi koo fi aariin koo jiraattota Yerusaalem irratti akkuma dhangalaʼe,+ isin gara Gibxii yoo deemtan, dheekkamsi koo isin irrattis ni dhangalaʼa; isinis kan abaaramtan, wanta nama sodaachisu, warra salphatanii fi warra arrabsaman ni taatu;+ biyya kanas matumaa lammata hin argitan.’
19 “Yaa warra Yihudaa irraa haftan nana, Yihowaan isin irratti dubbateera. Gara Gibxii hin dhaqinaa. Ani harʼa akkan isin akeekkachiise dhugumaan beekaa; 20 balleessaan keessanis lubbuu keessan akka isin dhabsiisu beekaa. Sababiin isaas isin, ‘Gara Waaqa keenya Yihowaatti kadhannaa nuuf dhiheessi; wanta Waaqni keenya Yihowaan jedhu hundumaas nutti himi; nutis isa ni raawwanna’ jettanii gara Waaqa keessan Yihowaatti na ergitaniittu.+ 21 Anis harʼa isinitti himeera; isin garuu sagalee Waaqa keessan Yihowaatiif hin ajajamtan yookiin wanta inni akkan isinitti himu na erge tokko illee hin raawwattan.+ 22 Kanaafuu, bakka dhaqxanii jiraachuu barbaaddan sanatti goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan akka duutan dhugumaan beekaa.”+