LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 “Ati ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra inni si ajaje eeguudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu waan diddeef, hamma haxaaʼamtee balleeffamtutti+ dhugumaan abaarsawwan kun hundi+ si irra ni gaʼu, hordofaniis si dhaqqabu.+

  • Ermiyaas 44:12-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Namoota Yihudaa warra hafan, warra achi jiraachuuf gara biyya Gibxii deemuuf kutatan sana nan qabadha; hundi isaaniis biyya Gibxii keessatti ni dhumu.+ Isaan goraadeedhaan ni ajjeefamu, beelaanis ni dhumu; isa xinnaadhaa hamma isa guddaattis goraadee fi beelaan ni duʼu. Akkasumas kan abaaraman, wanta nama sodaachisu, warra salphatanii fi warra arrabsaman ni taʼu.+ 13 Akkuman Yerusaalemiin goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* adabe, warra biyya Gibxii keessa jiraatanis nan adaba.+ 14 Namoonni Yihudaa irraa hafan warri biyya Gibxii keessa jiraachuuf dhaqan sun miliqanii yookiin oolanii biyya Yihudaatti hin deebiʼan. Isaan deebiʼanii achi jiraachuuf ni hawwu;* garuu namoota miliqan muraasa malee, isaan achitti hin deebiʼan.’”

  • Ermiyaas 44:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Ammas wanta gaarii utuu hin taʼin badiisa isaanitti fiduuf eeggachaan jira;+ namoonni Yihudaa warri biyya Gibxii keessa jiran hundi hamma haxaaʼamanii balleeffamanitti goraadee fi beelaan ni dhumu.+ 28 Namoota muraasa qofatu goraadee jalaa miliqee biyya Gibxii irraa gara biyya Yihudaatti deebiʼa.+ Yeroo sanatti namoonni Yihudaa warri hafanii fi achi jiraachuuf gara biyya Gibxii dhaqan hundi dubbii koo fi dubbii isaanii keessaa kan eenyuu akka raawwatame ni hubatu!”’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi