-
Ermiyaas 43:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa tajaajilaa koo taʼe nan waama;+ teessoo isaas dhagoota ani dhokse kanaa ol nan kaaʼa; innis dunkaana mootummaa isaa isaan irratti ni diriirsa.+ 11 Dhufees biyya Gibxii ni rukuta.+ Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan ni duʼa; namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuu, ni boojiʼama; namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuus, goraadeedhaan ni duʼa.+
-