LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 25:8-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa torbaffaatti, jechuunis Nebukadnezaar mootiin Baabilon mootii taʼee waggaa 19ffaa isaatti, Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa fi tajaajilaa mootii Baabilon taʼe gara Yerusaalem ni dhufe.+ 9 Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+ 10 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+

  • 2 Seenaa Baraa 34:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti badiisa nan fida;+ abaarsa kitaaba mootii Yihudaa duratti dubbisan keessatti barreeffame hundumaas nan fida.+ 25 Isaan waan na dhiisaniif,+ akkasumas hojii harka isaanii hundumaatiin na dheekkamsiisuuf waaqolii kan birootiif aarsaawwan aarfaman waan dhiheessaniif,+ dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’”+

  • 2 Seenaa Baraa 36:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.

      17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+

  • Faaruu Ermiyaas 2:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Inni akka diinaatti iddaa isaa dabsate;* harki isaa mirgaas akka hamajaajiitti haleeluuf akka qophaaʼu godhe;+

      Warra ijatti tolan hundumaa ajjeesuu isaa itti fufe.+

      Dheekkamsa isaas dunkaana intala Xiyoon keessatti akka ibiddaatti dhangalaase.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi