Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa–Fulbaanaa
“Dhugaatii alkoolii fudhachuu ilaalchisee dhaabbileen amantii yaadawwan wal faallessan kennu. Waaqayyo nama dhugaatii alkoolii dhuguuf ilaalcha akkamii qaba jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun Yesus yeroo tokko bishaan gara wayiniitti akka jijjiire kan dubbatu ta’us, yaada armaan gadiis qabateera. [Fakkeenya 23:20a dubbisiif.] Barruun kun yaada dhugaatii alkooliitiif ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaaru qabateera.”
Dammaqaa! Sadaasa
2 Ximotewos 3:16 dubbisi. Achiis, “Wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hundumaa fudhachuufi itti amanuu qabna jettee yaaddaa? jedhii gaafadhu. [Hanga deebii kennutti eegi.] Matadureen kun, arki’ooloojiinis ta’e seenaan waa’ee Gibxii ishee durii ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu akka mirkaneessu ibsa.” Mataduree fuula 15rra jiru itti argisiisi.
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa–Fulbaanaa
“Namoonni baay’een yommuu du’an gara samii dhaqna jedhanii abdatu. Atoo abdiin akkasii dhugaa sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Badhaasa namoonni gaarii hedduun argatan ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ilaali. [Faarfannaa 37:29 dubbisiif.] Barruun kun namoonni gara samii dhaqan eenyufaa akka ta’aniifi wanta isaan achitti hojjetan ibsa.”
Dammaqaa! Muddee
“Macaafni Qulqulluun guyyaa Yesus itti dhalate kan hin ibsine ta’us, Ayyaanni Qillee Muddee 25 (akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29) kan kabajamu maaliif akka ta’e yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Akka caqasni kun jedhutti Yesus kan dhalate ji’a gannaatti ta’uu hin danda’u. [Luqaas 2:8 dubbisi.] Baruun kun, barsiifatawwan Ayyaana Qillee beekamaa ta’an tokko tokko eessaa akka dhufan ibsa.”