Birooshura Raabsinu Haaraa!
1. Ji’a Sadaasaatti birooshura isa kam raabsina? Kaayyoon birooshura kanaahoo maalidha?
1 Walga’ii koonyaa “Yeroo Hundaa Dammaqinaan Eegaa!” jedhamuufi bara 2009tti godhamerratti birooshurri haaraan Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha? jedhamu ba’ee ture. Ji’a Sadaasaatti gumiiwwan addunyaa maratti argaman yeroo jalqabaatiif birooshura kana raabsuu jalqabu. Birooshurri kun namoota naannoo keenyatti argaman kan fayyadu akkamitti? Namoonni hedduun, keessumaammoo namoonni amantii Kiristiyaanaa hin hordofne waa’ee Macaafa Qulqulluu beekumsa guddaa hin qaban. Kanaaf, birooshurri kun fuula 3rratti “waa’ee Macaafa Qulqulluu beekumsa bu’uuraa” kennuuf kan qophaa’e ta’uusaa ibsa.
2. Birooshura kana akkamitti raabsuu dandeenya?
2 Akkamitti Raabsina? Akkas jechuu dandeenya: “Waa’ee caqasa kanaa maaltu akka sitti dhaga’amu utuu hubannee nutti tola. [2 Ximotewos 3:16 dubbisi.] Namoonni mariisisne hedduun yaada kanatti kan walii galan yoo ta’eyyuu, warri kaan garuu Macaafni Qulqulluun kitaabuma gaarii tokkodha jedhanii akka amanan ibsaniiru. Atoo Macaafni Qulqulluun kitaaba akkamiiti jetta? [Hanga deebii kennutti eegi.] Amantii kamiyyuu yoo hordofne, sababii quubsaa Macaafa Qulqulluu akka qorannu nu godhu hedduu qabna. [Yaada seensaa fuula 3rratti argamu dubbisi.] Birooshura seenaa Macaafa Qulqulluu karaa nama gammachiisuun gaggabaabsee ibsu kana yommuu dubbistu, Macaafni Qulqulluun yaada ijoofi dhaamsa tokko akka dabarsu hubachuunkee si ajaa’ibsiisuu danda’a.”
3. Keessumaa bakka namoonni amantii Kiristiyaanummaa hin hordofne hedduu jiraatanitti, akkaataa dhiheenyaa akkamiitti fayyadamuu dandeenya?
3 Keessumaa bakka namoonni amantii Kiristiyaanummaa hin hordofne hedduun jiraatanittimmoo akkas jechuu dandeenya: “Yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oo (kitaaba qulqulluu) kana keessatti argamaniif ilaalcha akkamii akka qabdu utuu beeknee nutti tola. [Faarfannaa 37:11 dubbisi.] Yommuu raajiin kun raawwatamu lafti maal fakkaatti jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaanni kun, namoonni aadaafi amantii akkamiiyyuu qaban Macaafa Qulqulluurraa abdiifi jajjabina akkasii argachuu akka danda’an argisiisa.” Yaada seensaa fuula 3rratti argamu erga dubbistee booda, birooshuricha kenniif.
4. Birooshura kanatti fayyadamuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisaa: Yommuu deebinee dhaqnu wanta kanaan dura mari’anne namicha erga yaadachiisnee booda, gaaffiiwwan dhuma keeyyatichaatti argaman isa gaafachuudhaan mataduree irratti mari’anne keessaa keeyyata tokko ykn lama qayyabsiisuu dandeenya. Yookiinimmoo kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu itti argisiisuu yoo barbaannemmoo, yaada fuula duubaa birooshurichaarratti argamu erga dubbisneefii booda, kitaabicha kennineefii boqonnaa isa kamirratti utuu mari’annee akka isatti tolu gaafachuudhaan, boqonnicha keessaa keeyyata tokko ykn lama qayyabsiisuu dandeenya. Hundi keenya ji’a Sadaasaatti birooshura kana raabsuurratti guutummaatti haa hirmaannu!