Karaa Birooshura Dhaamsa Macaafa Qulqulluutti Fayyadamuu Itti Dandeenyu Tokko
Naannoo tajaajilaa keenyatti namoonni baayʼeen, keessattuu namoonni Kiristiyaanota hin taane wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hin beekan. Babalʼistoonni tokko tokko yommuu namoota akkasii qayyabsiisan, yaanni Macaafa Qulqulluu walumatti qabaatti maal akka taʼe akka beekan gargaaruuf, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutiin alatti birooshura Dhaamsa Macaafa Qulqulluuttis ni fayyadamu. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko yommuu kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu boqonnaa 3 qayyabsiisu, birooshuricharraa kutaa 1ffaa fayyadama. Yeroo sanaa jalqabee, dhuma qayyabannaa hundumaarratti birooshuricharraa kutaa tokkorratti mariʼatu. Nama waaʼee Macaafa Qulqulluu beekumsa muraasa qofa qabu ykn gonkumaa hin beekne qayyabsiisaa jirtaa? ‘Caaffata qulqullaaʼaa, akka fayyutti ogummaa isaaf kennuu dandaʼu’ akka baratu isa gargaaruuf, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu yommuu isa qayyabsiistu birooshura Dhaamsa Macaafa Qulqulluu irrattis isa mariisisi.—2 Xim. 3:15.