Namoota Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Fedhii Hin Qabne Gargaaruu
1. Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu nama hundumaa ni hawwataa? Ibsi.
1 Namni tokko Yihowaa waaqeffachuuf jalqaba Macaafa Qulqulluu barachuu qaba. Haataʼu malee, namoonni tokko tokko amantii Kiristiyaanaa waan hin hordofneef, Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼetti hin ilaalan. Warri kaanimmoo matumaa Waaqayyotti hin amanan; Macaafa Qulqulluudhaafis kabaja hin qaban. Namoota jalqabarratti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu fudhachuu hin barbaanne gargaaruuf barreeffamoota akkamiitti fayyadamuu dandeenya? Mee yaada babalʼistoonni gara biyyoota 20 taʼan keessa jiraatan dhimma kana ilaalchisee kennaniifi armaan gaditti ibsame haa ilaalu.
2. Namni tokko Waaqayyotti akka hin amanne yoo nutti hime, maal hubachuuf yaaluu qabna? Maaliif?
2 Namoota Waaqayyotti Hin Amanne: Namni tokko Waaqayyotti hin amanu yoo jedhe sababiisaa beekuun keenya faayidaa qaba. Jijjiirama tirannaatti waan amanuufidhaa? Waaqayyorratti akka hin amanne kan isa godhe jalʼina addunyaarratti raawwatamu ykn fakkeessaa amantii keessatti mulʼatudha? Biyya Waaqayyotti amanuun gowwummaa akka taʼetti ilaalu keessatti guddatee? Tarii Waaqayyo jiraachuusaa haaluu baatus, isatti amanuun barbaachisaa akka taʼe isatti hin dhagaʼamu taʼa. Babalʼistoonni hedduun, “Durumaa kaasee ilaalcha akkasii qabda turtee?” jedhanii gaafachuun maree jalqabuuf akka gargaaru hubataniiru. Dhaggeeffadhaa; utuu inni dubbatuus addaan hin kutinaa. Namichi Waaqayyotti kan hin amanne maaliif akka taʼe yoo hubanne, akkamitti deebii kennuufi barreeffama kam isaaf kennuu akka qabnu hubachuu dandeenya.—Fak. 18:13.
3. Nama tokkoofis taʼe amantiisaatiif kabaja akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Yeroo deebii kennitan, ilaalchasaa ceephaʼaa akka jirtan akka itti hin dhagaʼamne of eeggadhaa. Yaanni akkas jedhu Yuunaayitid Isteetisirraa dhihaateera: “Mirga namoonni wanta amanan murteessuuf qaban kabajuun baayʼee barbaachisaadha. Namoota falmanii injifachuuf yaaluu mannaa, gaaffii gaafachuufi ofumasaanii murtoo akka godhan jajjabeessuun gaariidha.” Daawwataan olaanaa koonyaa tokko namni sun yaadasaa akka ibsu erga godhee booda, deebii kennuusaa dura, “Wanti kun akkasis taʼuu akka dandaʼu yaaddee beektaa?” jedhee gaafata.
4. Namoota afaan Chaayinaa dubbatan ykn amantii Budihaa hordofan akkamitti gargaaruu dandeenya?
4 Namoonni lammii Chaayinaa taʼan ykn amantii Budihaa hordofan hedduun barumsa waaʼee Waaqayyoo ibsu hin beekan. Babalʼistoonni Biritaaniyaa keessa jiran tokko tokko namoota akkasiitiif yommuu lallaban birooshura Laastiingi Piis eendi Haappiinas—Haawu tuu Faayindi Zama jedhutti fayyadamu. Yaada seensaa birooshura kanaa erga ibsanii booda, kutaa “Iiz Zeer Moosti Haay Kiriʼeetar? jedhuufi “Ee Gaayidbuuk foor za Bileesingi oov Ool Maankaayndi” jedhurratti mariʼatu. Achiis, kitaaba Macaafni Qulqulluu Maal Barsiisa? jedhamu isaa kennuudhaan, “Macaafni Qulqulluun qajeelfama hojiirra ooluu dandaʼu hedduu waan qabuuf, Waaqayyotti yoo amanuu baattellee, qayyabachuunkee faayidaa hedduu siif argamsiisa” jechuu dandaʼu. Yuunaayitid Isteetisitti qajeelchaan gumii afaan Chaayinaatiin geggeeffamu keessa tajaajilu tokko, “Namoonni naannoo keenya jiran hedduun dubbisuu jaallatu. Kanaaf yeroo baayʼee utuu nuti deebinee hin dhaqin barreeffama keenya guutummaatti dubbisanii fixu. Haataʼu malee, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jechuun maal jechuu akka taʼe hin beekan. Kanaaf, birooshurri kun karaa maree gochuuf gargaaruun waan qophaaʼeef, birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa dhufe! jedhamu isaaniif kennuun filadha” jedheera. Yuunaayitid Isteetis daawwataan olaanaa aanaa, gumii afaan Chaayinaatiin geggeeffamu keessa tajaajilu, guyyaa jalqabaatti kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu beeksisuun ni dandaʼama jedheera. Haataʼu malee, boqonnaa 1 isa waaʼee Waaqayyoo dubbaturraa jalqabuu mannaa, boqonnaa 2ffaa kitaaba kanaa isa Macaafa Qulqulluu wajjin wal nama barsiisutti gargaaramuun gaariidha.
5. Obsi barbaachisaadha kan jennu maaliifi?
5 Namni tokko Waaqayyotti akka amanu gargaaruun yeroo waan fudhatuuf, obsa qabaachuun barbaachisaadha. Namni tokko maree jalqabarratti goonu qofaan Uumaan jiraachuusaa amanuu dhiisuu dandaʼa. Haataʼu malee yeroo booda, tarii Waaqayyotti amanuun akka dandaʼamu ykn namni Waaqayyotti kan amanu maaliif akka taʼe hubachuusaa dubbachuu dandaʼa.
6. Namoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluutiif fedhii kan hin qabne maaliif taʼuu dandaʼa?
6 Namoota Macaafa Qulqulluudhaaf Fedhii Hin Qabne Ykn Shakkii Qaban: Namni tokko Waaqayyo jiraachuusaa kan amanu taʼus, yeroo baayʼee Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa waan hin amanneef, wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuuf fedhii dhabuu dandaʼa. Tarii Macaafni Qulqulluun kan Saba Kiristiyaanaa akka taʼetti kan ilaalu biyya namoonni amantii Kiristiyaanaa hin hordofne keessa waan jiraatuuf taʼuu dandaʼa. Yookiin biyya saba Kiristiyaanaa namoonni amantiidhaaf dhimma hin qabne keessa waan jiraatuuf, Macaafni Qulqulluun akka isa fayyadu itti hin dhagaʼamu taʼa. Namoonni akkasii, Macaafa Qulqulluutiif fedhii akka qabaataniifi kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuun qayyabannaa akka jalqaban akkamitti gargaaruu dandeenya?
7. Namoonni Macaafa Qulqulluudhaaf fedhii akka qabaataniif gochuuf yeroo baayʼee karaan gaarii taʼe isa kamidha?
7 Waajjirri damee Giriikii akkas jedhee barreesseera: “Namoota Macaafa Qulqulluutiif fedhii hin qabne gargaaruuf karaan hunda caalaa gaarii taʼe, Macaafa Qulqulluu bananii wanta inni dubbatu itti argisiisuudha. Babalʼistoonni hedduun wanta ofiisaanii dubbatan caalaa, ergaan Macaafa Qulqulluu garaa nama tokkoorratti dhiibbaa geessisuu akka dandaʼu hubataniiru. (Ibr. 4:12) Namoonni baayʼeen Maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluurratti arguunsaanii Macaafa Qulqulluu barachuuf fedhii akka qabaatan isaan godheera.” Waajjirri damee Hindii akkas jedhee barreesseera: “Namoonni Hinduu baayʼeen waaʼee jireenyaafi duʼaa dhugaasaa beekuu barbaadu. Addunyaa wal qoqqooduurraa walaba taʼe ilaalchisee abdii Macaafni Qulqulluun kennus beekuu barbaadu.” Babalʼistoonni hedduun rakkoowwan namoota yaaddessan caqasuunsaanii Mootummaan Waaqayyoo rakkina kana balleessuuf maal akka godhu, Macaafa Qulqulluurraa isaanitti argisiisuuf carraa isaanii baneera.
8. Namoota sababii Saba Kiristiyaanaatiin Macaafa Qulqulluuf ilaalcha sirrii hin qabneen maal jechuu dandeenya?
8 Namni tokko Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha gaarii kan dhabe sababii Saba Kiristiyaanaatiin kan kaʼe yoo taʼe, Sabni Kiristiyaanaa barumsa Macaafa Qulqulluu sirriitti akka hin barsiisne hubachiisuu qabna. Waajjirri damee Hindii akkas jedhee barreesseera: “Yeroo tokko tokko namoota waldaaleen Macaafa Qulqulluudhaaf eegumsa gochaa akka hin jirre hubachiisuun keenya barbaachisaadha.” Waajjirri kun namoonni Hinduu birooshura Waat Iiiz Za Parpaz oov Laayif? Haawu Kaan Yuu Faayindi Iit? jedhamu kutaa 4 isa waldaaleen Dubbii Waaqayyoo akka booressaniifi akka balleessan ibsu baayʼee jaallatu jechuudhaan gabaaseera. Qajeelchaan Biraaziil keessa jiru tokko: “Yaada Macaafni Qulqulluun qabate caalaatti maaliif hin qortu? Namoonni baayʼeen amantii kamiyyuu deggeraa akka jiran utuu isaanitti dhagaʼamin kana gochaa jiru. Wanta barattutti akka gammadu beekamaadha” akka jedhu dubbateera.
9. Namni tokko jalqabarratti barumsa Macaafa Qulqulluutiif fedhii yoo dhabe abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?
9 Yihowaan garaa tokkoon tokkoon namaa ilaala. (1 Sam. 16:7; Fak. 21:2) Namoota garaa qajeelaa qaban gara waaqeffannaa dhugaatti harkisaa jira. (Yoh. 6:44) Namoota kana keessaa baayʼeensaanii matumaa waaʼee Waaqayyoo baratanii kan hin beekne ykn waaʼee Macaafa Qulqulluu waan muraasa qofa kan beekan turan. Tajaajilli keenya ‘akka fayyaniifi dhugaa beekuu biras akka gaʼaniif’ carraa isaanii baneera. (1 Xim. 2:4) Kanaaf, namni tokko jalqabarratti Macaafa Qulqulluudhaaf fedhii yoo dhabe abdii hin kutatinaa. barreeffamoota fedhiisaanii kakaasuu dandaʼan keessaa isa tokkotti fayyadamaa. Dhumarrattis maree gootan sana gara kitaaba namoota qayyabsiisuuf itti fayyadamnuufi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhutti jijjiiruu dandeessu.
[Miiljalee]
a Birooshuroonni kun Afaan Oromootiin hin argaman. Haataʼu malee jw.org irratti afaan garabiraatiin ni argamu.
[Saanduqa fuula 4rra jiru]
Namni haasofsiistan ‘Waaqayyotti hin amanu’ yoo jedhe yaada armaan gadii yaalaa:
• Sababisaa beekuuf, “Durumaa kaasee akkas sitti dhagaʼamaa?” jedhaa gaafadhaa.
• Namni sun amantii Budihaa kan hordofu yoo taʼe, Laastiingi Piis eendi Haappiinas—Haawu tuu Faayindi Zam jedhamu fuula 9-12tti fayyadamaa.
• Jijjiirama tirannaatti kan amanu yoo taʼemmoo barreeffamoota armaan gadiitti fayyadamuu dandeessu:
Mataduree walittaansee Dammaqaa! irratti baʼuufi “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhu
Viidiyoo Za Woodarsi Oov Kiriʼeeshin Riiviil Goodsi Giloorii jedhamu
Birooshuroota Ee Saatisfaayingi Laayif— Haawu tuu Atteeyin Iit?, kutaa 4; akkasumas Wooz Laayif Kiriʼeetid?;Za Ooriijiin oov Laayif—Faayif kiweeshinsi Woorzi Aaskiingi jedhamanitti gargaaramaa.
• Waaqayyorratti amantii kan dhabe sababii jalʼinaafi dhiphinaatiin yoo taʼemmoo, barreeffamoota armaan gadiitti fayyadamuu dandeessu:
Kitaaba Iiz Zeer Ee Kiriʼeetar Huu Keersi Abaawut Yuu?, boqonnaa 10
Birooshura Dhugumaan Waaqayyo Waaʼee Keenya Ni Yaadaa?, kutaa 6, akkasumas birooshura Waat Iiiz Za Parpaz oov Laayif?, kutaa 6
• Waaqayyo akka jiru yoo amane yeruma sana kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu jalqabsiisaa. Boqonnaa 2ffaa kitaaba kanaa ykn mataduree nama sanaaf mijataa taʼe gara biraadhaan jalqabuun keenya gaarii taʼuu dandaʼa.
[Saanduqa fuula 5rra jiru]
Namni haasofsiistan Macaafa Qulqulluutti hin amanu yoo taʼe yaada armaan gadii yaalaa:
• Kitaaba Laayif—Haaw Diid Iit Geet Hiir? Baay Ivoluushin Oor Baay Kiriʼeeshin? jedhamu boqonnaa 17fi18
• Namoota Hinduu taʼaniif birooshura Waay Shuud Wii Woorshiip Good iin Laav eendi Tiruuz? jedhamutti fayyadamaa
• Namoota Yihudii taʼaniif, birooshura Wiil Zeer Evar Bii Ee Woorlid Wiizaawut Woor?, fuula 3-11tti fayyadamaa.
• Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu faayidaa qabaachuusaanii nama tokkoof ibsuuf barreeffamoota armaan gadiitti gargaaramuu dandeessu:
Mataduree “Maatiidhaaf” jedhuufi walittaansee Dammaqaa! irratti baʼu
Viidiyoo Za Baayibil—Itis Paawar iin Yuur Laayif jedhamu
Birooshuroota Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!, barumsa 9fi 11; Ee Buuk foor Ool Piippil, fuula 22-26; akkasumas Ee Satisfaayiingi Laayif—Haaw tuu Atteeyin Iit, kutaa 2
Namoota amantii Budihaa hordofaniif, birooshura Za Paazweey tuu Piis eendi Happiinas, fuula 3-7.
Musliimotaaf, birooshura Riil Feeyiz—Yuur Kii tuu ee Happii Laayif, kutaa 3.
Naannoo namoonni Macaafa Qulqulluudhaaf jibba qabanitti kan tajaajiltu yoo taʼe, deddeebii gaaffii hedduu hamma gootutti maalirraa caqasaa akka jirtu dubbachuu dhiisuunkee gaariidha.
• Barreeffamoota raajiiwwan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka raawwataman ibsuuf isin gargaaruu dandaʼan:
Viidiyoo Za Baayibil—Akkiyuureet Histirii, Riilaayabil Piroofeesii jedhamu
Birooshura Ee Buuk foor Ool Piippil, fuula 27-29
• Namni sun mataduree adda addaarratti Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu yoo isin gaafate kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhutti fayyadamaa.
[Saanduqa fuula 6rra jiru]
Namni haasofsiistan “Waaqayyotti hin amanu” yoo jedhe akkas jechuu dandeessu:
• “Ani Uumaatti akkan amanu wanta na taasise gabaabaatti siif ibsuu nan dandaʼaa?” Achiis kitaaba Ragaa Dhiheessuu fuula 84-86rraa yaada tokko tokko caqasi ykn barreeffama dubbisuu jaallattu tokko isaa kennuuf qophii godhi.
• “Haataʼu malee, Waaqayyo jiraachuusaatti ni amanta utuu taʼee, amala akkamii qabaachuu qaba jettee yaadda?” Namoonni baayʼeen Waaqa jaalala qabeessa, haqa qabeessa, ooʼa qabeessaafi kan nama wal hin caalchifnetti dhihaachuu akka barbaadan ibsu. Yeroo kanatti Waaqayyo amalawwan akkasii akka qabu Macaafa Qulqulluurraa itti argisiisaa. (Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu boqonnaa 1 keeyyata 6rraa jalqabuun ni dandaʼama taʼa.)
Namni haasofsiistan “Macaafa Qulqulluutti hin amanu” yoo jedhe akkas jechuu dandeessu:
• “Namoonni baayʼeen yaaduma akkasii qabu. Namoonni tokko tokko Macaafni Qulqulluun karaa saayinsii sirrii miti ykn qajeelfama inni kennu hordofuun ulfaataadha jedhu qabu. Macaafa Qulqulluu dubbisuuf kanaan dura carraa argatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis seensa birooshura Ee Buuk foor Ool Piippil jedhamu fuula 3rra jiru itti argisiisiitii birooshuricha kenniif.] Dhaabileen amantii barumsa Macaafa Qulqulluu hojiirra waan hin oolchineef, namoonni baayʼeen Macaafa Qulqulluu ni shakku. Yeroo ittaanutti fakkeenyota fuula 4fi 5rratti caqasamanirratti utuu waliin mariʼannee natti tola.”
• “Namoonni baayʼeen ilaalcha akka kee qabu. Wanta Macaafa Qulqulluu akkan jaalladhu na godhe tokko sitti argisiisuu nan dandaʼaa? [Caqasoota Macaafni Qulqulluun karaa saayinsii sirrii akka taʼe ibsan, Iyoob 26:7 ykn Isaayaas 40:22 dubbisiif.] Macaafni Qulqulluun maatii gargaaruuf gorsa ogummaarratti hundaaʼe kenna. Yeroo ittaanutti kanaaf fakkeenya tokko utuu sitti argisiisee natti tola.”
• “Kana natti himuu keetiif sin galateeffadha. Waaqayyo kitaaba tokko utuu namootaaf barreesseera taʼee, kitaabni kun yaada akkamii qabachuu qaba ture jettee yaadda?” Achiis yaada inni kennee wajjin waan wal fakkaatu Macaafa Qulqulluurraa itti argisiisi.