LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bm kutaa 1 ful. 4
  • Uumaan Keenya Jannata Namaaf Qopheesse

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Uumaan Keenya Jannata Namaaf Qopheesse
  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jireenyi Jannataa Maal Fakkaata Ture?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Jannata Keessaa Ari’aman
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Kan Dulloomnuu Fi Kan Duunu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Dhaabni Eeden Bakka Dhugumaan Turedhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
bm kutaa 1 ful. 4
Addaamii fi Hewwaan dhaaba Eeden keessatti bineeldotaan marfamanii jiru.

KUTAA 1

Uumaan Keenya Jannata Namaaf Qopheesse

Waaqayyo uumama cufa, akkasumas lafarratti lubbuu uume. Dhiiraafi dubartii mudaa hin qabne uumee, bakka ashaakiltii bareedduu keessa erga isaan kaa’ee booda, abboommii isaanii kenne

Leencota, simbirrootaa fi gadamsa dhaaba Eeden keessa jiran

JECHOONNI seensaa, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedhan, jechoota hanga ammaatti barreeffaman hundarra caalaa namoota hedduu biratti kan beekamanidha. (Uumama 1:1) Macaafni Qulqulluun, jechoota gabaabaa hiika guddaa qaban kanaan Yihowaa isa Hundumaa danda’uufi Caaffanni Qulqullaa’oon hundinuu irratti xiyyeeffatanii wajjin wal nu barsiisa. Himni Macaafa Qulqulluu inni jalqabaa, Waaqayyo lafa irra jiraannu dabalatee, uumama cufa bal’aa kana akka uume ibsa. Caqasoonni itti aansanii jiran, Waaqayyo yeroo dheeraa fakkeenyaan guyyoota jedhamanii waamaman keessatti, lafti iddoo jireenyaatiif akka taatutti, wantoota nama dinqisiisan hedduu akka irratti uume nuuf ibsu.

Wantoota Waaqayyo lafarratti uume hundarra kan caalu namadha. Namni akka bifa Waaqayyootti, jechuunis amalawwan Waaqayyoo kan akka jaalalaafi ogummaasaa calaqqisuu akka danda’u godhamee kan uumamedha. Waaqayyo biyyoo lafaarraa nama uume. Nama isa jalqabaa Addaam jedhee maqaa erga moggaaseefii booda, jannata, jechuunis bakka dhaabaa Eeden keessa isa kaa’e. Waaqayyo bakka dhaabaa sana, mukkeetii babbareedaniifi ija godhataniin guute.

Waaqayyo, Addaam haati manaa akka isa barbaachistu hubate. Kanaafuu cinaacha Addaam keessaa lafee tokko fuudhee, dubartii uumuudhaan haadha manaa godhee isaaf kan kenne si’a ta’u, Addaamis Hewwaan jedhee maqaa moggaaseef. Addaam gammachuudhaan, “Isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame” jedhee walaloodhaan ishee jajate. Waaqayyo, “Kanaafis dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u” jedhe.—Uumama 2:22-24; 3:20.

Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif abboommii lama kenne. Tokkoffaa, lafa kana akka misoomsaniifi akka kunuunsan; yeroo boodammoo, sanyiisaaniitiin lafa akka guutan isaanitti hime. Lammaffaammoo, jannata bal’aa sana keessaa, ija mukaa tokkittiirraa jechuunis, “ija mukicha nyaatanii hamaafi gaarii ittiin beekan” irraa akka hin nyaanne isaan abboome. (Uumama 2:17) Abboommii kana eeguu yoo didan ni du’u. Waaqayyo abboommiiwwan kana isaanii kennuudhaan, Bulchaasaanii ta’uusaa fudhachuusaanii akka argisiisan carraa isaanii kenne. Kanaaf abboomamuunsaanii, jaalalaafi galateeffannaa isaaf qaban argisiisa. Bulchiinsasaa isa gaarii fudhachuuf sababii ga’aa qabu turan. Namoonni kun mudaa hin qaban turan. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay’ee gaarii ture” jechuudhaan nutti hima.—Uumama 1:31.

—Uumama boqonnaa 1 fi 2⁠rratti kan hundaa’e.

  • Macaafni Qulqulluun akkaataa namoonniifi lafti itti uumaman akkamitti ibsa?

  • Waaqayyo dhiiraafi dubartii jalqabaatiif jireenya akkamii kenne?

  • Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif abboommii akkamii kenne?

MAQAA WAAQAYYOO

Caaffanni Qulqullaa’oon Waaqayyo maqaawwan ulfinaa addaddaa, kan akka Uumaafi Waaqa Hundumaa Danda’u jedhaniin ibsu. Maqaawwan ulfinaa tokko tokkommoo amalawwansaa, jechuunis qulqullummaasaa, humnasaa, murtoo qajeelaa kan kennu ta’uusaa, ogummaasaafi jaalalasaa ibsu. Haata’u malee, Waaqayyo ofiisaatiif maqaa adda ta’eefi Yihowaa jedhu baafateera. Afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun itti barreeffameen, maqaan Yihowaa jedhu kun Uumama 2:4 jalqabee al 7,000 ni argama ture. Maqaan Yihowaa hiiknisaa “Akka Ta’u Godha” jechuudha. Maqaan kun, Waaqayyo kaayyoosaa bakkaan ga’uufi waadaa gale raawwachuu akka danda’u waan ibsuuf, hiika maqaa kanaa beekuun baay’ee nama gammachiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi