KUTAA 2
Jannata Keessaa Ari’aman
Ergamaa hamaan tokko, namoonni jalqabaa, jechuunis Addaamiifi Hewwaan bulchiinsa Waaqayyoo akka didan dhiibbaa isaanirraan geessise. Kanaan kan ka’es, cubbuufi duuti gara biyya lafaa dhufe
WAAQAYYO namoota uumuusaa yeroo dheeraa dura, uumamawwan hafuuraa ijaan hin argamne, jechuunis ergamoota hedduu uume. Ergamaan Waaqayyorratti ka’e, inni yeroo booda Seexanaafi Diiyaabilos jedhame, Hewwaan ija mukaa Waaqayyo akka isaan hin nyaanne abboomerraa akka nyaattu haxxummaadhaan ishee qore.
Seexanni waan bofti dubbachaa jiru fakkeessuudhaan, Waaqayyo isheefi abbaa manaashee wanta barbaachisaa ta’e tokko akka isaan dhowwate ibse. Ergamichi isheefi abbaan manaashee, ija mukaa dhowwame sana utuu nyaatanii akka hin duune Hewwaanitti hime. Akka kanaan, Seexanni Waaqayyo ijoolleesaa sobaa jira jedhee isa himate. Seexanni namoonni kun Waaqayyoof abboomamuu diduunsaanii gaarii akka ta’e, akkasumas beekumsa addaafi birmadummaa kan isaanii argamsiisu akka ta’e ibse. Haata’u malee, kun soba yeroo jalqabaatiif lafarratti dubbatamedha. Gaaffiin kun olaantummaa Waaqayyoorratti, jechuunis Waaqayyo bulchuuf mirga qabaachuusaa, mirga kanatti karaa sirrii ta’een fayyadamuusaa, akkasumas karaa namoota isaaf bitamaniif faayidaa argamsiisuun itti fayyadamuufi dhiisuusaarratti kan xiyyeeffate ture.
Hewwaan soba Seexanaa kana ni amante. Ija mukaa sana hawwitee, irraa kutattee nyaatte. Achiis, abbaa manaasheetiif kennite; innis ni nyaate. Akka kanaan cubbamoota ta’an. Wanti salphaa fakkaatu kun, Waaqayyorratti ka’uusaanii kan argisiisu ture. Addaamiifi Hewwaan, ta’e jedhanii Waaqayyoof abboomamuu diduudhaan, bulchiinsa Uumaasaanii isa jireenya mudaa hin qabneefi waan hunda isaanii kennee morman.
Sanyichi, “mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.”—Uumama 3:15
Waaqayyo warra isarratti ka’an kanarratti murtoo cimaa dabarse. Achiis, Sanyiin abdachiifame ykn Fayyisaan Seexana isa bofatti fakkeeffame sana balleessu tokko akka dhufu raajii dubbate. Waaqayyo ijoolleesaanii warra sana booda dhalataniif oo’a argisiisuu waan barbaadeef, murtoon du’aa Addaamiifi Hewwaanitti murame yeroo muraasa booda akka raawwatamu godheera. Qaamni Waaqayyo ergu kun, haalawwan gaddisiisaa hammeenyi Eeden keessatti ka’e fide hunda waan balleessuuf, ijoolleen Addaamiifi Hewwaanirraa dhalatan abdii qabu turan. Fayyisaa kana ilaalchisee kaayyoon Waaqayyoo akkamitti raawwiisaa akka argatu, jechuunis inni ergamu eenyu akka ta’e, yommuu Macaafni Qulqulluun barreeffamaa adeemu ifa ta’aa dhufeera.
Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin Jannata keessaa ari’e. Lafa dhaabaa Eedenii ala ta’e qotanii jiraachuun, dafqaafi dadhabbii cimaa kan gaafatu ture. Achiis Hewwaan, Qaayin mucaasaanii isa jalqabaa deesse. Addaamiifi Hewwaan, Abeeliifi Sheet isa akaakilii Nohi ta’e dabalatee ilmaaniifi intaloota garabiraas qabu turan.
—Uumama boqonnaa 3 hanga 5 fi Mul’ata 12:9rratti kan hundaa’e.