LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Bitootessa ful. 5
  • Waaqayyoon Dhaggeeffadhu—Akkamitti Itti Fayyadamna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyoon Dhaggeeffadhu—Akkamitti Itti Fayyadamna?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni Waaqayyoon Akka Dhaggeeffatan Gargaaraa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! Jedhamutti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Birooshuraa fi Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhaman Tajaajila Keessan Irratti Fayyadamaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Karaa Birooshura Dhaamsa Macaafa Qulqulluutti Fayyadamuu Itti Dandeenyu Tokko
    Tajaajila Mootummaa—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Bitootessa ful. 5

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Waaqayyoon Dhaggeeffadhu—Akkamitti Itti Fayyadamna?

Waaqayyoon Dhaggeeffadhu

Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu kan qophaaʼe, namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenye dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu fakkiidhaan akka baratan gargaaruufi dha. Barumsi hundi fuula lama kan qabuu fi fakkiiwwan of eeggannaadhaan qophaaʼan kan qabate dha; xiyyawwan fakkiiwwan biratti argaman duraa duuba ittiin fakkiiwwan irratti itti mariʼachuu dandeessan isin hubachiisu.

Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu fakkii birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu irratti argamuu wajjin wal fakkaatu kan qabu taʼus, barreeffamoota dabalataa waan qabuuf namoota dubbisuu dandaʼan ittiin qayyabsiisuu dandeenya. Babalʼistoonni yommuu qoʼannaa geggeessan, baratichi birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamutti akka fayyadamu gochuu, ofiif immoo birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamutti fayyadamuu dandaʼu. Fuulawwan hedduu irratti saanduqawwan odeeffannoo dabalataa qabatan waan jiraniif dandeettii baratichaa tilmaama keessa galchuudhaan irratti mariʼachuu dandeessu.

Obboleettiin tokko birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamu qabattee, dubartii birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu qabatee jirtu yommuu qoʼachiistu

Jiʼa sanatti kan raabsamu barreeffamoota kan biraa yoo taʼe illee, birooshura kana lamaan yeroo kamitti iyyuu raabsuu dandeessu. Qoʼannaa yommuu geggeessitan seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman ibsuuf fakkiiwwan birooshuroota kana keessatti argamanitti fayyadamaa. Baratichi akka irratti hirmaatu jajjabeessaa; akkasumas wanta barachaa jiru hubachuu isaa mirkaneeffachuuf gaaffiiwwanitti fayyadamaa. Caqasawwan miiljalee fuula hundaa irratti argaman dubbisaa irratti mariʼadhaa. Birooshuricha erga xumurtanii booda kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? ykn Kitaabni Qulqulluu Maal Nu Barsiisa? jedhamuun qoʼannaa itti fufuu dandeessu.

Birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu irraa barumsa waaʼee Addaamii fi Hewwaan yommuu Eeden keessan turan dubbatu
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi