LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Bitootessa ful. 6
  • Bitootessa 27–Ebla 2

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bitootessa 27–Ebla 2
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Bitootessa ful. 6

Bitootessa 27–Ebla 2

Ermiyaas 12-16

  • Faarfannaa 128 fi Kadhannaa

  • Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • “Israaʼeloonni Yihowaa Irraanfatan”: (Daq. 10)

    • Er 13:1-5—Ermiyaas carraaqqii guddaa gochuu kan isa gaafatu taʼus, qajeelfama Yihowaan sabbata tokko akka dhoksu isaaf kenneef ajajameera (jr-E 51 key. 17)

    • Er 13:6, 7—Ermiyaas sabbaticha deebisee fiduuf karaa dheeraa deemee yommuu achi gaʼu sabbatichi bososee ture (jr-E 52 key. 18)

    • Er 13:8-11—Yihowaan sababii Israaʼelonni mata jabeeyyii taʼaniif walitti dhufeenyi isaan isaa wajjin qaban kan bade taʼuu isaa fakkeenya kanaan ibseera (jr-E 52 key. 19-20; it-1-E 1121 key. 2)

  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)

    • Er 12:1, 2, 14—Ermiyaas gaaffii akkamii gaafate? Deebiin Yihowaan isaaf kenne hoo maal ture? (jr-E 118 key. 11)

    • Er 15:17—Ermiyaas michoota filachuu ilaalchisee ilaalcha akkamii qaba ture? Nuti hoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (w04-AM 5/1 12 key. 16)

    • Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal na barsiisa?

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa qabxiin tajaajila irratti itti fayyadamuu dandaʼu isa kami?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Er 13:15-27

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

  • Guyyaa Jalqabaa: (Daq. 2 ykn isaa gad) Afeerrii Ayyaana Yaadannoo fi viidiyoo—Deddeebii gaaffiitiif haala mijeessi.

  • Deddeebii Gaaffii: (Daq. 4 ykn isaa gad) Afeerrii Ayyaana Yaadannoo fi viidiyoo—Deddeebii gaaffiitiif haala mijeessi.

  • Haasaa: (Daq. 6) w16.03 29-31—Mata duree: Sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittiidhaan kan Boojiʼaman Yoom Ture?

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 79

  • “Maatiin Keessan Yihowaa Akka Yaadatu Gargaaraa”: (Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo ‘Dubbiin Kun Garaakee Keessa Haa Taaʼu’—Gaafannoo Maatiiwwanii Wajjin Taasifame jedhamu taphachiisuudhaan jalqabi (viidiyoo kutaa MAATII jedhu jalaa argama).

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr boq. 3 key. 13-22, chaartii, “Yihowaan Kaayyoosaa Irraa Jalaan Ibsa” jedhuu fi saanduqa “Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?”

  • Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)

  • Faarfannaa 108 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi