Bilbilaan Lallabuun Bu’a Qabeessa Ta’uu Ni Danda’a
1 Waa’ee bilbilaan lallabuu kaasuun kan nu barbaachise maaliifi? Karaa namoonni beekumsa sirrii fayyina argamsiisu akka qabaatan gargaaruuf nu dandeessisu keessaa tokko waan ta’eefidha. (2 Phe. 3:9) Malli guddaan misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo itti lallabamu manaa gara manaa ta’us, namoota manatti hin argamne argachuuf malawwan kan biraatti fayyadamuu barbaanna.—Mat. 24:14; Luq. 10:1-7; Mul. 14:6.
2 Akkaataa Itti Qindeeffamu: Akkuma manaa gara manaatti tajaajiluuf qophiin godhamu, naannoon tajaajilaa babal’istoonni bilbilaan itti lallabanis ni qophaa’a. Kunis qofaa ykn nama lamaan ykn sadiin raawwatamuu danda’a. Akkasumas naannoonsaa jeequmsarraa walaba ta’uu qaba. Babal’istoonni baay’een, barreeffamoota manaa gara manaa yeroo lallaban isaan barbaachisan, fuuldurasaanii minjaalarra kaa’achuun gaarii akka ta’e hubataniiru.
3 Akkaataa Bilbilaan Itti Lallabamu: Yeroo bilbilaan lallabnu akkuma namni sun nu bira taa’ee jiruutti haasofsiisuu qabna. Babal’istoonni tokko tokko akkaataa dhiheenyaa tokko dubbisuudhaan kan jalqaban ta’us, dubbisa utuu hin fakkeessin nama sana haasofsiisuu danda’u. Gama kanaan, yaadawwan seensaa kitaaba Ragaa Dhiheessu, Tajaajila Mootummaafi tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhanirra jiran bu’a qabeessa ta’uu danda’u. Akkaataa dhiheenyaa mataa keessanii yeroo qophooftan, ergaa dubbachuu barbaaddan murteessaa; gaaffii isaan gaafattaniifi caqasawwan deebii kennuuf isin gargaaran muraasa qopheeffadhaa. Yeroo kanattis barreeffamoota manaa gara manaa yeroo tajaajiltan raabsitan raabsuu dandeessu. Yaadachiisawwan kana qalbeeffadhaa: Hin dhiphatinaa, suuta jedhaa dubbadhaa. Bilbilaan amalawwan kun hubatamuu waan danda’aniif, karaa ulfina qabeessa ta’een, obsaafi jaalalaan isaanitti dubbachuu dandeessu. Namni haasofsiistan yeroo inni yaadasaa ibsu dhaggeeffadhaa; yaadasaa ibsuusaatiinis akka isa galateeffattaniifi akka dinqisiifattan itti himaa. Kadhaa isaanitti fakkaachuu waan danda’uuf, bilbilaan waa’ee buusii gochuu ibsuurraa of qusadhaa.
4 Namni bilbilaan haasofsiistan, hir’ina qaamaa ykn dhukkuba kan qabu ykn hojiinsaa manaa gara manaa yeroo tajaajillu isa argachuuf kan rakkisu ta’uu danda’a. Namoonni naannoo ykn gamoo karra duraa waardiyyaa qabuufi heyyama malee galuun rakkisaa ta’e keessa jiraatanis jiru. Kanaaf, tajaajila keenya guutummaatti raawwachuuf carraaqqii gochuudhaan, mala bilbilaan lallabuutti karaa bu’a qabeessa ta’een haa fayyadamnu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Bilbilaan lallabuun kutaa tajaajila keenyaa isa barbaachisaadha kan jennu maaliifi?
2. Bilbilaan lallabuun kan qindeeffamu akkamitti?
3. Bilbilaan yeroo lallabnu maal yaadachuu qabna?
4. Bilbilaan lallabuun naannoo tajaajilaa nuuf kennametti tajaajiluuf kan nu gargaaru akkamitti?