Sagantaa Torban Onkoloolessa 26 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 26 JALQABU
Faarfannaa 23 (200)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
fy boq. 12 key. 23-26fi saanduqa; boq. 13 key. 1-4
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Kes. 11-13
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 9 (37)
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Sadaasaafi Dammaqaa! Raabsuuf Qophaa’uu. Haasawaa. Barruulee raabsaman ilaalchisee ibsa gabaabaa erga kennitee booda, mataduree xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaa sanaa hawwachuu danda’u ibsi. Warri, yommuu mucaasaanii tajaajilaaf qopheessan kan argisiisu hojiin argisiisni tokko haa dhihaatu. Abbaa ykn haatiifi mucichi mataduree filatu, gaaffii qopheessu, akkasumas caqasa itti fayyadamuu barbaadan tokko filatu. Achiis mucichi akkaataa dhiheenyaasaa hojiin argisiisaan erga dhiheessee booda, qophii buusii qarshiitiif godhames ni dubbata.
Daq. 10: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Tajaajilarratti boqonnaawwan kamfaa caalaatti akka itti fayyadaman akka dubbatan dhaggeeffattoota gaafadhu. Kitaaba kana ennaa namootatti argisiisan, gaaffii, fakkii ykn caqasa kamitti fayyadamu? Hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Saanduqa Gaaffii. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Caqasoota saanduqicha keessatti kennaman dubbisuudhaan irratti mari’adhaa.
Faarfannaa 29 (222)