LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/03 ful. 1
  • Namoota Ta’uuf Barbaachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Ta’uuf Barbaachuu
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bilbilaan Lallabuun Bu’a Qabeessa Ta’uu Ni Danda’a
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Fudhattanii Hojjechuudhaan Faayidaa Argachuu Dandeessuu?
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Naannoowwan Daldalaatti Lallabuun kan Danda’amu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Qabdaa?
    Tajaajila Mootummaa—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 12/03 ful. 1

Namoota Ta’uuf Barbaachuu

1 Hojiin lallabaa Yesus akka hojjennuuf nu ajaje, rakkisaa nutti ta’uu danda’a. Akkas jedhe: “Mandara yookiis ganda kamitti illee yommuu galtan, nama ta’u barbaadaa.” (Mat. 10:11) Yeroo ammaatti namoonnii manasaaniitti kan argaman yeroo muraasaaf waan ta’eef, namoota isaaniif ta’u barbaaduu kan dandeenyu akkamitti?

2 Naannoo Tajaajilaa Keessan Gamaaggamaa: Duraan dursaatti naannoo tajaajilaa keessan gamaaggamaa. Yeroo baay’ee namoonni manasaaniitti kan argamuu danda’an yoomi? Sa’aatii guyyaarratti eessatti argamu? Guyoota torbanii ykn guyyaa keessaa sa’aatii isa kamitti yoo daawwataman caalaatti nu dhaggeeffachuu danda’uu? Tajaajila keessan akka jireenyaafi haala namoota naannoo keessaniitti yoo jijjiirtan, bu’aa gaarii isiniif argamsiisa.—1 Qor. 9:23, 26.

3 Babal’istoonni baay’een, sa’aatii dhihaarratti tajaajiluusaaniitiin namoota manasaaniitti argachuu danda’aniiru. Warri manaa tokko tokko, sa’aatii akkasiirratti utuu hin dhiphatin dhaggeeffachuuf caalaatti fedhii argisiisu. Kana malees, naannoo daldalaafi namoonni baay’inaan argamanitti tajaajiluun, karaa namoota argannee misraachicha itti himnu keessaa isa tokkodha. Yeroo akkas goonu, namoota sababi qabeeyyii hin taaneefi ragaa Caaffata Qulqulluurraa dhihaatu fudhachuu hin barbaannee wajjin sa’aatii dheeraadhaaf maree bu’aa hin qabne gochuun barbaachisaa akka hin taane sammuutti qabachuu qabna. Kana malees, barruulee ykn kitaabota laachuu keenya dura fedhii dhugaa qabaachuusaanii mirkaneessuun gaariidha

4 Gumiin tokko Ji’a sochiin adaa itti godhamutti, Sambataafi Dilbata sa’aatii booda, akkasumas Roobiifi Jimaata gara galgalaatti tajaajiluuf qophii godhe. Kana malees, bilbilaan dhugaa ba’uufi naannoo daldalaatti hojechuuf qophii godheera. Qophiin kun miira gumichi tajaajilaaf qabu waan guddiseef, kanumatti fufuudhaaf murteesseera.

5 Gaaffii Deddeebii Gochuuf Carraaqaa: Yeroo deddeebii gaaffii gootan, namoota manasaaniitti argachuun rakkisaa yoo isinitti ta’e, deddeebii gaaffii isa duraa dabalatee, dhuma maree gootan hundaatti, bellama qabachuuf yaalii godhaa. Akkasumas beellamicha sirriitti eeguu keessan mirkanaa’oo ta’aa. (Mat. 5:37) Yoo danda’ame, abbaan manichaa lakkoofsa bilbilaasaa akka isinii kennu gaafadhaa. Kunis akka namichaa wajjin lammata wal argitan isin gargaara.

6 Namoota ta’uuf barbaachuufi fedhiisaanii guddisuuf yaaliin goonu eebba Yihowaa akka nuuf argamsiisu beekamaadha.—Fak. 21:5.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi