Naannoo Tajaajilaa Dhuunfaa Qabdaa?
1 Naannoon tajaajilaakee isa siif ramadamedha. Kunis daftee daftee akka dhaqxuufi kophaakees ta’e babal’isaa biraa wajjin akka lallabdutti bakka mijaa’aa kan jiru ta’uu danda’a. Yeroo danda’ametti qophii gumichi tuutaan lallabuuf godhe deggeruun faayidaa kan qabu ta’uyyuu, keessumaammoo gumii naannoo tajaajilaa guddaa qabutti naannoo tajaajilaa dhuunfaa yeroo biraatti itti tajaajilan fudhachuun akka gaariitti tajaajiluuf gargaaruu danda’a.—HoE. 10:42.
2 Bu’aawwansaa: Obboloonni tokko tokko naannoo tajaajilaa bakka hojiisaaniitti dhihoo jiru fudhatanii, boqonnaa laaqanaatti ykn sa’aatii hojii booda lallabuun gaarii ta’uusaa hubataniiru. Kaanimmoo, maatiidhaan ta’anii ollaawwansaaniitiif lallabu. Namoota deddeebitee gaafattuufi Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu naannoo tajaajilaakeetti argachuunkee humna, yeroofi baasiikee sii qusata. Yeroo utuu hin gubin baay’ee hojjechuun waan danda’amuuf, obboloonni naannoo tajaajilaa qabaachuunsaanii qajeelchaa gargaaraa akka ta’aniifi booddees qajeelcha akka ta’an isaan gargaaruu danda’a.
3 Qajeelchituun daawwataan olaanaa aanaa naannoo tajaajilaa dhuunfaa akka qabaattu ishee jajjabeesse tokko akkas jetti: “Gorsa naa kenname fudhadhee, yeruma sana namoota naannookoo keessa jiranii wajjin wal baruufi walii galuun jalqabe. Yeroo isaaniif mijaa’utti isaan gaafachuuf sagantaakoo nan mijeeffadhe. Kana gochuukootiinis deddeebiiwwan gaaffiikoo ji’atti 35rraa gara 80tti dabalaniiru; amma qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu torban qaba.”
4 Akkamitti Argachuu Dandeenya? Naannoo tajaajilaa fudhachuu yoo barbaadde obboleessa naannoo tajaajilaa kennu gaafadhu. Babal’isaan biraa sii wajjin akka tajaajilu gaafadhu; namoota manatti hin arganne galmeeffadhu. Naannoo tajaajilaa sii kenname ji’a afur keessatti fixuuf yaalii gochuu qabda. Kana gochuun yoo sitti ulfaate, ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaakee ykn obboloota kan biraa gargaarsa gaafachuu dandeessa. Dhuma ji’oottan arfaniirratti naannoo tajaajilaa xumurame deebisuu ykn lammata itti hojjechuuf gaafachuu dandeessa. Haata’u malee, naannoo tajaajilaa tokko warri kaan akka itti hojjetaniif deebisuu qabda malee, yeroo hin murtoofneef qabattee turuu hin qabdu. Gumiinkee naannoowwan muraasa qofa kan qabu yoo ta’eefi naannoo tajaajilaa dhuunfaa argachuun kan hin danda’amne yoo ta’e, naannoo tajaajilaa tokkorraa qoodee akka sii kennu ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaakee gaafachuu dandeessa.
5 ‘Saba hundumaatti’ akka lallabnuuf hojiin nuu kenname ulfaataadha. (Mat. 24:14) Kanaafuu qindoominni gaariin barbaachisaadha. Tuutaan waliin tajaajiluu malees, naannoo tajaajilaa dhuunfaatti hojjechuun namoota baay’eedhaaf misiraachicha lallabuuf nu gargaaruu danda’a.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Naannoon tajaajilaa dhuunfaa maalidha?
2. Naannoo tajaajilaa dhuunfaa qabaachuun faayidaa maalii qaba?
3. Qajeelchituun naannoo tajaajilaa fudhatte tokko muuxannoo akkamii argatte?
4. Naannoo tajaajilaa argachuufi itti hojjechuu kan dandeenyu akkamitti?
5. Hojii lallabaa nuu kenname raawwachuuf maaltu barbaachisa?