LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • od boq. 9 ful. 87-104
  • Malawwan Misiraachichi Ittiin Lallabamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Malawwan Misiraachichi Ittiin Lallabamu
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MANAA GARA MANAATTI LALLABUU
  • NAMOOTA ISAANIIF MALU BARBAADUU
  • DEDDEEBII GAAFFII GOCHUU
  • QOʼANNAA KITAABA QULQULLUU GEGGEESSUU
  • NAMOOTA FEDHII QABAN GARA JAARMIYAA YIHOWAATTI QAJEELCHUU
  • BARREEFFAMOOTA KITAABA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼAN FAYYADAMUU
  • KARAA AL IDILEE TAʼEEN LALLABUU
  • NAANNOO TAJAAJILAA
  • NAMOOTA AFAAN KAM IYYUU DUBBATANIIF LALLABUUF GARGAARSA GOCHUU
  • GAREEDHAAN LALLABUU
  • Naannoo Tajaajilaa Afaan Biyya Alaa Guddisuu
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Nama Afaan Gara Biraa Dubbatu Yoo Arganne Maal Goona?
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Naannoo Tajaajilaa Qooqni Hedduun Dubbatamutti Lallabuu Irratti Deggersa Gochuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Lallabuu Keessan Dura, Sakattaʼuun Isin Barbaachisa Taʼa
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
od boq. 9 ful. 87-104

BOQONNAA 9

Malawwan Misiraachichi Ittiin Lallabamu

YESUUS Misiraachicha hinaaffaadhaan waan lallabeef duuka buutota isaatiif fakkeenya taʼeera. Dursa fudhatee gara namootaa dhaqeera, mana isaanii fi bakka namoonni hedduun argamanitti isaan haasofsiiseera, akkasumas isaan barsiiseera. (Mat. 9:35; 13:36; Luq. 8:1) Yesuus dhuunfaatti namoota haasofsiiseera, barattoota isaa kophaatti barsiiseera, akkasumas namoota kumaan lakkaaʼaman barsiiseera. (Mar. 4:10-13; 6:35-44; Yoh. 3:2-21) Carraa argate hundatti fayyadamee namoota jajjabeesseera, abdiis isaaniif kenneera. (Luq. 4:16-19) Yeroo boqochuun, nyaachuun ykn dhuguun isa barbaachisetti illee, carraa lallabuuf argate hin dabarsine. (Mar. 6:30-34; Yoh. 4:4-34) Seenaa tajaajilaa Yesuus, isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame yommuu dubbisnu, fakkeenya isaa hordofuuf hin kakaanuu? Akkuma ergamoota isaa, fakkeenya isaa hordofuuf akka kakaanu beekamaa dha.—Mat. 4:19, 20; Luq. 5:27, 28; Yoh. 1:43-45.

2 Mee Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran, hojii Yesuus Kiristoos waggaa 2,000 dura jalqabsiise irratti hirmaachuuf carraawwan akkamii akka qaban haa ilaallu.

MANAA GARA MANAATTI LALLABUU

3 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, misiraachoo Mootummichaa karaa qindaaʼaa taʼeen, manaa gara manaa dhaqanii lallabuun faayidaa akka qabu ni hubanna. Mala kanatti balʼinaan fayyadamuu keenyaan kan kaʼe, mallattoo ittiin beekamnu taʼeera. Mala kanatti fayyadamnee yeroo gabaabaa keessatti namoota miliyoonaan lakkaaʼaman waliin gaʼuun keenya, malli kun buʼa qabeessa taʼuu isaa argisiisa. (Mat. 11:19; 24:14) Tajaajilli manaa gara manaatti raawwannu, karaa gaarii Yihowaa fi namootaaf jaalala akka qabnu itti argisiisnu dha.—Mat. 22:34-40.

4 Manaa gara manaatti lallabuun, mala haaraa yeroo harʼaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa jalqaban miti. Phaawulos ergamaan mana namootaa dhaqee barsiisaa akka ture dubbateera. Waaʼee tajaajila isaa, ilaaltota ol aanaa Efesooniif yommuu ibsu akkana jedheera: “Guyyaan jalqaba gara koonyaa Eeshiyaa dhufee kaasee, . . . wanta isin fayyadu isinitti himuu irraas taʼe . . . manaa gara manaatti isin barsiisuu irraa duubatti hin jenne.” Phaawulos, karaa kanaa fi karaawwan kan birootiin, “Yihudoonnis taʼan Giriikonni yaada geeddaratanii gara Waaqayyootti akka deebisanii fi Gooftaa Yesuusitti akka amanan guutummaatti ragaa isaaniif baʼeera.” (HoE. 20:18, 20, 21) Yeroo sanatti, mootonni Roomaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jajjabeessu turan; kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun ‘waaqolii kan sodaatan’ turan. Namoonni ‘Waaqa isa addunyaa fi wantoota isa keessa jiran hunda uume,’ akkasumas isa ‘namoonni eessa iyyuu yoo jiraatan yaada geeddarachuu akka qaban dubbachaa jiru’ barbaaduun isaanii ariifachiisaa ture.—HoE. 17:22-31.

5 Yeroo harʼaatti immoo, misiraachicha namootaaf lallabuun yeroo kam iyyuu caalaa ariifachiisaa dha. Dhumni sirna hamaa kanaa saffisaan dhihaachaa jira. Kana hubachuun keenya, carraaqqii goonu dabaluuf nu kakaasa. Namoota dhugaa beelaʼan argachuuf, mala manaa gara manaatti lallabuu isa buʼa qabeessa taʼuun isaa yeroo dheeraaf mirkanaaʼetti fayyadamuu caalaa malli gaariin hin jiru. Malli kun, akkuma bara Yesuusii fi ergamootaa, bara keenyattis buʼa qabeessa dha.—Mar. 13:10.

6 Tajaajila manaa gara manaa irratti guutummaatti hirmaachaa jirtaa? Taanaan, Yihowaan akka sitti gammadu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (His. 9:11; HoE. 20:35) Taʼus, manaa gara manaatti tajaajiluun salphaa siif taʼuu dhiisuu dandaʼa. Tarii rakkina qaamaa qabda taʼa ykn naannoo namoonni hedduun dhagaʼuuf fedhii hin qabne keessatti lallabaa jirta taʼa. Tarii immoo dhorkaan mootummaa jiraachuu dandaʼa. Yookiin ija laafessa waan taateef, namoota hin beekne haasofsiisuun baayʼee sitti ulfaata taʼa. Kanaafuu, yeroo manaa gara manaatti tajaajiltu hundatti, hamma tokko dhiphachuun kee hin oolu. Garuu abdii hin kutatin. (Bau. 4:10-12) Obboloonni kee bakka hedduu jiranis akkasuma itti dhagaʼama.

7 Yesuus, “Kunoo! Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jedhee barattoota isaatiif waadaa galeera. (Mat. 28:20) Waadaan inni gale kun, jabina hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuuf nu gargaaru nuu kenna. Nutis akkuma Phaawulos ergamaan “karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhee nutti dhagaʼama. (Filp. 4:13) Qophii gumichi tajaajila manaa gara manaatiif godhetti guutummaatti fayyadami. Warra kaanii wajjin tajaajiluudhaan jajjabinaa fi gargaarsa argachuu dandeessa. Gufuun si mudatu maal iyyuu yoo taʼe, gargaarsa argachuuf kadhadhu, akkasumas misiraachicha lallabuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi.—1 Yoh. 5:14.

8 Misiraachicha warra kaaniif yommuu lallabdu, ‘waaʼee abdii kee’ dubbachuuf carraa hedduu argatta. (1 Phe. 3:15) Garaa garummaa namoota abdii Mootummichaa qabanii fi abdii hin qabne gidduu jiru caalaatti hubachaa deemta. (Isa. 65:13, 14) Ajaja Yesuus ‘ifni keessan haa ifu’ jechuudhaan kenne hojii irra oolchaa akka jirtu waan beektuuf gammachuu argatta, akkasumas namoonni Yihowaa fi dhugaa jireenya bara baraa argamsiisu akka beekan gargaaruuf mirga argatta.—Mat. 5:16; Yoh. 17:3; 1 Xim. 4:16.

9 Dhuma torbaniittis taʼe torban gidduutti, manaa gara manaatti lallabuuf qophiin ni godhama. Naannoowwan guyyaa namoota manatti argachuun rakkisaa taʼetti, gumiiwwan tokko tokko galgala lallabuuf qophii godhu. Namoonni ganama caalaa gara galgalaa namootaa wajjin haasaʼuuf fedhii qabaatu.

NAMOOTA ISAANIIF MALU BARBAADUU

10 Yesuus namoota isaaniif malu ‘akka barbaadan’ barattoota isaa ajajeera. (Mat. 10:11) Inni namoota isaaniif malu kan barbaade manaa gara manaatti tajaajiluudhaan qofa hin turre. Kanaa mannaa, carraa argate hundatti, karaa idilee fi al idilee taʼeen lallabeera. (Luq. 8:1; Yoh. 4:7-15) Ergamoonni isaas iddoowwan garaa garaatti lallabaniiru.—HoE. 17:17; 28:16, 23, 30, 31.

Kaayyoon keenya hanga nuuf dandaʼame ergaa Mootummichaa namoota hundaaf lallabuu dha

11 Harʼas kaayyoon keenya hanga nuuf dandaʼame ergaa Mootummichaa namoota hundaaf lallabuu dha. Kana jechuun, mala Yesuusii fi barattoonni isaa hojii barattoota gochuu irratti fayyadaman fayyadamuu, akkasumas jijjiirama yeroo yerootti taʼu hordofuu fi haala namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranii hubachuu jechuu dha. (1 Qor. 7:31) Fakkeenyaaf, babalʼistoonni naannoo daldalaatti namoota haasofsiisuudhaan milkaaʼina argataniiru. Akkuma paarkii keessatti, bakka konkolaataan dhaabbatutti ykn bakka namoonni argaman kamitti iyyuu lallabuun gaarii taʼe, karaa irratti lallabuunis biyyoota hedduutti buʼa qabeessa taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Gumiiwwan tokko tokko, naannoo tajaajilaa isaanii keessatti minjaala ykn wanta barreeffama ittiin argisiisan kan biraa fayyadamu. Kana malees, waajjirri damee obboloota gumii adda addaa keessa jiran fayyadamuudhaan magaalaa keessa bakka namoonni miilaan deeman baayʼatanitti lallaba addabaabayii addaa qopheessuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, namoonni yeroo babalʼistoonni mana isaanii dhaqanitti manatti hin argamne carraa kanaan misiraachicha dhagaʼuu dandaʼu.

12 Bakka namoonni baayʼatanitti, nama ergaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii qabu yommuu argannu barreeffama isa barbaachisu isaaf kennuu dandeenya. Fedhiin isaa caalaatti akka guddatu gochuu akka dandeessuuf, nama fedhii qabu sanaaf teessoo kee kennuudhaan deddeebii gaaffiidhaaf haala mijeessuu, weebsaayitii keenya jw.org itti argisiisuu ykn teessoo Galma Walgaʼii naannoo isaa jiru kennuufii dandeessa. Tajaajila kee balʼifachuuf, bakka namoonni baayʼatanitti lallabuun gaarii taʼuu isaa hubachuu dandeessa.

13 Haa taʼu malee, hojiin Kiristiyaanota yeroo harʼaatti argamaniif kenname misiraachicha lallabuu qofa miti. Namoonni dhugaa gara jireenyaatti geessu akka fudhatan gargaaruu irratti milkaaʼina argachuu yoo barbaadde namoonni fedhii qaban guddina godhanii Kiristiyaanota bilchaatoo akka taʼaniif, irra deddeebitee isaan gaafachuun kee barbaachisaa dha.

DEDDEEBII GAAFFII GOCHUU

14 Yesuus duuka buutota isaatiin, “Hanga handaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” jedheera. (HoE. 1:8) Kana malees, “Dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; . . . wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jedheera. (Mat. 28:19, 20) Deddeebii gaaffii gochuun tajaajila Yihowaa keessatti madda gammachuu taʼuu dandaʼa. Namoonni yeroo ati jalqaba misiraachicha itti himte fedhii argisiisan deebitee yoo isaan gaafatte ni gammadu taʼa. Yaada Kitaaba Qulqulluu dabalataa isaaniif hiruudhaan amantii Waaqayyo irratti qaban isaaniif cimsuu fi fedhii hafuuraa isaanii akka guuttatan isaan gargaaruu dandeessa taʼa. (Mat. 5:3) Akka gaariitti yoo qophooftee fi yeroo isaaniif mijatutti deddeebii gaaffii yoo goote, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandeessa. Kaayyoon deddeebii gaaffii itti gootus kanuma. Sanyii dhugaa facaasuu qofa utuu hin taʼin, bishaan obaasuus qabna.—1 Qor. 3:6.

15 Deddeebii gaaffii gochuun babalʼistoota tokko tokkotti ni ulfaata taʼa. Tarii misiraachicha gabaabsitee namootatti himuu irratti dandeettii waan horatteef, bifa tajaajilaa kana ni jaallatta taʼa. Deebitee nama sana Kitaaba Qulqulluu mariisisuu yommuu yaaddu garuu ulfaataa sitti fakkaachuu dandaʼa. Qophii gaarii gochuun ofitti amanannaan kee akka dabalu godha. Yaadawwan walgaʼii torban gidduu irratti dhihaatan hojii irra oolchi. Akkasumas babalʼisaan muuxannoo qabu akka sii wajjin taʼu affeeruu dandeessa.

QOʼANNAA KITAABA QULQULLUU GEGGEESSUU

16 Filiphoos inni lallabaa Wangeelaa taʼe, namni amantaa Yihudii fudhate tokko Dubbii Waaqayyoo utuu dubbisuu argee, “Dhuguma wanta dubbisaa jirtu ni hubattaa?” jedhee isa gaafate. Namichis, “Namni na barsiisu utuu hin jiraatin akkamittan hubachuu dandaʼa?” jedhee isaaf deebise. Seenaan Hojii Ergamootaa boqonnaa 8 irratti argamu, Filiphoos kutaa Kitaaba Qulqulluu namichi dubbisaa ture irraa kaasee, ‘misiraachoo waaʼee Yesuus ibsu akka isatti hime’ dubbata. (HoE. 8:26-36) Filiphoos namicha kanaa wajjin hammam akka ture beekuu baannus, hamma namichi amanee cuuphamuuf gaafatutti misiraachicha isaaf ibseera. Achiis namichi barataa Yesuus Kiristoos taʼeera.

17 Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun waaʼee Kitaaba Qulqulluu hin beekan, kanaafuu amantii akka horatanii fi cuuphamuuf gaʼumsa akka qabaatan gochuuf, irra deddeebinee isaan gaafachuu, akkasumas torbanoota, jiʼoota ykn waggaa tokko ykn isaa oliif isaan qoʼachiisuun nu barbaachisa taʼa. Haa taʼu malee, namoota garaa qajeelaa qaban obsaa fi jaalalaan gargaaruun, akkuma Yesuus “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedhe, eebba guddaa siif argamsiisa.—HoE. 20:35.

18 Keessumaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf qophaaʼanitti fayyadamtee nama tokko qoʼachiisuu akka barbaaddu beekamaa dha. Gorsa walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti kennamu hojii irra oolchuu fi barsiisota muuxannoo qabanii wajjin tajaajiluudhaan, qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu buʼa qabeeyyii taʼan geggeessuu fi namoonni barattoota Yesuus Kiristoos akka taʼan gargaaruu dandeessa.

19 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu irratti gargaarsi yoo si barbaachise, jaarsolii keessaa tokko ykn Dhugaa Baatuu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu irratti buʼa qabeessa taʼe gaafachuu dandeessa. Yaanni barreeffama qoʼannaa Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irra jiruu fi hojiin argisiisni walgaʼicha irratti dhihaatu si gargaaruu dandaʼa. Yihowaatti amanami, wanta barbaaddus kadhannaadhaan isatti himadhu. (1 Yoh. 3:22) Hamma siif dandaʼametti, isa miseensota maatii kee qoʼachiistu malees, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu tokko qabaachuuf galma baafadhu. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu argachuudhaan gammachuu tajaajila irraa argattu guddifachuu dandeessa.

NAMOOTA FEDHII QABAN GARA JAARMIYAA YIHOWAATTI QAJEELCHUU

20 Namoonni Yihowaa akka beekanii fi barattoota Yesuus Kiristoos akka taʼan yommuu gargaarru, miseensa gumii taʼu. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu jaarmiyaa Yihowaa wajjin yoo wal beekanii fi isaa wajjin yoo hojjetan, guddina hafuuraa gochuu fi bilchaatoo taʼuu dandaʼu. Haa taʼu malee, akkamitti kana gochuu akka dandaʼan isaan barsiisuun barbaachisaa dha. Birooshura Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyu Faʼi? jedhamu malees viidiyoowwan gama kanaan nu gargaaran jiru. Odeeffannoowwan boqonnaa 4​ffaa kitaaba kanaa irratti argaman tokko tokkos si gargaaruu dandaʼu.

21 Guyyaa Kitaaba Qulqulluu irratti marii gochuu jalqabdanii kaasee, barataan kee Yihowaan hojiin lallabaa akka raawwatamu gochuuf jaarmiyaa itti fayyadamaa jiru tokko akka qabu akka hubatu isa gargaari. Barreeffamoonni qoʼannaadhaaf itti fayyadamnu faayida akkamii akka qaban, akkamitti akka qophaaʼanii fi hojjettoota fedhaa Waaqayyoof of murteessaniin addunyaa maratti akkamitti akka raabsaman ibsiif. Barataan Kitaaba Qulqulluu kee walgaʼii Galma Walgaʼiitti godhamu irratti akka argamu affeeri. Walgaʼiin akkamitti akka geggeeffamu itti himi, obboloota achitti argamanii wajjinis wal isa barsiisi. Akkasumas walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti Dhugaa Baatota kaanii wajjin wal isa barsiisuu dandeessa. Yeroowwan kanattis taʼe yeroowwan kan birootti, namni haaraan sun, sabni Yihowaa jaalala isa Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu akkamitti akka argisiisan ofuma isaatii akka argu godhi. (Yoh. 13:35) Namni fedhii qabu tokko, dinqisiifannaan jaarmiyaa Yihowaatiif qabu yommuu guddatu, Yihowaatti dhihaachuuf kakaʼa.

BARREEFFAMOOTA KITAABA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼAN FAYYADAMUU

22 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, Dubbii Waaqayyoo dhimmanii qopheessaa turan. Dhuunfaattis taʼe gumii irratti ittiin qoʼachuuf, garagalchii Kitaabota Qulqulluu ni qopheessu turan. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru warra kaanitti himu turan. Barreeffamoonni isaan harkaan garagalchan kun baayʼee muraasaa fi iddoo guddaa kan qaban turan. (Qol. 4:16; 2 Xim. 2:15; 3:14-17; 4:13; 1 Phe. 1:1) Yeroo harʼaatti immoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaabota Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran miliyoona dhibbaan lakkaaʼaman qopheessuuf mala maxxansaa ammayyaatti fayyadamu. Kunis tiraaktota, birooshuroota, kitaabotaa fi barruulee afaan dhibbaan lakkaaʼamaniin qopheessuu dabalata.

23 Yeroo misiraachicha namoota kaanitti himtu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaranii fi jaarmiyaa Yihowaatiin qophaaʼanitti fayyadamuu hin dagatin. Barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼan dubbisuu fi qoʼachuun kee hangam akka si fayyade beekuun kee, barreeffamoota kana warra kaaniin gaʼuuf si kakaasa.—Ibr. 13:15, 16.

24 Namoonni hedduun adda durummaadhaan odeeffannoo kan argatan Intarneetii irraa ti. Namoonni odeeffannoo argachuuf Intarneetiitti fayyadaman lakkoofsi isaanii dabalaa dhufeera; kanaafuu barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dabalatee, weebsaayitiin keenya jw.org misiraachicha babalʼisuuf meeshaa buʼa qabeessa taʼeera. Namoonni addunyaa maratti argaman kompiitaratti fayyadamanii Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin dubbisuu ykn dhaggeeffachuu dandaʼu. Namoonni nuu wajjin mariʼachuuf fedhii hin qabne ykn bakka fagoo Dhugaa Baatota Yihowaa hin arganne jiraatan, manuma isaanii taaʼanii jw.org fayyadamanii waaʼee amantii keenyaa qorachuu dandaʼu.

25 Kanaafuu, carraa arganne hundatti fayyadamnee, weebsaayitii jw.org beeksisna. Namni tokko waaʼee amantii keenyaa yoo nu gaafate, moobaayilii ykn kompiitara keenyatti fayyadamnee yeruma sana achumatti deebii isaaf kennuu dandeenya. Afaan mallattoo dabalatee, nama afaan kan biraa dubbatu yoo arganne, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afaan isaatiin akka argatuuf weebsaayitii keenya itti argisiisuu dandeenya. Babalʼistoonni hedduun maree Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe jalqabuuf, viidiyoowwan weebsaayitii keenya irratti argaman keessaa isa tokkotti fayyadamu.

KARAA AL IDILEE TAʼEEN LALLABUU

26 Yesuus, namoota barumsa isaa xiyyeeffannaadhaan hordofaa turaniin, “Isin ifa addunyaa ti . . . namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif, ifni keessan namoota fuulduratti haa ifu” jedheera. (Mat. 5:14-16) Barattoonni isa dhaggeeffachaa turan kun, fakkeenya Yesuus isa “Ani ifa addunyaa ti” jedhee hordofuudhaan ilaalcha Waaqayyoo calaqqisiisaniiru. Yesuus namoonni isa dhaggeeffatan hundi akka fayyadamaniif, “ifa jireenyaa” ibsuu irratti Kiristiyaanotaaf fakkeenya taʼeera.—Yoh. 8:12.

27 Phaawulos ergamaanis fakkeenya nuuf taʼeera. (1 Qor. 4:16; 11:1) Yeroo Ateenaa turetti, guyyaa guyyaadhaan namoota bakka gabaatti argatu hundumaaf lallabaa ture. (HoE. 17:17) Kiristiyaanonni Filiphisiyus jiranis fakkeenya isaa hordofaniiru. Kanaan kan kaʼes Phaawulos, ‘dhaloota jalʼaa fi micciiramaa gidduu’ jiraachaa, ‘addunyaa keessatti akka ibsitoota ifaatti ifaa akka jiran’ isaaniif barreesseera. (Filp. 2:15) Nutis yeroo harʼaatti, carraa itti misiraachicha himnu yeroo argannu hundatti, dubbii fi gocha keenyaan dhugaa Mootummichaa ibsuu dandeenya. Amanamoo fi qajeeloo taʼuudhaan fakkeenya gaarii taʼuun keenya mataan isaa, addunyaa irraa adda taʼuu keenya akka hubatan akka godhu beekamaa dha. Maaliif adda akka taane kan hubatan garuu yeroo misiraachicha isaanitti himnu dha.

28 Sabni Yihowaa hedduun, bakka hojiitti, mana barumsaatti, geejjiba irratti ykn sochii guyyaa guyyaa yommuu godhan, misiraachicha namootaaf ni lallabu. Yeroo imallutti, namoota nuu wajjin imalaniif lallabuuf carraa arganna. Maree dhuunfaa namootaa wajjin goonu lallabuuf itti fayyadamuuf dammaqoo taʼuu qabna. Kanaafuu, carraa argannu hundatti namoota haasofsiisuuf qophaaʼoo haa taanu.

29 Kun Uumaa keenya jajachuu fi maqaa isaatiif ulfina fiduuf akka nu gargaaru yaadachuun keenya kana gochuuf nu kakaasa. Kana malees, namoonni garaa qajeelaa qaban, Yihowaa beekuudhaan isa tajaajiluu akka dandaʼanii fi abdii jireenyaa Yesuus Kiristoositti amanuudhaan argamu akka argataniif isaan gargaaruu dandeenya. Yihowaan carraaqqii akkasiitti ni gammada, akka tajaajila qulqulluuttis ni ilaala.—Ibr. 12:28; Mul. 7:9, 10.

NAANNOO TAJAAJILAA

30 Yihowaan magaalaattis taʼe baadiyyaatti, ergaan Mootummichaa addunyaa maratti akka lallabamu ni barbaada. Kana galmaan gaʼuuf, waajjirri damee gumiiwwanii fi namoota dhuunfaa naannoo fagoo taʼanitti tajaajilaniif naannoo tajaajilaa ni kenna. (1 Qor. 14:40) Kun qophii Waaqayyo jaarraa jalqabaatti godhee wajjin walsima. (2 Qor. 10:13; Gal. 2:9) Hojiin Mootummichaa guyyoota dhumaa kanatti saffisaan babalʼachaa waan jiruuf, naannoon tajaajilaa gumiif ramadame sirriitti yoo qindaaʼe, wanti hedduun hojjetamuu dandaʼa.

31 Qophii kana kan qindeessu, ilaaltuu ol aanaa tajaajilaa ti. Tajaajilaan gumii naannoo tajaajilaa qophaaʼe kennuu dandaʼa. Naannoo tajaajilaa gosa lamatu jira; isaanis, naannoo tajaajilaa garee fi naannoo tajaajilaa dhuunfaa ti. Bakka naannoon tajaajilaa muraasni jirutti, ilaaltonni ol aanaa garee babalʼistoota garee isaanii keessa jiranii wajjin tajaajiluuf naannoo tajaajilaa garee fudhachuu dandaʼu. Bakka naannoon tajaajila hedduun jirutti garuu, babalʼistoonni dhuunfaatti naannoo tajaajilaa fudhachuu dandaʼu.

32 Babalʼisaan naannoo tajaajilaa mataa isaa qabu tokko, darbee darbee yeroo walgaʼiin tajaajila dirree hin jirretti ykn garee isaa wajjin wal arguu hin dandeenyetti iddoo fudhate kanatti tajaajiluu dandaʼa. Fakkeenyaaf, babalʼistoonni tokko tokko, naannoo tajaajilaa bakka hojii isaaniitti dhihoo jiru fudhachuudhaan yeroo boqonnaa laaqanaatti ykn hojii booda lallabuu dandaʼu. Maatiiwwan naannoo tajaajilaa mana isaaniitti dhihoo jiru fudhachuudhaan darbe darbee galgala galgala tajaajiluu dandaʼu. Babalʼisaan tokko naannoo tajaajilaa isaaf mijaaʼaa taʼe qabaachuun isaa, saʼaatii tajaajila irratti dabarsuuf murteessetti akka gaariitti fayyadamuuf isa gargaara. Naannoo tajaajilaa dhuunfaa, gareedhaan taʼanii tajaajiluunis ni dandaʼama. Naannoo tajaajilaa dhuunfaa qabaachuu yoo barbaadde, tajaajilaa naannoo tajaajilaa gaafachuu dandeessa.

33 Naannoon tajaajilaa garee ilaaltuu ol aanaa garee tokkoof kennames taʼe naannoon tajaajilaa dhuunfaa babalʼisaa tokkoof kenname, namni naannoo tajaajilaa sana fudhate, jiraattota naannoo tajaajilaa sana haasofsiisuuf hamma isaaf dandaʼame carraaqqii gochuu qaba. Qophiin naannoo tajaajilaa hojjechuuf godhamu, seera mirga nama hundaa eeguuf baʼee wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Ilaaltuun ol aanaa garee ykn babalʼisaan naannoo tajaajilaa fudhate kam iyyuu jiʼa afur gidduutti xumuruuf carraaqqii gochuu qaba. Erga xumuree booda, tajaajilaa naannoo tajaajilaatti himuu qaba. Haala isaa irratti hundaaʼuudhaan, ilaaltuun ol aanaa garee ykn babalʼisaan tokko, naannoo tajaajilaa sana irra deebiʼee hojjechuuf of bira tursuu ykn tajaajilaa naannoo tajaajilaatti deebisuu dandaʼa.

34 Babalʼistoonni gumii keessa jiran hundi tumsa yoo godhan naannoon tajaajilaa sun sirriitti waliin gaʼamuu dandaʼa. Kana malees, namoota naannoo sanaa akka hin aarsineef, naannoon tajaajilaa tokko, yeroodhuma wal fakkaataa keessatti babalʼistoota lama ykn isaa oliin akka hin hojjetamne gochuu qabna. Akka kanaan, obboloota keenyaa fi namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniif akka yaannu argisiisna.

NAMOOTA AFAAN KAM IYYUU DUBBATANIIF LALLABUUF GARGAARSA GOCHUU

35 Namni hundi waaʼee Yihowaa, waaʼee Ilma isaa fi waaʼee Mootummichaa barachuun isa barbaachisa. (Mul. 14:6, 7) Namoonni afaan kam iyyuu dubbatan fayyuuf maqaa Yihowaa akka waammatanii fi namummaa Kiristiyaanaa akka uffatan gargaaruu barbaanna. (Rom. 10:12, 13; Qol. 3:10, 11) Naannoo afaan garaa garaa dubbatamutti, wantoonni misiraachicha labsuun ulfaataa akka taʼu godhan maal faʼi? Hamma dandaʼametti, namoonni hedduun afaan sirriitti hubataniin ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan gochuuf, rakkoowwan kana moʼuun kan dandaʼamu hoo akkamitti?—Rom. 10:14.

36 Gumii tokkoof naannoon tajaajilaa kan ramadamu afaan gumiin sun ittiin geggeeffamu irratti hundaaʼee ti. Kanaafuu, naannoowwan afaan hedduun itti dubbatamanitti, babalʼistoonni gumii adda addaa keessa jiran naannoodhuma wal fakkaataa keessatti tajaajilu. Haala akkasii keessatti, babalʼistoonni sun namoota afaan gumiin isaanii ittiin geggeeffamu dubbataniif lallabuu irratti xiyyeeffachuun isaanii gaarii dha. Yeroo duulli waraqaa affeerrii geggeeffamuttis akkasuma godhamuu qaba. Haa taʼu malee, yeroo lallaba addabaabayii irratti hirmaatanii fi karaa al idilee taʼeen lallabanitti, nama kam iyyuu haasofsiisuu fi afaan kamiin iyyuu barreeffama raabsuu dandaʼu.

37 Yeroo tokko tokko immoo, gumiiwwan afaan kan biraatiin geggeeffaman naannoo tajaajilaa isaanii irraa fagaatee jiru yeroo yerootti waliin gaʼuu hin dandaʼan taʼa. Yeroowwan akkasiitti, ilaaltonni ol aanaa gumiiwwan sanaa, akkaataa naannoo tajaajilaa sana waliin gaʼan irratti mariʼachuu qabu. Akkas gochuun isaanii, namni hundi ergaa Mootummichaa akka dhagaʼuuf carraa isaaf kenna, akkasumas utuu hin barbaachisin akka irra hin deddeebiʼamne gargaara.—Fak. 15:22.

38 Yeroo manaa gara manaa tajaajillutti namni balbala nuuf bane afaan kan biraa kan dubbatu yoo taʼe maal gochuu qabna? Babalʼistoonni afaan isaa dubbatan isa haasofsiisu jennee eeguu hin qabnu. Babalʼistoonni tokko tokko, afaan yeroo baayʼee naannoo tajaajilaa isaanii keessatti isaan mudatuun itti lixa salphaa qophaaʼuu barataniiru. Namni sun weebsaayitii keenya jw.org irraa barreeffama akkamitti akka dubbisu ykn akkamitti akka buufatu itti argisiisuu ykn barreeffama afaan isaatiin argamu akka isaaf finnu itti himuu dandeenya.

39 Namni sun dhugumaan fedhii kan qabu yoo taʼe, afaan inni hubatuun nama isa gargaaruu dandaʼu argachuuf yaaluu qabna. Kana malees, gumii dhihoo jiruu fi afaan isaatiin geggeeffamu itti himuu dandeenya. Namni afaan isaa dubbatu akka isa gargaaru kan barbaadu yoo taʼe, jw.org irratti teessoo isaa akkamitti guutuu akka dandaʼu itti argisiisuu dandeenya. Waajjirri damee immoo babalʼisan tokko, gareen ykn gumiin isatti dhihoo jiru akka isa gargaaru gochuuf yaalii godha.

40 Namni fedhii qabu sun, nama afaan isaa dandaʼu akka argate hamma nutti himutti isa gargaaruu keenya itti fufuu qabna. Yeroo tokko tokko, waajjirri damee, nama afaan namicha sanaa dubbatu argachuu akka hin dandeenye jaarsoliitti hima. Yeroo wanti akkasii uumamutti, hamma nuuf dandaʼametti fedhii nama sanaa guddisuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. Yoo dandaʼame, barreeffama afaan isaatiin jirutti fayyadamnee, Kitaaba Qulqulluu isa qoʼachiisuu dandeenya. Fakkiiwwanitti akka gaariitti yoo fayyadamnee fi caqasoota Kitaaba Qulqulluu akka dubbisu yoo goone, barumsawwan Kitaaba Qulqulluu buʼuuraa tokko tokko hubachuu dandaʼa. Miseensi maatii isaa afaan isaa fi afaan nuti dubbannu beeku, fedha isaa yoo taʼe turjumaana taʼee tajaajiluu dandaʼa.

41 Namni fedhii qabu sun saganticha guutummaatti hubachuu baatus, jaarmiyichaa wajjin akka wal baruuf walgaʼii keenya irratti akka argamu isa affeeruu qabna. Kitaabni Qulqulluun afaan isaatiin jira yoo taʼe, yeroo caqasni dubbifamutti, achi irraa akka hordofu isa gargaaruu dandeenya. Obboloota gumii keessa jiranii wajjin wal baruun isaa qofti, isa jajjabeessuu fi guddina hafuuraa akka godhu isa gargaaruu dandaʼa.

42 Gar Dureewwan: Gar dureen tokko babalʼistoota muraasa afaan gumichi ittiin geggeeffamu irraa adda taʼeen lallaban kan of keessatti qabate dha; taʼus, jaarsi ykn tajaajilaa gumii gaʼumsa qabuu fi walgaʼiiwwan torbanii afaan sanaan geggeessuu dandaʼu jiraachuu dhiisuu dandaʼa. Waajjirri damee, ulaagaaleen armaan gadii yoo guutaman, gumiin tokko, gar duree akka hundeessu isaaf heyyamuu dandaʼa:

  1. (1) Naannoo sana afaan gumichi ittiin geggeeffamuun alatti namoonni afaan kan biraa dubbatan hedduun yoo jiraatan.

  2. (2) Yoo xinnaate babalʼistoonni afaanicha beekan ykn barachuuf fedhii qaban muraasni yoo jiraatan.

  3. (3) Qaamni jaarsolii hojii lallabaa afaan kanaan geggeeffamu qindeessuuf fedhii yoo qabaate.

Qaamni jaarsolii gar duree tokko hundeessuuf fedhii yoo qabaate, jaarsoliin ilaaltuu ol aanaa aanaa mariisisu. Ilaaltuun ol aanaa aanaa, gumiiwwan namoota naannoo sana jiraniif lallabaa jiran kan biroon akka jiran beeka taʼa; kanaafuu gar duree kana hundeessuuf gumiin inni kam caalaatti gaarii akka taʼe odeeffannoo gaarii qabaachuu dandaʼa. Gumiin sun erga filatamee booda, jaarsoliin gumichaa waajjira dameedhaaf xalayaa erguudhaan gumichi gar duree hundeessuu isaatiif beekamtii akka kennu gaafatu.

43 Gareewwan: Ulaagaaleen armaan gadii yoo guutaman waajjirri damee gumiin tokko garee akka hundeessu isaaf heyyamuu dandaʼa:

  1. (1) Afaan garee hundeessuuf yaadame sanaan namoonni fedhi qaban hedduun yoo jiraatanii fi guddinni argamuu kan dandaʼu yoo taʼe.

  2. (2) Yoo xinnaate babalʼistoonni afaan sana dubbachuu dandaʼan ykn barachaa jiran muraasni yoo jiraatan.

  3. (3) Jaarsi ykn tajaajilaan gaʼumsa qabuu fi garee sana gargaaru, yoo xinnaate torbanitti afaan sanaan walgaʼii tokko ykn kutaa walgaʼii tokko, jechuunis haasaa sabaa dhiheessu ykn Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa geggeessu yoo jiraate.

Ulaagaaleen kun hamma tokko yoo guutaman, qaamni jaarsolii gumichi garee hundeessuu isaatiif beekkamtii akka kennuuf waajjira dameetiif xalayaa dhimma sana balʼinaan ibsu erga. Jaarsi ykn tajaajilaan adda durummaadhaan garee sana gargaaru “ilaaltuu ol aanaa garee” ykn “tajaajilaa garee” jedhamee kan waamamu yommuu taʼu, dhimmoota garee sanaa wajjin wal qabatan ni hordofa.

44 Gareen sun erga hundaaʼee booda, qaamni jaarsolii garee sana hundeesse, kutaawwan walgaʼii dabalataa godhamuu qabanii fi walgaʼiin isaanii jiʼa keessatti siʼa meeqa godhamuu akka qabu ni murteessa. Kana malees, gareen sun walgaʼii tajaajila dirree akka godhatu qophii gochuun ni dandaʼama. Hojiin garee sana keessatti raawwatamu hundi, qaama jaarsolii garee sana hundeesseen toʼatama. Jaarsoliin qajeelfama madaallii isaa eeggate ni kennu, akkasumas dursa fudhachuudhaan wanta garee sanaaf barbaachisu ni godhu. Ilaaltuun ol aanaa aanaa, torban gumii garee sana hundeesse daawwatutti, garee sanaa wajjin tajaajiluudhaan guddina garee sanaa fi wanta garee sana barbaachisu waajjira dameetiif gabaasa gabaabaa erga. Yeroo booda, gareen kun gumii taʼuu dandaʼa. Qaamonni dhimmi kun isaan ilaallatu hundi, qajeelfama tiʼookraasii yoo hordofan Yihowaan ni gammada.—1 Qor. 1:10; 3:5, 6.

GAREEDHAAN LALLABUU

45 Kiristiyaanonni Yihowaaf of murteessan, misiraachicha namootaaf lallabuuf dhuunfaatti itti gaafatamummaa qabu. Karaan kana gochuun itti dandaʼamu hedduun jiraatus, baayʼeen keenya warra kaanii wajjin tajaajiluun nu gammachiisa. (Luq. 10:1) Kanaafuu, gumiiwwan dhuma torbaniittii fi torban gidduutti, walgaʼii tajaajila dirreetiif walitti qabamu. Kana malees, guyyoota ayyaanaatti obboloonni hedduun hojii waan hin galleef, gareedhaan lallabuuf carraa gaarii dha. Koreen Tajaajilaa Gumii, guyyaas taʼe galgala yeroo fi iddoo mijataa taʼetti, walgaʼiin tajaajila dirree akka geggeeffamu haala mijeessa.

46 Gareedhaan lallabuun babalʼistoonni akka waliin hojjetanii fi ‘akka wal jajjabeessan’ godha. (Rom. 1:12) Babalʼistoonni haaraan babalʼistoota gaʼumsaa fi muuxannoo qabanii wajjin tajaajiluudhaan leenjii argatu. Naannoowwan tokko tokkotti, sababa nageenyaatiin kan kaʼe, babalʼistoonni lama ykn isaa ol waliin tajaajiluun isaanii gaarii dha. Kophaa kee tajaajiluuf karoora yoo baafatte illee, walgaʼii tajaajila dirree irratti argamuun kee warra kaan ni jajjabeessa. Warri kaanis tajaajila akka baʼanii fi naannoo sana tajaajilaa akka jiran beekuun kee ofitti amanannaa kee siif dabala. Qajeelchitoonnis taʼan babalʼistoonni, walgaʼiin tajaajila dirree keessumaa guyyaa guyyaatti kan godhamu yoo taʼe, guyyaa hundumaa irratti argamuuf dirqamni akka isaan irra jiru isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. Haa taʼu malee, torban torbaniin muraasa isaanii irratti argamuu ni dandaʼu taʼa.

47 Hundi keenya iyyuu, fakkeenya Yesuusii fi ergamoota isaa haa hordofnu! Yihowaan hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu isa baayʼee barbaachisaa taʼe irratti guutummaatti hirmaachuuf carraaqqii goonu akka nuuf eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Luq. 9:57-62.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi