Nama Afaan Gara Biraa Dubbatu Yoo Arganne Maal Goona?
1 Babal’istoonni Mootummichaa addunyaa maratti argaman, yeroo baay’ee namoota afaan gumiinsaanii ittiin geggeeffamuun ala dubbatan argatu. Waajjiroonni damee hedduun namoota akkasii karaa hafuuraa gargaaruuf jecha, gumiiwwaniifi tuutawwan afaan gara biraatiin geggeeffaman gurmeessaniiru. Naannoo tokko keessatti afaanonni hedduun dubbatamuu waan danda’aniif, gumiiwwan afaan addaddaatiin geggeeffaman hedduun naannoo tajaajilaa tokko keessatti tajaajiluu danda’u. Hojiin lallabaa kun karaa seera qabeessa ta’een akka geggeeffamu gochuuf, gumiiwwan qindoominaan hojjechuu kan danda’an akkamitti?—1 Qor. 14:33.
2 Qindoomina Gaarii: Babal’isaan tokko karaarratti ykn karaa alidilee ta’een yommuu lallabu, nama kamiiniyyuu haasofsiisuu ni danda’a. Kana jechuunis, namoota afaan gumiinsaa ittiin geggeeffamuun ala ta’e dubbatan haasofsiisuufi barreeffama isaan dub bisuu danda’an kennuufii danda’a jechuudha. Haata’u malee, gumiiwwan ykn tuutawwan afaan gara biraatiin geggeeffamanii wajjin naannoo tokko keessa kan tajaajillu yoo ta’e, akkuma walii galaatti babal’isaan tokko namoota afaan gumiinsaa ittiin geggeeffamu dubbatanirratti xiyyeeffachuu qaba. Gumiiwwan addaddaa naannoo tajaajilaa tokko keessa yommuu tajaajilan, galmee sirrii ta’e qabaachuunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Ilaaltonni olaanaa tajaajilaa waliin mari’achuufi karaa hundasaanii fayyaduun haalasaa qindeessuu qabu. (Fak. 11:14) Haata’u malee, babal’isaan tokko tajaajila manaa gara manaatti godhurratti nama afaan gumiinsaa ittiin geggeeffamuun ala dubbatuufi gumiin afaan kanaan geggeeffamummoo naannoo sana hin jiru yoo ta’e, nama kanaaf lallabuufi karaa hafuuraa akka guddatu gargaaruusaa itti fufuu qaba.
3 Hojii Tokko Hojjenna: Babal’istoonni gumii gara garaa keessa jiran, guyyaa tokkotti naannoo tajaajilaa tokko keessa yommuu tajaajilan maal gochuu qabu? Jaalalli Kiristiyaanummaa afaan kamiiniyyuu waan hin daangeffamneef, hundisaanii fedhii namoota naannoo tajaajilaasaanii keessa jiraniif itti gaafatama guddaa akka qaban beekamaadha. (Yoh. 13:34, 35) Kanaafuu, obboloonni itti gaafatamummaa qaban gaarummaafi jaalalaan kaka’anii gareen inni kam yeroodhaaf naannoo gara biraa tajaajiluu akka qabu murteessu.—Yaq. 3:17, 18.
4 Macaafni Qulqulluun namoonni afaan gara garaa dubbatan misiraachoo akka dhaga’an raajii dubbateera. (Mul. 14:6, 7) Namoon ni dhimmisaa isaan ilaallatu hundi qindoominaan hojjechuudhaan, utuu hin barbaachisin naannoon tokko irra deddeebi’amee akka hin hojjetamne gochuu danda’u. Kana gochuunsaanii, namoota afaan gara biraa dubbatan dabalatee, namoonni haaraa baay’een misiraachoo kana akka dhaga’an carraa bana.—Efe.4:16.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Naannoo tajaajilaa keenya yommuu hojjennu qindoominni caalaatti barbaachisaa ta’aa kan dhufe maaliifi?
2. Yommuu manaa gara manaatti tajaajillu, tuutawwaniifi gumiiwwan afaan gara biraadhaan geggeeffamaniifi naannoo tajaajilaa keenya keessa jiranii wajjin qindoominaan hojjechuu kan dandeenyu akkamitti?
3. Babal’istoota gumii ykn tuuta afaan gara biraatiin geggeeffamu keessa jiranii wajjin naannoo tajaajilaa tokko keessatti yoo wal qunnamne maal gochuu qabna?
4. Yeroo ammaatti raajii isa kamtu raawwatamaa jira?