Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Nama Qooqa Kan Biraa Dubbatuuf Lallabuu
Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi? Yihowaan haalli hafuuraa namoota “saba biyya lafaa hundumaa” keessa jiranii isa yaaddessa. (HoE. 10:34, 35) Kanaaf, Yesus misiraachoon “saba hundumaatti,” akkasumas “guutummaa biyya lafaatti” akka lallabamu dubbateera. (Mat. 24:14) Zakaariyaas, namoonni “saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa” dhufan misiraachoo akka dhagaʼan raajii dubbateera. (Zak. 8:23) Mulʼata Yohannis ergamaan arge irratti namoonni rakkina guddaa irraa oolan, “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan [qooqa] dubbatamu hundumaa keessaa” kan dhufan akka taʼan ibsameera. (Mul. 7:9, 13, 14) Yaada olitti ibsamee wajjin haala wal simuun, naannoo tajaajilaa keenya keessatti nama qooqa kan biraa dubbatu yoo arganne, misiraachicha itti himuuf carraaqqii gochuu qabna.
Jiʼa Kanatti Akkas Gochuuf Yaali:
Waaqeffannaa Maatii keessan irratti, nama qooqa kan biraa dubbatuuf akkamitti lallabuu akka dandeessan shaakalaa.