Naannoo Tajaajilaa Afaan Biyya Alaa Guddisuu
1. Naannoo tajaajilaa nuuf ramadametti yeroo lallabnu carraa akkamii argachuu dandeenya?
1 Yesus Kiristos, “saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf” guutummaa addunyaatti Wangeelli akka lallabamu dubbatee ture. Namoonni hojii lallabuufi barsiisuurratti hirmaatan hundi, jechoonni kun barbaachisaa akka ta’an beeku. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Hojii lallabuufi barsiisuurratti yeroo bobbaanu, yeroo baay’ee namoota lammii kan biroo ta’aniifi afaan nuti beeknurraa adda ta’e dubbatan arganna. Isaanis, guyyaan Yihowaa inni sodaachisaan utuu hin dhufiin dura, ergaa Mootummichaafi dhugaadhaaf ejjennoo jabaa fudhachuuf carraa argachuu qabu. (Mil. 3:18) Naannoo tajaajilaa nuuf ramadame keessatti naannoo tajaajilaa afaan biyya alaa guddisuu kan dandeenyu akkamiiti?
2. Namoota afaan kan biraa dubbataniif yeroo lallabnu fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu karaa kamiini?
2 Namoota Afaan Kan Biraa Dubbataniif Ilaalcha Akka Yihowaa Qabaadhaa: Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hunda akkuma Yihowaan loogii tokko malee isaan jaallatu, namoonni afaan kamiyyuu yoo dubbatan, beekumsa Yihowaa, isa Waaqa dhugaa ta’ee akka qabaatan gargaaruuf fedhii guddaa qabaachuu qabna. (Far. 83:18; HoE. 10:34, 35) Hunda dura namoota gumii afaan nuti itti ramadamne dubbatanirratti xiyyeeffachuu kan qabnu ta’us, namoota afaan kan biraa dubbataniif ergaa Mootummaa Waaqayyoo hiruuf hubannaafi dammaqina qabaachuu nu barbaachisa. Namoota afaan kan biraa dubbataniif dantaa dhabuun, kaayyoo Waaqayyo saba hundumaaf akka lallabamu dubbatee wajjin kan walsimu miti. Namoota afaan kan biraa dubbatan gargaaruu kan dandeenyu akkamittiree?
3. Buukleetiin akka itti fayyadamnuuf nuu dhihaate isa kamidha? Itti fayyadamuuf of qopheessuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
3 Buukleetii Misiraachoo Saba Hundaaf Ta’u Jedhamutti Fayyadamaa: Buukleetiin kun, namoota afaan kan biraa dubbatan yeroo arginu ittiin gargaaramuuf kan qophaa’edha. Yeroo hundumaa buukleetii kana qabadhaa, bifa addaddaa inni qabu wajjinis sirriitti wal baraa, itti fayyadamuuf qophaa’oo ta’aa. Afaan barbaaddan daftanii argachuu akka dandeessan, afaanota addaddaa naannoo tajaajilaa keessanitti argamanirratti mallattoo itti godhadhaa. Afaanota kanaan barreeffamoonni jiru taanaan, ergaa buukleetii kanarra jiru erga fayyadamtanii booda raabsuuf muraasa harkatti qabachuun keessan gaarii ta’uu danda’a.
4. Tajaajila keenyarratti buukleetii Saba Hundaaf jedhamutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Namni afaan kan biraa dubbatu tajaajilarratti yoo isin mudateefi isinis afaan isa kam akka dubbatu maqsitanii beekuun yoo isin rakkise, qola buukleetichaa itti argisiisuudhaan jalqabuu dandeessu. Achiis kaartaa qolasaa keessaatiin jiru itti argisiisaa, achumaanis quba ofitti qabaatii biyya keessa jiraattan itti argisiisaa; innis eessaa akka dhufeefi afaan isa kam dubbachuu akka danda’u beekuu akka barbaaddan itti himaa. Afaan isa kam akka dubbatu erga beektanii, baafata mataduree ilaalaatii, fuula afaan sun irratti argamu baasaa; fuula gubbaarratti hima qubee yabbuudhaan barreeffame itti argisiisaa, achiis ergaa sana akka dubbisu akka barbaaddan itti himaa. Yeroo inni dubbisee fixu, afaansaatiin tiraaktii kennaafii ykn hima itti dibamee jiruufi yeroo kan biraatti afaansaatiin barreeffama isaaf fiduuf fedhii akka qabdan ibsu itti argisiisaa. Jecha “maqaankoo” jedhuufi qubee yabbuudhaan barreeffame itti argisiisaatii, maqaa keessan karaa ifa ta’een isatti himaa. “Maqaakee” isa jedhu itti argisiisaatii, hanga inni deebii isinii kennutti eegaa. Deebitanii dhaquuf beellama murtaa’aa qabadhaa.
5. Namoota afaan kan biraa dubbataniifi fedhii argisiisan sirriitti gargaaruuf, ittaansuudhaan maal gochuu qabna?
5 Qophii Hordofanii Gargaaruuf Godhamu: Afaan kamiyyuu kan dubbatan yoo ta’e, namoota ergaa Mootummichaatiif fedhii argisiisaniif deddeebii gaaffii gochuuf carraaqqii guddaan godhamuu qaba. Namni tokko Waaqayyoofi Dubbisaa Macaafa Qulqulluu beekuuf fedhii akka qabaatu erga mirkaneessinee booda, nama kana namni afaansaa dubbatu tokko dhaqee akka isa gargaaru, foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhu guutuudhaan, gara waajjira dameetti akka erguuf dafnee barreessaa gumiitti kennuu qabna. Waajjirri damees garee afaan namichaa itti dubbatamutti erga. Foormiin erga isaan dhaqqabee booda nama sana utuu hin turin haasofsiisuu qabu. Barreessaan gumii sun ilaaltuun olaanaa tajaajilaa namoonni afaanicha dubbatan hammam fedhii argisiisaa akka jiran akka beeku koppii foormii sanaa isaa kennuu qaba. Foormii kanatti kan fayyadamnu yeroo namni tokko fedhii dhugaa argisiise qofa ta’uu qaba.
6. Nama afaan biraa dubbatu kan fedhii argisiise tokko yoo arganne dirqama akkamiitu nurra jira?
6 Erga foormiin S-43 guutamee ergamee kaasee hamma babal’isaan ramadame tokko dhaqee nama fedhii argisiise sana haasofsiisutti yeroo muraasni darbuu danda’a. Kanaaf, babal’isaan foormii S-43 guute sun hanga namni afaan nama fedhii argisiise sanaa danda’u dhufee isa haasofsiisutti, fedhii nama sanaa guddisuuf carraaquu qaba. Akkuma haalasaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gaggeesuunis ni danda’ama. Haata’u malee, hanga namni sun dhufee isa haasofsiisutti babal’isaan sun, afaan nama fedhii argisiise sanaatiin barreeffamoota argachuu kan danda’u akkamitti?
7. Namoota afaan biraa dubbatan gargaaruuf, barreeffama argachuu kan nu dandeessisu qophii akkamiitu jira?
7 Barreeffamoota Namoota Afaan Kan Biraa Dubbataniif Barbaachisan: Gumiiwwan kuusaa barreeffamootaa baay’ee afaanota biraatiin qabaachuun isaanirra hin jiru. Ta’ullee, ilaaltuun olaanaa tajaajilaa gareen afaan biraa dubbatu tokko fedhii akka agarsiise yoo hubate, barreeffamoota afaan sanaa kan babal’istoonni itti fayyadamuu danda’an, hanga tokko kuusaa keesssaa qabachuun barbaachisaa akka ta’e itti dhaga’amuu danda’a. Gumii sana keessa barreeffamoonni akkasii yoo jiraachuu baatan ajajuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Barreeffamni afaan kan biraa nu dhaqqabuuf yeroo fudhachuu danda’a. Kanaaf weeb saayitii . jedhamurraa barreeffama maxxanfachuu akka dandeenyu qophiin taasifameera. Karaa kanaan babal’iftoonni ykn namni fidhii argisiise tokko, barreeffama afaanota dhibbatti lakkaa’amaniin jiran keessaa yeruma sana argachuu danda’a. Qophiin kun namoota afaan kan biraa dubbataniifi fedhii argisiisan gargaaruuf akka fayyadu homaa hin shakkisiisu.
8. Fedhii namoota afaan biraa dubbatanii guddisuu keessatti gaheen gumiin qabu kan akkamiiti?
8 Gahee Gumii: Haala tokko tokkon, gareen afaan biyya alaa bakka guddachaa jiruutti gumiin afaan sanaan tajaajilu naannoo sana dhabamuu danda’a. Kanaafuu, namoonni afaan kan biraa dubbatan fedhii argsiifnaan, walga’iiwwan gumii keessanirratti akka hirmaatan afeeruun barbaachisaadha. Simannaa ho’aafi jaalalli isaanitti argisiifamu, yeroo hunda walga’icharratti akka hirmaatan isaan jajjabeessuu danda’a. Jalqabaaf garaa garummaan afaaniifi aadaa jiraachuu danda’a; garuu, Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti jaalala dhugaa waliif qabanitti kun gufuu kan ta’u miti. (Sef. 3:9; Yoh. 13:35) Afaan kan biraa akka gaariitti dubbattaa? Yoo kan dubbattu ta’e, akkasumas nama fedhii qabu hordoftee gargaaruu kan barbaaddu yoo ta’e, barreessaa gumii keessaniitti himiitii odeeffannoo kana waajjira dameetti akka dabarsu taasisi. Kun waajjirri damee nama fedhii argisiise gargaaruuf babal’isaa yeroo barbaadu fayyaduu danda’a.
9. Afaan biraa barachuun barbaachisaa kan ta’u yoom ta’uu danda’a? Kunoo akkamitti geggeeffama?
9 Afaan Barachuu: Yommuu namoota afaan biraa dubbatan gargaartu, gumiin afaan sanaa dhihootti kan argamu taanaan achitti akka hirmaatan jajjabeessuun gaarii ta’a. Kun hin danda’amu taanaan garuu, babal’istoonni tokko tokko namoota fedhii argisiisan gargaaruuf jecha afaan sana barachuuf murteessuu danda’u. Gumiin afaan sanaan geggeeffamu iddoo dhihootti hin jiru taanaan, namoonni biyya alaatii godaananii dhufan ykn achumatti dhalatanii afaan sana dubbatan baay’inaan yoo jiraatan, waajjirri damee afaan sun akka baratamu murteessuu danda’a. Haalli jiru kana taanaan, waajjirri damee haalasaa gumii naannoo sanatti argamu beeksisee, afaan sana barachuuf qophiin akka godhamu haala mijeessuu danda’a. Obboloonni barumsa kennamurratti hirmaachuuf himata dhiheeffatan, garee ykn gumii afaan sanaan geggeeffamutti jijjiiramuuf fedhii qabaachuu qabu.
10. Tuutni afaan biyya alaa yoom hundeeffama? Kun murtaa’uu kan danda’u akkamitti?
10 Tuuta Afaan Biraa Hundeessuu: Afaan biraatiin tuuta hundeessuuf ulaagaaleen bu’uuraa afur guutamuu qabu. (1) Namoota afaan sana dubbatan keessaa kan fedhii argisiisan baay’ee ta’uu qabu. (2) Babal’istoonni afaan addaa sana beekan ykn barachaa jiran jiraachuu qabu. (3) Jaarsi ykn tajaajilaan gumii ga’umsa qabu yoo xinnaate torbanitti al tokko walga’ii gumii afaan sanaa gaggeessu jiraachuu qaba. (4) Qaamni jaarsolii tuuta sana gargaaruuf fedhii qabaachuu qaba. Ulaagaaleen kanneen hanga tokko yoo guutaman, qaamni jaarsolii waa’ee tuuta sanaa gadi fageenyaan waajjira dameetiif barreessuudhaan, tuutni afaan biyya alaatiin geggeeffamuufi gumichi gargaaru sun beekamummaa akka argatu godha. (Kitaaba, Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu, jedhamu ful.106-107 ilaali.) Jaarsi ykn tajaajilaan gumii inni tuuta sana gaggeessu akka “ilaaltuu olaanaa tuutaa” ykn “tajaajilaa tuutaa” tuuta sana gargaaru akka ta’etti fudhatamuu danda’u.
11. Naannoo tajaajilaa keenya keessatti tajaajila afaan biyya alaa guddisuun mirga guddaa kan ta’e maaliifi?
11 Naannoo tajaajila keenya keessatti afaan biyya alaatiin lallabuun, hojii barbaachisaa, duula lallaba wangeelaa addunyaa maraa isa fakkeenyi keenya Yesus Kiristos raawwatedha. Nutis hinaaffaadhaan gahee keenya yoo raawwannee, Yihowaan saboota sochoosuusaa itti fufuudhaan, wantoota isaaf filatamoo ta’an akkamitti ofitti akka fidu arguu dandeenya. (Hag. 2:7) Tattaaffii taasifamaa jiru kana keessatti guutummaatti hirmaachuun keenya baay’ee nu gammachiisa! Garaa garummaan afaanii jiraatus, Waaqayyo akka guddisu yeroo hunda yaadachuudhaan, naannoowwan tajaajilaa keenyatti naannoo tajaajilaa afaan biyya alaa guddisuuf tattaaffii tokkummaadhaan gochaa jirru Yihowaan akka nuu eebbisu hawwina!—1 Qor. 3:6-9.