Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Waxabajjii 30, 2008 jalqabutti kan irratti mari’atamanidha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, kutaawwan Caamsaa 5 hanga Waxabajjii 30, 2008tti dhihaatanirratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebii godha. [Yaadachiisa: Maddi gaaffichi irraa fudhatame yommuu hin kennamnetti deebiisaa argachuudhaaf dhuunfaakeetti qorannoo godhi.—Kitaaba Mana Barumsaa ful. 36-37 ilaali.]
MALA HAASAWAA
1. Fakkeenya itti fayyadamnu namoonni akka gaariitti akka hubatan gochuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 242 key. 3–ful. 243 key. 1]
2. Fakkeenyi salphaaniifi wanta beekamurratti hundaa’e bu’a qabeessa kan ta’u maaliifi? [be ful. 245 key. 2-4]
3. Wantoota ijaan argamanitti fayyadamanii barsiisuun hangam barbaachisaadha? Yihowaan barumsa barbaachisaa dabarsuuf mala kanaan kan fayyadame akkamitti? (Uma. 15:5; Er. 18:6; Yon. 4:10, 11) [be ful. 247 key. 1-2]
4. Wantoota ijaan argamanitti fayyadamnee barumsa keenya fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 248 key. 1-3]
5. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu yommuu geggeessinu, wantoota ijaan argamanitti gargaaramnee barsiisuuf kaartaan kan nu gargaaru akkamitti? [be ful. 248 key. 4]
HAASAWAA LAK. 1
6. Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun, maal hubachuuf nu gar gaara? [be ful. 32 key. 3-4]
7. Macaafa Qulqulluutti gargaaramnee hiika caqasa tokkoo hubachuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 34 key. 4–ful. 35 key. 2]
8. Yesus, karaa Yihowaan ilmaan namootaatiif eebba itti argamsiisu ta’uunsaa Wangeela Yohaannis keessatti kan ibsame akkamitti? [si p. 198 par. 32]
9. Ragaawwan Caaffata Qulqullaa’aa, Luqaas macaafa Hojii Ergamootaa barreessuusaa argisiisan kamfa’i? [[si p. 199 par. 3; p. 200 pars. 5-7]
10. Namni tokko waraqaa haasawaan irraa dhihaatu akkamitti qopheessuu danda’a? [be key. 39-41]
DUBBISA M.Q
11. Manni qulqullummaa “ijaaruun isaa waggaa afurtamii ja’a fudhate” isa kami? (Yoh. 2:20) [w08 4/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Yohannis”]
12. Warri ‘du’a keessaa gara jireenyaatti darban’ eenyufa’i? (Yoh. 5:24, 25) [w08 4/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Yohannis”]
13. Yesus duuka buutotasaa amanamoo ta’aniif ‘iddoo kan qopheessu’ akkamitti? (Yoh. 14: 2) [w08 4/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Yohannis”]
14. Yesus Maariyaam akka isa hin qabne kan itti dubbate maaliifi? (Yoh. 20:17) [w08 4/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Yohannis”]
15. Hiikni jecha Yesus “akkuma” gara waaqaatti ol ba’etti deebi’ee dhufa jedhu maalidha? (HoE. 1:9-11) [rs ful. 342 key. 4; it-1 ful. 186 key. 8]