Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Waxaba jjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota; Fulbaana: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
◼ Jiini Hagayyaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Gumiiwwan Finfinnee keessa jiran, foormii S-43 jedhamuufi namoota afaan Ingiliffaa ykn afaan gara biraa dubbataniifi fedhii qaban hordofuuf gargaaru muraasa ni argatu. Babal’istoonni hundi, namoota fedhii qabaniifi namni Ingiliffaa ykn afaan gara biraa dubbatu akka isaan gargaaru barbaadan yommuu argatan foormii kana guutuu qabu. Barreessan gumii, namni kun gargaarsa sirrii ta’e akka argatuuf foormii guutame kana gara waajjira dameetti erguu qaba. Foormii S-43 jed hamu kana dabalataan kan barbaadd an yoo ta’e, foormii Ajaja Barreeffamaa (S-14) jedhamurratti guutaa ergaa.
◼ Obboleessi ilaaltuu olaanaatiin bakka buufame tokko herrega gumii ji’oota Bitootessaa, Eblaafi Caamsaa sakatta’uu qaba. Kun godhamee yommuu raawwatamutti, gabaasa herregaa ittaanuu wajjin gumiidhaaf beeksifamuu qaba.—Qajeelfama Herrega gumii (S-27) ilaali.
◼ Iyyanni babal’istoonni qajeelchaa ta’uudhaaf dhiheessan, yoo xinnaate ji’a itti jalqabuu barbaadanirraa guyyaa 30 dura waajjira damee utuu ga’ee gaariidha. Barreessan gumii foormiiwwan kun sirriitti guutamuusaanii mirkaneessuu qaba. Babal’istoonni iyyata dhiheessan, guyyaa itti cuuphaman sirriitti hin yaadatan yoo ta’e, guyyaasaa tilmaamuudhaan galmeessanii qabachuu qabu. Barreessaan gumii guyyaa kana Kaardii Babal’istoota Gumii (S-21) jedhamurratti galmeessuu qaba.
◼ Amajjii 2008tii jalqabee Masaraan Eegumsaafi Dammaqaa! Ingiliffaafi afaan Ispeen Weeb Saayitii www.jw.org jedhamurratti sagaleedhaan qophaa’eera. Namoonni baay’een barreeffamoota sagaleedhaan qophaa’an kana kompiitarasaaniirratti fe’achuu filataniiru. Barreeffamoonni kunis Siidiidhaan ykn MP3 dhaan gumii ga’uusaanii dura dafanii ga’u. Barreeffamoota kana kompiitararratti fe’uun dursanii jaarmiyaa kanaaf kaffaluu gaafata. Ta’us baasiin qophii kanaaf godhamu, baasii diiskii oomishuufi biyyoota adda addaatti erguun gaafaturra salphaadha. Kanaafuu, babal’istoonni barreeffamoota kana Kompiitarasaaniirratti fe’atan, Siidii ykn MP3 ajajuuakka dhaaban jajjabeessina. Barreeffamoon ni kun gara fuulduraattis suutuma suuta afaanota gara biraatiin Weeb saayitii www.jw.org jedhamu kanar ratti ni dhihaatu.