AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Naannoo Tajaajilaa Qooqni Hedduun Dubbatamutti Lallabuu Irratti Deggersa Gochuu
Namoonni yeroo baayʼee ergaa Mootummichaatiif dafanii deebii kan kennan afaan dhalootaa isaaniitiin yeroo dhagaʼanitti dha. Yihowaan Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti “Yihudoonni biyyoota addunyaa maratti argaman hunda keessaa dhufanii fi Waaqayyoof bulan,” qooqa balʼinaan dubbatamu, jechuunis Afaan Ibrootaa ykn Afaan Giriikii dubbachuu kan dandaʼan taʼu illee, ‘afaan dhalootaa isaaniitiin’ misiraachicha akka dhagaʼan kan godhe kanaaf taʼuu dandaʼa. (HoE 2:5, 8) Naannoowwan yeroo ammaatti qooqni adda addaa itti dubbatamutti, gumiiwwan qooqa adda addaatiin geggeeffaman naannoo tajaajilaa tokko keessa jiraachuu dandaʼu. Babalʼistoonni gumiiwwan akkasii keessatti argaman, namni hundi carraa misiraachicha itti dhagaʼu akka argatuu fi utuu hin barbaachisin mana tokko irra deddeebiʼanii rurrukutuudhaan namoota sana dheekkamsiisuu irraa of qusachuu kan dandaʼan akkamitti?
Waliin Mariʼadhaa (Fak 15:22): Ilaaltonni ol aanaa tajaajilaa haala gumii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan karaa qindoomina qabuun akkamiitti misiraachicha akka lallaban waliin mariʼachuu qabu. Naannoon tajaajilaa isaanii xinnoo yoo taʼe gumiiwwan qooqa kan biraatiin lallaban manneen namoota qooqa isaanii dubbatan bira akka darbitan barbaadu taʼa. Haa taʼu malee, gumiiwwan kun naannoon tajaajilaa isaanii balʼaa fi faffacaʼee kan argamu taʼuu isaatiin guutummaatti waliin gaʼuu yoo dadhaban manneen kam iyyuu bira akka hin darbine, nama fedhii argisiise yoo argatan garuu akka isaanitti himan filatu taʼa. (od-AM 93 key. 37) Yookiin immoo gumiin keessan namoota qooqa gumii sanaa dubbatan akka barbaadanii fi namoota teessoon isaanii gara gumii naannoo isaanitti jijjiiramuu dandaʼu akka isaanitti beeksistan isin gaafatu taʼa. (km 7/12 5, saanduqa) Yeroo tokko tokko garuu, mana tokko keessatti qooqni tokkoo ol dubbatamuu akka dandaʼu qalbeeffadhaa. Odeeffannoo waaʼee nama tokkoo yeroo dabarsinu seera dhimma kana ilaalchisee baʼe akka hin cabsine of eeggachuu qabna.
Waltaʼiinsaan Hojjedhaa (Efe 4:16): Qajeelfama ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa keessan isiniif kennu kam iyyuu akka gaariitti hordofaa. Nama qooqni inni dubbatu qooqa gumiin keessan ittiin geggeeffamu hin taane tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirtuu? Taanaan nama qoʼachiistan sana gumii ykn tuuta qooqa inni dubbatuun geggeeffamutti yoo dabarsitan saffisaan guddina gochuu dandaʼa.
Qophaaʼaa (Fak 15:28; 16:1): Namni naannoo tajaajilaa keessan keessa jiru tokko qooqa gumiin keessan ittiin geggeeffamu irraa adda taʼe kan dubbatu yoo taʼe, misiraachicha itti himuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa. Hiikkawwan Kitaaba Qulqulluu fi viidiyoowwan qooqa naannoo keessanitti akka argaman yaaddaniin jiran moobaayilii keessan irratti dursitanii daawonloodii godhachuudhaan qophaaʼuu dandeessu. Qooqawwan sanaan akkamiitti nagaa akka gaafattan barachuuf appilikeeshinii JW Language jedhamutti fayyadamuu dandeessu.