Lallabuu Keessan Dura, Sakattaʼuun Isin Barbaachisa Taʼa
1. Naannoowwan afaan hedduun itti dubbatamanitti, naannoon tajaajilaa gumii hundi garee afaan sana dubbatuuf kan ramadamu maaliifi?
1 Bartoonni Yesus Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yeroo hafuurri qulqulluun isaanirratti buʼu, bakka namoonni biyyoota fagootii dhufan jiranitti “afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.” (HoE. 2:4) Kanaan kan kaʼes, namoonni gara 3,000 taʼan ni cuuphaman. Kan nama dinqisiisu, namoonni kun yeroo kanatti afaan walii galaa, tarii afaan Ibrootaa ykn afaan Giriikii dubbachuu kan dandaʼan taʼuu hin oolan. Taʼus, Yihowaan ergaa Mootummichaa afaan dhalootaasaaniitiin akka dhagaʼan godheera. Sababiin Yihowaan akkas itti godhe inni tokkoffaan, misiraachicha afaan dhalootaasaaniitiin yoo dhagaʼan deebii gaarii waan kennaniif akka taʼe homaa hin shakkisiisu. Kanaaf yeroo harʼaatti, naannoowwan afaan hedduun itti dubbatamanitti, naannoon tajaajilaa gumii hundi garee afaan sana dubbatuuf ramadama. (Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu ful. 107, key. 1-2, Amaariffa) Gareewwan gumii biyya alaa naannoon tajaajilaa isaaniif hin kennamu. Kanaa mannaa, afaan gumii isaan keessa jiran ittiin geggeeffamuun ykn naannoo tajaajilaa keessa jiraniin lallabuu dandaʼu.
2. (a) Hojiin sakattaʼuu maalidha? Barbaachisaa kan taʼuhoo naannoowwan akkamii keessattidha? (b) Gumiiwwan naannoo afaan hedduun itti dubbatamu keessatti argaman wal gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (c) Nama afaan kan biraa dubbatuufi fedhii argisiise yoo arganne maal gochuu qabna?
2 Naannoo afaan tokko qofti itti dubbatamu kan jiraattan yoo taʼe, mana tokko bira utuu darbin manaa garaa manaatti lallabuu akka dandeessan beekamaadha. Naannoo afaan hedduun itti dubbatamu keessa kan jiraattan taanaan garuu, haalli keessan kanarraa adda taʼuu dandaʼa. Gumiiwwan afaan garabiraa dubbatanis naannoodhuma sanatti lallabuu ni dandaʼu. Gumiiwwan kun, namoota afaan keessan dubbatan argachuusaanii ilaalchisee odeeffannoo kan isinii kennan taʼus, namoota lallabuufii dandeessan barbaaduuf itti gaafatamummaa guddaa kan qabu gumii ykn garee keessanidha. (Saanduqa “Wal Gargaaruu” jedhu ilaali.) Kanaaf, namoota afaan sana dubbatan argachuuf hojii sakattaʼuurratti bobbaʼuun isin barbaachisa taʼa. Haataʼu malee, hojiin sakattaʼuu raawwatamuu kan dandaʼu akkamitti?
3. Gumiin ykn gareen tokko, naannoo itti sakattaʼus taʼe yeroo hojii kanaaf oolchu kan murteessu maalidha?
3 Hojii Sakattaʼuu Qindeessuu: Yeroon naannoowwan afaan garaagaraa dubbatan keessatti sakattaʼuudhaan dabarsinu, haala naannichaarratti kan hundaaʼedha. Fakkeenyaaf, naannoo sana keessatti namoota meeqatu afaanicha dubbata? Babalʼistoota meeqatu jira? Gumiin ykn gareen sun hanga ammaatti teessoowwan meeqa argateera? Gumichi naannoowwan hunda haala qixxee taʼeen sakattaʼuu mannaa, daangaa naannoo gumichaa keessatti, akkasumas naannoo achirraa baayʼee fagoo hin taaneefi bakka namoonni afaan sana dubbatan hedduun itti argamanirratti xiyyeeffachuuf murteessuu dandaʼa. Haataʼu malee, hanga dandaʼame namoonni hedduun maqaa Yihowaa waammachuuf carraa akka argataniif, qophii sirriitti qindeeffame qabaachuun barbaachisaadha.—Rom. 10:13, 14, NW.
4. (a) Hojiin sakattaʼuu qindeeffamuu kan qabu akkamitti? (b) Karaawwan namoota afaan keessan dubbatan argachuun itti dandaʼamu tokko tokko kamfaʼi?
4 Hojiin sakattaʼuu utuu hin barbaachisin akka irra hin deddeebiʼamneef, qaamni jaarsolii, keessumaammoo ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, hojii kana qindeessuufi olaantummaadhaan hordofuu qaba. (1 Qor. 9:26) Gareewwan afaan biyya alaatiin geggeeffaman keessatti, obboleessi gaʼumsa qabu, dandaʼamnaan jaarsi ykn tajaajilaan gumii, qaama jaarsolii gumichaa ykn garee sanaatiin filatame dursa fudhatee hojicha utuu raawwatee gaariidha. Gumiiwwan ykn gareewwan hedduun, maqaawwan afaan sanaan baramaa taʼan walitti qabachuuf, tooftaalee baafata bilbilaa ykn Intarneetiirraa argachuuf isaan dandeessisanitti fayyadamuudhaan dursanii qorannaa itti godhan qabu. Achiis hojiin sakattaʼuu bilbila bilbiluudhaan ykn gara naannichaatti deemuudhaan raawwatama; kunimmoo teessoowwan odeeffannoo naannoo tajaajilaa sanaatti dabalamuu qaban murteessuuf gargaara. Akkas gochuun kan dandaʼamu taanaan, qaamni jaarsolii gumii gareen sun keessa jiru, guutummaan gumichaa darbee darbee hojii sakattaʼuurratti akka hirmaatuuf qophii gochuu dandaʼu.—Saanduqa “Namoota Afaan Keessan Dubbatan Argachuu Kan Dandeessan Akkamitti?” jedhu ilaali.
5. (a) Yaadawwan babalʼistoota hojii sakattaʼuurratti bobbaʼaniif kennaman tokko tokko maalfaʼi? (b) Yeroo hojii sakattaʼuu raawwannu namootaan maal jechuu dandeenya?
5 Hojii sakattaʼuurratti yeroo hirmaannu hundatti kaayyoo keenya dagachuu hin qabnu. Hojiin kun kutaa tajaajila keenyaa waan taʼeef, akkuma yeroo hojii lallabaa raawwannutti uffachuu qabna. Babalʼistoonni hedduun yeroo hojii sakattaʼuu raawwatanitti, akkaataa dhiheenyaasaanii shaakaluufi afaan sana dubbachuunsaanii, miira hoʼaa akka qabaataniifi dandeettii afaan sana dubbachuuf qaban caalaatti akka cimsatan isaan gargaareera. Saʼaatii hojii sakattaʼuurratti dabarsinu qabachuu kan dandeenyu taʼus, saʼaatii naannoowwan tajaajilaafi odeeffannoo qopheessuurratti dabarsinu garuu qabachuu hin dandeenyu. Nama afaan sana dubbatu yeroo argannu, misiraachoo isaaf lallabuu yaaluufi odeeffannoon naannoo tajaajilaa sun akka haareffamuuf, yeruma sana ilaaltuu olaanaa tajaajilaatti ykn nama isaan bakka buufametti himuu qabna. Kun namni sun fedhii kan argisiise yeroo taʼuttis kan hojjetudha. Hojiin sakattaʼuu barbaachisaa taʼus, madaalii keenya eeguufi bifa tajaajilaa hundarratti hirmaachuu qabna.—Saanduqa “Yommuu Hojii Sakattaʼuurratti Hirmaannu Maal Jechuu Dandeenya?” jedhu ilaali.
6. Namoota gurrisaanii hin dhageenye barbaaduun rakkina adda taʼe akkamii qaba?
6 Namoota Gurrisaanii Hin Dhageenye Barbaaduu: Namoota gurrisaanii hin dhageenye barbaaduun rakkina adda taʼe kan qabu siʼa taʼu, carraaqqii guddaafi walirraa hin cinne gochuu gaafata. Nama gurrisaa hin dhageenye tokko maqaasaatiin, bifasaatiiniifi qaamasaatiin ykn uffannaasaatiin addaan baasanii beekuun hin dandaʼamu. Kana malees, miseensonni maatiisaa ykn michoonnisaa isa dhoksuufi waaʼeesaa babalʼistoota gaafataniif odeeffannoo kennuu diduu dandaʼu. Yaadawwan armaan gadii, namoota gurrisaanii hin dhageenye barbaaduuf qofa utuu hin taʼin, namoota afaan kan biraa dubbatan sakattaʼuufis nu gargaaruu dandaʼu.
7. (a) Namoota gurrisaanii hin dhageenye argachuuf manaa gara manaa deemanii gaafachuun kan dandaʼamu akkamitti? (b) Mamii nama haasofsiisnu sanatti dhagaʼamu hirʼisuuf maal gochuu dandeenya?
7 Gumiiwwan ykn gareewwan afaan mallattoodhaan geggeeffaman, manaa gara manaa deemanii namoota gaafachuudhaan milkaaʼina argataniiru. Tarii namni sun ollaa, nama wajjin hojjetu ykn wajjin baratuufi afaan mallattoo fayyadamu beeka taʼa. Biyyoota tokko tokkotti mallattoon daandii naannoo sana ijoolleen gurrisaanii hin dhageenye akka jiran argisiisu jira taʼa; namni sun bakka sana kan beeku yoo taʼe isinitti himuu dandaʼa. Tariimmoo fira gurrisaa hin dhageenye qaba taʼa. Kaayyoon gara manasaa itti dhaqxaniif nama sana shakkisiisuu akka dandaʼu hin dagatinaa. Haataʼu malee, karaa michooma argisiisuun isatti dhihaachuudhaan, akkasumas ibsa gabaabaa haqarratti hundaaʼeefi ulfina qabeessa taʼe isaaf kennuudhaan sodaa itti dhagaʼamu akka hirʼisuu gochuu dandeessu. Babalʼistoonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu ykn Diividii afaan mallattootiin qophaaʼe itti argisiisuudhaan, nama gurrisaa hin dhageenye kan beeku yoo taʼe isa gaafachuun buʼaa gaarii akka argamsiisu hubataniiru. Achiis abdii Macaafni Qulqulluun namoota akkasiitiif kennu isaanitti himuu akka barbaadan itti himu. Namni sun odeeffannoo kennuu yoo mamellee, teessoo keessan ykn waraqaa afeerrii walgaʼii gumii isin harkaa fuudhee fira ykn michuu gurrisaa dhagaʼuu hin dandeenyeef kennuuf walii galuu dandaʼa.
8. Gumiiwwan naannoo gumii afaan mallattootti dhihoo jiran isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
8 Gumiin afaan mallattoo, waggaatti al tokko ykn al lama naannoo tajaajilaasaanii isa balʼaa taʼe keessaatti hojii sakattaʼuurratti akka isaan gargaaraniif, gumiiwwan naannoo sana jiraniifi afaan addaddaa dubbatan afeeru dandaʼu. Walgaʼiin tajaajila dirree gumii afaan mallattootiin godhamu, qajeelfamaafi hojiin argisiisa hojii kanaaf gargaaru kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti gareen tokko gumii afaan mallattoo keessaa yoo xinnaate babalʼisaa tokko qabaachuufi kaartaan naannoo bakka sakattaʼan argisiisu kennamuufii qaba.
9. Bakka namoonni gurrisaanii hin dhageenye waliin haasaʼuuf ykn bashannanaaf ykn tajaajilawwan garaagaraa argachuuf walitti qabamanitti hojii sakattaʼuu raawwachuun kan dandaʼamu akkamitti?
9 Kana malees, bakka beekamaa namoonni gurrisaanii hin dhageenye waliin haasaʼuufi bashannanaaf ykn tajaajilawwan uummataa garaagaraa argachuuf walitti qabaman dhaquudhaan, hojii sakattaʼuu raawwachuun ni dandaʼama. Babalʼistoonni akka haala naannoo sanaaf taʼutti uffachuu qabu. Yeroo kanatti namoota hedduu walumatti haasofsiisuu mannaa, nama tokko ykn lama haasofsiisuun caalaatti filatamaa taʼuu dandaʼa. Mareen godhame gaarii taanaan, tarii yeroo kan biraatti wal arguuf teessoo wal jijjiiruu dandeessu.
10. Babalʼistoonni manneen daldalaa naannoosaanii jiranitti hojii sakattaʼuu raawwachuu kan dandaʼan akkamitti?
10 Filannoon kan biraammoo, kaartaa naannoowwan daldalaa qabate qopheessuudhaan yeroo mijaaʼaa taʼetti gara naannoowwan kanaa dhaquudha. Kaartaan tokko buufata bobaʼaan itti gurguramu hedduu kan qabate taʼuu dandaʼa. Kana malees laawundirii, manneen nyaataa, hootelota ykn bakkawwan daldalaa kaan kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Kaartaan hundi naannoowwan daldalaa wal fakkaatan kan qabu yoo taʼe, babalʼistoonni akkaataa dhiheenyaa wal fakkaatu fayyadamuudhaan muuxannoofi beekumsa argachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee hoteelonni maamiltoota gurrisaanii hin dhageenye keessummeessuu waan dandaʼaniif, hogganaa hoteelichaatiif waaʼee hojii keenya ibsa gabaabaa kennuudhaan keessummoota gurrisaanii hin dhageenyeef Diiviidiiwwaniifi waraqaa afeerrii gumii akka itti nuu kennu isa gaafachuu dandeenya. Naannoowwan daldalaa tokko tokkottis, hojjettoonni ykn maamiltoonni afaan mallattoo fayyadaman yoo jiraatan isaan gaafachuu dandeenya. Naannoo sana keessa manni barumsaa namoota gurrisaanii hin dhageenyeef qophaaʼe yoo jiraate, barreeffamoota keenya Diiviidiidhaan qophaaʼan mana kitaabaasaaniitiif kennuu dandeenya.
11. Hojiin sakattaʼuu bifa tajaajilaa keessaa isa barbaachisaadha kan jennu maaliifi?
11 Hojii Barbaachisaa Taʼe: Nama afaankee dubbatu barbaaduun dadhabsiisaafi nuffisiisaa taʼuu dandaʼa. Kana malees, namoonni afaan garaagaraa dubbatan iddoodhaa gara iddootti waan deemaniif naannoo tokko keessa jiraatan saffisaan jijjiiramuu dandaʼu; kunimmoo odeeffannoo naannoo tajaajilaa haaressuun rakkisaa akka taʼu gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, naannoowwan yeroodhaa gara yerootti lakkoofsisaanii dabalaa dhufe keessatti, hojiin sakattaʼuu bifa tajaajilaa keenya keessaa isa barbaachisaa taʼeera. Yihowaan inni hojii lallabaa akka raawwannu nutti kenne, Waaqa namoota wal hin caalchisnedha. (HoE. 10:34) “Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu in fedha.” (1 Xim. 2:3, 4) Kanaaf, Yihowaafi obboloota keenya wajjin taʼuudhaan, namoota afaan garaagaraa dubbatan, kan “garaa gaariidhaa fi abboomamaa” qaban barbaaduurratti haa hirmaannu.—Luq. 8:15.
[Saanduqa fuula 5rra jiru]
Wal Gargaaruu
Gumiiwwan ykn gareewwan naannoo keessan jiraniifi afaan kan biraa dubbatan argachuu barbaannaan, ilaaltuun olaanaa tajaajilaa jaarsolii gumiiwwan afaan garabiraa dubbataniifi isatti dhihoo jiran gaafachuu dandaʼa. Gumiiwwan isinirraa baayʼee fagoo hin taane ykn namoota afaan sana dubbatan hedduu argamani qofa gaafachuun gaariidha. Gumiiwwan gaafatamanis, babalʼistoonnisaanii nama afaan sana dubbatu yoo argattan, gumii ykn garee gargaarsa gaafachaa jiruuf kennuun akka dandaʼamutti teessoo argatan sana barreessanii ilaaltuu olaanaa tajaajilaatti kennuu akka qaban itti himuu dandaʼu. Ilaaltonni olaanaa tajaajilaa gumiiwwanii, naannoowwan afaan hedduun itti dubbatan waliin tajaajiluudhaan namoota fedhii argisiisan gumii ykn garee isaaniif malutti erguurratti ni hirmaatu.
Babalʼistoonni nama afaan kan biraa dubbatuufi dhugumaan fedhii argisiise (ykn nama gurrisaa hin dhageenye) yoo argattan, yeruma sana foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu guuttanii barreessaa gumii keessaniitti kennuu qabdu. Akkas gochuun keessan namni sun yeruma sana gargaarsa hafuuraa akka argatu isa dandeessisa.—km 5/11 ful. 3 ilaali.
[Saanduqa fuula 6rra jiru]
Namoota Afaan Keessan Dubbatan Argachuu Kan Dandeessan Akkamitti?
• Nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan, miseensota maatiisaa, namoota wajjin hojjettaniifi namoota kan biraa gaafadhaa.
• Maqaa namoota afaan sana dubbatan ittiin waamaman argachuuf baafata bilbilaatti fayyadamaa. Baafanni bilbilaa maqaa teessoowwan wajjin qabate Intarneetiirraa ykn kaampaanii bilbilaarraa argachuun ni dandaʼama taʼa.
• Bakkawwan uummataaf tajaajila kennan kan akka, manneen kitaabaa, waajjiroota mootummaafi kollejjoota malaan gaafadhaa.
• Tajaajila uummataa namoota biyya alaatiin qophaaʼe ilaalchisee beeksisa gaazexaarratti baʼe hordofaa.
• Suuqiifi manneen daldalaa namoonni biyya alaa itti fayyadaman dhaqaa.
• Nama itti gaafatamaa taʼe heyyama gaafachuudhaan, minjaala qopheessaatii manneen daldalaa, buufata barattoota yunivarsiitii ykn buufata geejjibaa yeroo baayʼee namoonni afaanicha dubbatan itti argaman barreeffamoota kaaʼaa.
• Biyya keessanitti seeraan kan heyyamamu yoo taʼe, baafata manneen daldalaa ykn sagantaa kompiitaraa teessoowwan addaddaa qabate bitadhaa.
[Saanduqa fuula 7rra jiru]
Yommuu Hojii Sakattaʼuurratti Hirmaannu Maal Jechuu Dandeenya?
Fuulli ifaan, gaarummaa argisiisuuniifi akkaataan dhiheenyaa ifa taʼe shakkii balleessuu dandaʼa. Yeroo baayʼee barreeffama afaan sanaan qophaaʼe itti argisiisuun gaariidha.
Erga nagaa gaafattanii booda akkas jechuu dandeessu: “Abdii Macaafni Qulqulluun kennu namoota afaan ______ dubbatanitti himaa jirra. Nama ergaa kana itti himuu dandeenyu beektaa?”
Namoota gurrisaanii hin dhageenye yeroo sakattaanu akkas jechuu dandeenya: “Harka fuune. Waa tokko sitti argisiisuu barbaadeen ture. [Viidiyoo harkatti baatamuun fayyadamuudhaan Macaafa Qulqulluu hiika addunyaa haaraatiin qopheeffamerraa yeroo dubbifamu itti argisiisi Kun caqasa Macaafa Qulqlluu afaan mallattoo Amerikaatiin qopheeffamerraa fudhatamedha. Kana malees fedhii hafuuraa namoonni gurrisaanii hin dhageenye qaban guutuuf jecha viidiyoowwan hedduun afaan mallattootiin qopheeffamaniiru; namni fedhiii qabu kaffaltii malee viidiyoowwan kana argachuu dandaʼa. Atoo nama gurrisaa hin dhageenye ykn dhagaʼuun isa rakkisuufi afaan mallattoo fayyadamu beektaa?” Namni sun nama tokkoyyuu hin yaadatu taanaan, tarii bakka hojiitti, mana barumsaatti ykn naannoo sanatti nama gurrisaa hin dhageenye yoo argeera taʼe isa gaafachuun gaarii taʼuu dandaʼa.