Sagantaa Torban Hagayya 6 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 6 JALQABU
Faarfannaa 23fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
wp08 10/1 ful. 15 key. 1-7 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: His. 24-27 (Daq. 10)
Lakk. 1: His. 24:15-27 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Caaffanni Qulqullaaʼoon Waaʼee Gargar Baʼuu Maal Jedhu?—fy ful. 160-162, key. 17-22 (Daq. 5)
Lakk. 3: Hisqiʼel 18:20, Baʼuu 20:5 Wajjin Kan Wal Faallessudhaa? (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10 Mana Barumsaa Waggaa Isa Haaraatiif Qophooftaniittuu? Mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni rakkoowwan dargaggoota mana barumsaatti mudatan tokko tokko akka dubbatan afeeri. Warri, ijoolleesaanii qorumsa mana barumsaatti isaan mudatu moʼuufi waaʼee amantiisaanii ibsuu akka dandaʼan qopheessuuf, Indeeksii, kitaaba Gaaffii Dargaggootaafi barreeffamoota kaan yeroo waaqeffannaa maatii godhan akkamitti itti fayyadamuu akka dandaʼan ibsi. (1 Phe. 3:15) Mataduree tokko ykn lama filadhuutii, odeeffannoo gaarii barreeffamoota keenyarra jiru tokko tokko dubbadhu. Dhaggeeffattoonni yeroo mana barumsaa turanitti akkamitti dhugaa baʼuu akka dandaʼan yaada akka kennan afeeri.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Hagayyaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 17fi Kadhannaa