Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota. Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?; Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka fedhii namichaatti birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Fulbaanaafi Onkoloolessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka fedhii namichaatti birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.
◼ Hagayya 1 kaasee Yihowaadhaaf Faarfadhaa—Faarfannaawwan Sagaleedhaan Faarfataman, Diiskii 5ffaan Weeb saayitii jw.org jedhamurratti waan baʼuuf guyyaa sanaa kaasee faarfannaawwan sana daawun loodii gochuun ni dandaʼama. Jalqabarratti afaan Ingiliffaatiin, achiis afaan garaagaraatiin ni maxxanfama. Faarfannaawwan sana Siidiidhaan argachuu yoo barbaaddan karaa gumii keessanii ajajachuu dandeessu. Faayiloota kana Weeb saayitii keenyarraa daawun loodii gochuun baasiisaa siidiidhaan qopheeffamee ergamu caalaa rakasa waan taʼeef dandaʼamnaan faarfannaawwan kana daawun loodii akka godhattan isin jajjabeessina.
◼ BARREEFAMA HAARAA MANA KUUSAA KEENYA KEESSA JIRU: Ingiliffaa: Kitaaba Waggaa 2012 Siidiidhaan; Sidaamaa: Dubbisuu Fi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi.
◼ Bara 2013 jalqabee, Kaalaandariin afaan Amaariffaatiin ni qopheeffama. Ajaja keessan Adoolessa 1, 2012tti erguu dandeessu.
◼ Gumiiwwan ajaja barreeffamoota waggaatti ajajamanii, Adoolessa 1, 2012 dura waajjira damee akka gaʼuuf ammumaa ajajuu jalqabuu qabu. Kunis barreeffamoota armaan gadii dabalata: Kaalaandarii 2013, buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu 2013, Jildiiwwan Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! 2012, Kitaaba Waggaa 2013, Waachtaawar Laayibirarii 2012, Indeeksii waggaa. Barreeffamoonni kun afaan Ingiliffaatiin qofa utuu hin taʼin, afaan Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Ispaanish, Poortugaal, Ruusiyaa, Siwaahilii (jildiiwwan utuu hin dabalatin) akkasumas afaan kan birootiin ni argama. Buukleetiin Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu 2013 afaan Amaariffaatiin, Afaan Oromootiin, afaan Tigiriffaatiin, afaan Keeniyaaruwaandaafi afaan Chaayinaatiin ni argama. Afaan Ingiliffaatiin maxxansi qubee gurguddaan barreeffames ni argama.