Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen armaan gad jiran Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Muddee 25, 2006 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, kutaawwan torban Sadaasa 6 hanga Muddee 25, 2006tti dhihaaturratti hundaa’ee daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffilee booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, ful. 36-7 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Caqasa tokkorratti ibsa yommuu laannu maalirratti hundaa’uu qabna? [be ful. 148 key. 4– 149 key. 1]
2. Malawwan jechoota ijoo ta’an sirriitti jabeessuuf itti fayyadamuu dandeenyu tokko tokko maalfa’i? [be ful. 151 key. 4–152 key. 3]
3. Dubbii Waaqayyoo barsiisuun itti gaafatamummaa guddaa waan ta’eef, ‘dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuuf’ maaltu barbaachisa? (2 Xim. 2:15) [be ful. 153 key. 1-3, saanduqa; ful. 153 key. 4–154 key. 1]
4. Caqasa tokko maaliif akka dubbisne ifa gochuu kan dandeenyu karaa kamiini? [be ful. 154 key. 3–155 key. 3]
5. Barumsi kenninu faayidaansaa maal akka ta’e ifa gochuun kan nu barbaachisu maaliifi? Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu tokko tokko kamfa’i? [be ful. 157 key. 1-4, saanduqa; ful. 158 key. 1]
HAASAWAA LAK. 1
6. Solomoon sassaabaa kan ture akkamitti? [si p. 112 pars. 1-3]
7. Macaafni Lallabaa barumsawwan Yesusii wajjin kan wal simu akkamitti? [si p. 114 par. 16]
8. Macaafni Weedduu Weedduu Caalu sirrii ta’uusaatiif ragaa maaliitu jira? [si p. 115 pars. 3-4]
9. Maraan Macaafa Isaayaas inni naannoo Galaana Du’aatii argame, Macaafni Qulqulluun yeroo har’aa nu harkatti argamu macaafa jalqaba geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee wajjin tokko ta’uusaa kan mirkaneessu akkamitti? [si p. 118 par. 6]
10. Namni haasawaa dhiheessu yaadannoon inni qabatu bal’aa akka hin taane maaltu isa gargaaruu danda’a? [be ful. 42 key. 1]
DUBBISA M.Q.
11. ‘Namoonni Waaqayyoon barbaaddatan wanta hundumaa hubachuu’ kan danda’an akkamitti? (Fak. 28: 5)
12. ‘Hojiin nama gowwaa kan isa dadhabsiisu’ akkamitti? (Lal. 10:15)
13. Durbi Shulaamittii “akka iddoo dhaabaa” ta’uushee kan argisiiste akkamitti? Obboleettota hin heerumneef fakkeenya gaarii kan taatuhoo akkamitti? (Wed. 4:12)
14. Yihowaan Israa’elootaan “mee walii wajjin dhugaa in baafnaa” jechuunsaa, dhimma sanarratti haasofnee wal haa taanu jechuusaa turee? (Isa. 1:18a)
15. Isaayaas 11:6-9 bara duriitti kan raawwatame akkamitti? Bal’inaan kan raawwatamuhoo akkamitti?