LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/03 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Muddee 8 Jalqabu
  • Torban Muddee 15 Jalqabu.
  • Torban Muddee 22 Jalqabu
  • Torban Muddee 29 Jalqabu
  • Torban Amajjii 5 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2003
km 12/03 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Muddee 8 Jalqabu

Faarfannaa 99 (221)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaarra filataman. Yaada seensaa fuula 6 irratti argamuun gargaaramuudhaan Masaraa Eegumsaa Onkololessa 1 fi Dammaqaan! Onkololessi 2003 akkamitti akka raabsamuu hojiin argisiisaan haa dhihaatu. lamaanirrattiyyuu, kan beeksisnu barruu tokko qofa ta’us, lamaanuu irgaan takkaa kennamu.

Daq. 20: “Tokkummaan Kristiyaanota Dhugaa Gidduu Jiru Akkamitti—Argame?” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga fayyadamtee booda, gaaffiif deebiin dhiheessi. Keeyyata 5⁠ffaarratti yeroo mari’attan dhaggeeffattoonni walga’ii biyyoolessaarratti hojii ijaarsaa hirmaachuusaanii, ykn naannoo balaan uumametti gargaarsa gochuusaaniitiin muuxannoo tokkummaa Kristiyaanummaa keenyaa jabeessu akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.

Daq. 15: “Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2004.” Haasawaa daawwataa olaanaa mana barumsichaatiin kan dhihaatu. Yaada miiltoo Tajaajila Mootummaa Onkololeessa 2003 irratti argamurraa yaadawwan tokko tokko dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 21 (46) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 15 Jalqabu.

Faarfannaa 61 (151)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Saanduqa “Utuu Hin Turin Deddeebii Gaaffii Godhaa” jedhurratti mari’adhaa. Yoo jiraate Foormii “Babal’isaan Ga’eessa Ta’e Nama Kana Akka Haasofsiisu Godhi” (S-70) jedhamu dhaggeeffattootatti argisiisi.

Daq. 15: Masaraa Eegumsaa Onkololeessa 1, 2000 Fuula 14-15, keeyyata 6-10 irratti mataduree: “Qayyabannaan Dhuunfaa—kutaa Waaqeffannaa Keenyaati” jedhu irratti hundaa’ee haasawwaa dhihaatu.

Daq. 20: “Namoota ‘jireenya bara baraatiif qophaa’an’ gargaaraa.” Yaada seensaa daqiiqaa 1hin guunneen erga fayyadamtee booda gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Walga’ii tajaajilaa Fulbaana 1, 2003, mataduree “Deebitee dhaquuf waadaa galte ni eegdaa” jedhuufi muuxannoowwan karaa kanaan dammaqoo ta’uu itti qabnu argisiisaniin jalqabi. Achiis gaaffii: “Ji’oottan sadan dabarsinee asitti kana ilaalchisee fooyya’iinsa argisiisneerraa?” jedhu gaaffadhu. Gaaffiiwwan achirratti dhihaataniin fayyadamuudhaan barumsicha dhiheessi. Tajaajila Mootummaa Bitootessa 1997 Saanduqa fuula 8 irratti deddeebi’anii gaafachuu ilaalchisee yaadawwan kennaman dubbadhu.

Faarfannaa 18 (42) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 22 Jalqabu

Faarfannaa 5 (10)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa Herregaa. Yaada fuula 6 irratti kennaman fayyadamuudhaan, Masaraa Eegumsaa Onkololeessa 15fi Dammaqaan! Onkololeessa 22 (Ingiliffa) si’anaa akkamitti akka raabsamu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Hundasaanii walga’ii tajaajila addaa torban dhufutti yeroo dhufan Foormiin yaalamaa ykn waraqaan eenyummaa akka raabsamuufi mareen akka irratti godhamu yaadachiisi.

Daq. 15: Akka gumiif barbaachisutti fayyadamaa.

Daq. 18: “Namoota Ta’uuf Barbaachuu.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunnen erga fayyadamtee booda, akka gumichaaf ta’utti gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi. Namoonni manasaanii keessatti kan argaman yoomi? Waaree boodaafi Sa’aatii gara galgalaatti tajaajiluudhaan bu’aan akkamii argameera? Namoota yeroo xiqqoo qofaadhaaf manasaanii taa’an argachuuf mala akkamiitiin fayyadamuu dandeenya?

Faarfannaa 92 (209) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 29 Jalqabu

Faarfannaa 88 (200)

Daq. 5: Beeksisa gumii. Babal’istoonni Gabaasa Tajaajilaa dirree ji’a Muddee akka deebisan yaadachiisi. Barreeffamawwan ji’a Amajjiitti raabsaman caqasi. Karoora qophii tajaajilaa guyyoota ayyaanaattiif godhame dubbadhu.

Daq. 17: Dadhabbiin Keessan Akkasumaan Hin Hafu. (1 Qor. 15:58) Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Waggoottan darbanitti, hojiin lallabaa maal akka fakkaatu akka dubbataniif obboloota amanamummaadhaan hojjechaa turan dursii qopheessi. Yeroo sanatti gumichii miseensota hammamii qaba ture? Naannoon gumichaa hangam bal’ata ture? Namoonni ergaa Mootummichaatiif deebii akkamii kennu turan? Mormii akkamiitu isaan mudata ture? Waggoottan darbanitti naannoo sanatti hojiin Mootummichaa hangam guddin argisiisee ture?

Daq. 23: Rakkoowwan Yaalamuu Wajjin Walqabataniif Qophaa’uu. Dhufan Abdiidhaan Mo’uu. Waraqaa damee biiroorraa ergameen gargaaramuudhaan jaarsi dandeettii qabu tokko haasawaan kan dhiheessu. Saanduqa “Dhiigarraa Fagaachuuf Qophii Nugargaaru” jedhurraa xuqaawwan furtuu ta’anirra deebi’i.

Faarfannaa 55 (133) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 5 Jalqabu

Faarfannaa 20 (45)

Daq. 8: Beeksisa gumii.

Daq.17: Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 1998, fuula 3, 4 irratti hundaa’uudhaan Mata duree “Galateeffachuu Kan Qabnu Maaliifi” jedhuun akka gumiisanaaf ta’utti jaarsa gumiitiin kan dhihaatu.

Daq. 20: Dandeettii Warra Kaan Barsiisuuf Qabnu Guddisuu. Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2000 fuula 16-17 keeyyata 9-13 irratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Karaa bu’a qabeessa ta’een barsiisuun tajaajila keenyarratti wanta dursi kennamuufi qabudha. Namoota hoolotatti fakkeeffaman gargaaruudhaan bu’aan argannu, hubannaa ergaa Mootummichaa karaa bal’isuufi karaa hojiidhaaf nama kakaasuun dhiheessu danda’uu keenyarratti. Gaaffiiwwan asii gadiirratti mari’adhaa: (1) Lallabuufi barsiisuu gidduu garaagarummaa maaliitu jira? (it-2 fuula 672 keeyyata 2) (2) Tokko tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu maaliifi sodaatu? (3) Dandeettii barsiisuu keenya guddisuu kan dandeenyu akkamitti? (4) Yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinu baay’ee dubbachuu kan hin qabne maaliifi? (5) Caqasoota haala qabatama ta’ee wajjin wal qabsiisuun keenya gaarii kan ta’e maaliifi? (6) Namni nuyi qayyabsiisnu wanta barachaa jiru hubachuusaa mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? (7) Jalqabaafi xumura qayyabannaarratti gaaffii irra deebii gaafachuun bu’aa maalii qaba? (8) Qayyabatichi kaayyoo maaliirra akka ga’uuf gargaaruu qabna? (9) Qayyabatichi akka guddina argisiisu gargaaruuf Yeroo tokko tokko jaarsolii gumii muuxannoo qaban afeeruun gaarii kan ta’e maaliifi? (10) Yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu dabaree dabareedhaan geggeessuun barbaachisaa ta’uu baatuyyuu, haalawwan tokko tokkotti jaarsi qayyabannicharratti akka argamuuf afeerame kutaa boqonnichaa keessaa kan murtaa’e akka geggeessu gochuun gaarii kan ta’e maaliifi?

Faarfannaa 34 (77) fi kadhannaa xumuraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi