LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/03 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 12/03 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Muddee 29, 2003 jalqabutti kan afaaniin irratti mar’iatamu dha. Daawwataan ol aanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan gaaffiiwwan irra deebii torban Sadaasa 3 hanga Muddee 29, 2003 irratti hundaa’udhaan daqiiqaa 30f irra deebicha gaggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwan argachuuf dhunfaatti qorannaa godhi.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula. 36-7 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Tajaajila dirreerratti Macaafa Qulqulluutti gargaaramuun barbaachisaa kan ta’e maaliifii? [be ful. 145 key. 2, Saanduqa]

2. Yaadni naannoo caqasichaatti argamu haala caqasicha itti walbeeksisnurratti dhiibbaa kan geessisu akkamittii? [be ful. 149]

3. Yeroo caqasa Macaafa Qulqulluu dubbisnu jechoota barbaachisaa ta’an jabeessinee dubbisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kunoo hojiirra ooluu kan danda’u akkamitti? [be ful. 151 key. 2, saanduqa]

4. Yeroo warra kaan barsiisnu ‘dubbicha isa dhugaa qajeeltootti’ fayyadamuudhaan gorsa Phaawulos hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Xim. 2:15) [be ful. 153 key. 2, saanduqa]

5. Phaawulos ‘dubbii Macaafa Qulqulluu ibsaa’ kan ture akkamitti? (HoE. 17:2, 3) [be ful. 155 key. 5, 6]

HAASAWAA LAK. 1

6. Meeshaa qorannaa isa guddaa kan ta’e Macaafa Qulqulluudhaan fayyadamnee yeroo haasawaadhaaf qophoofnu, (1) Lakkoofsawwan naannoo caqasichaatti argaman qoruu, (2) Caqasawwan garabiraa wajjin walbira qabanii ilaaluufi (3) Konkordaansii Macaafa Qulqulluutiin fayyadamanii qorachuun bu’a qabeessa kan ta’e maaliifi? [be ful. 34 key. 3 hanga ful. 35 key. 2]

7. Amanamummaan dhugaa calaqqisiifamuu kan danda’u akkamitti? Eenyuufoo? [w01 10/1 ful. 22-3]

8. Yihowaan sirriitti kan yeroo eegu ta’uusaa kan argisiisu maalii? (Dan. 11:35-40; Luq. 21:24) [si ful. 284 key. 1]

9. Haasawaa dhiheessuuf qu’annoo erga goonee booda, qabxiiwwan kamitti akka fayyadamnu filachuuf maalfaa sammuutti qabachuu qabna? [be ful. 38]

10. ‘Bara Nohi’ ilaalchisee wanti Yesus dubbate haala yeroo har’aa keessa jiraannu wajjin kan walqabatu maaliifi? (Mat. 24:37) [w01 11/15 ful. 31 key. 3-4]

DUBBISA MACAAFA QULQULLUU KAN TORBANII

11. Xalayaan Phaawulos Filemoniif erge, hojiin Kristiyaanummaasaanii namoonni Kristiyaana akka ta’an gargaaru malee, jijjiirama hawaasummaa fiduu akka hin taane kan ibsu akkamitti? (Film. 12)

12. Jechoota ‘karaa irraa goruu’, ‘irraa garagaluufi’ ‘kufuu’ [NW] jedhaman gidduu garaa garummaa maaliitu jira? (Ibr. 2:1; 3:12; 6:6) [w99 7/15 ful. 19 key. 12; w86 6/1 ful. 14 key. 16-17; w80 12/1 ful. 23 key. 8]

13. Wanta xixiqqoodhaaf yaada “Gooftaan yoo jedhe” jedhu kennuurraa ofqusachuu kan dandeenyu akkamitti? (Yaq. 4:15) [cj ful. 171 key. 1-2]

14. ‘Dhufa guyyaa Waaqayyoo eeggachuu, isaafis ariifatanii hojjechuu’ jechuun maal jechuudha? Sana gochuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Phe. 3:12) [w97 9/1 ful. 19-20]

15. Mul’ata boqonnaa 2 fi 3 irratti ergaan gumiiwwan torbaaf ergame, Kristiyaanota har’a jiraniif gorsa barbaachisaa akkamii qabateera? (Mul. 2:4, 5, 10, 14, 20; 3:3, 10, 11, 17, 19)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi