LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/03 ful. 4
  • Oduu Ijaarsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Oduu Ijaarsaa
  • Tajaajila Mootummaa—2003
Tajaajila Mootummaa—2003
km 12/03 ful. 4

Oduu Ijaarsaa

Hojiin ijaarsa gamoo Bet’eliifi Galmi walga’ii inni haaraan yeroo gannaattillee, guddina argisiiseera. Yeroo ammaatti bantiin galmaaf damee biiroo kan raawwate yeroo ta’u, harki caalaan balbalaafi foddaasaanii hojjetamaniiru. Yeroo ammaatti kan hafuu keessasaa xumuruu, ijaarsa mana boolii Galma Walga’ichaafi xurii mana boolichaa ittiin fageeffamu hojjetamaa jira. Suuraawwan kun, kan ji’a Fulbaanaatti kaafamaniidha. Suuraawwan kunis hala guddina ijaarsi kun irratti argamu isin hubachiisu. Ji’a Caamsaa dhufutti xumuruuf karoorri qabameera. Yeroo itti gamoo kannatti fayyadamnu hawwiidhaan kan eeggannu yeroo ta’u, kadhannaafi gargaarsa qarshii gootaniif isin dinqisiifanna.

Kana malees hojii tuuta ijaarsa Galma Mootummaatiin hojjetame utuu isin beeksisnee nutti tola. Waggaa darbetti Galmawwan Mootummaa kanaa gaditti argaman ijaaramaniiru. Finfinnee: Ayyar Xeenaa/Mi’iiraab, Amaanu’eel, Araat Kiiloo/Siddist Kiiloo, Aqaaqii/Qaallittii, Inxooxxoo/Shiroo Meedaa, Garjii/Magganaanyaa, Saaris/Galaan. Finfinneen ala: Booddittii, Buttaajiraa, Caannoo (naannoo Arbaa Minc), Fiichee, Xiis Abbaaliimaa (naannoo Waldiyaa) Aduwaa, Tuulaa (naannoo Awaasaa), Wiichoo fi Beeraa (naannoo Yirgaalam), Homaachoo fi Weeleehangallaa (naannoo Alataa Wandoo), Dambidoolloo, Sulultaa (naannoo Finfinnee), Baqloo Sanyoo akkasumas Kottee Gannat, Gurmuu Koyishaafi Oofaa Siree (naannoo Soddoo), Qarsadii (naannoo Fincaa’aa), Kombolcha, Mandiifi Matahaaraa. Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, obboloonni keenya warri fedhaan hojjetan Galmawwan Mootummaa 80 ta’an ijaaraniiru jechuudha. Isaan kana keessaa tokko tokko, wantoota salphaa ta’aniifi naannichatti argamaniin kan ijaaraman yoo ta’aniyyuu, hundisaanii mijaa’oo kan ta’aniifi qulqullinasaanii kan eeganidha. Obboloonni keenya addunyaa maratti argaman gargaarsa nuu godhaniif dinqisiifannaa guddaa qabna. Galmawwan kun, namoonni yaada gaarii qaban Yihowaa akka keessatti waaqeffataniif gargaaru jennee yaadna.

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Biiroo Beetel Isa Haaraafi Mana Jireenyaa

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Damee Biiroo Galma Walga’ii Duubasaatiin Jiruu Wajjin

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi