Beeksisa
◼ Barreeffamawwan ji’a Muddeetti raabsaman: Nama Namoota Hanga Ammaatti Jiraatan Hundaa Caalu. Akka filannoottimmoo, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittin Baradhu, Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimmoo kan Namaati? ykn Lafarra Jannata Keessa Bara Baraaf Jiraachuu Ni Dandeessa, jedhaman gargaaramu dandeessu. Amajii: Kitaaboollee bara 1988 dura maxanfaman keessaa kan gumiin keessan qabu kamiyyuu. Kitaabolee kana hin qabdan yoo ta’e, gumiiwwan ollaa barreeffamawwan turan kan akka kitaaba Mootummaan Kee Haa Dhuuftu ykn Jireenya Maatii Kee Gammachiisaa Taasisi jedhamu yoo qabaatan gaafadhaa. Gumiiwwan kitaabolee kana hin qaban yoo ta’e, Maan Kaayindis Sarchi Foor Good jedhamu raabsuu danda’u. Guraandhala: Kitaabolee, Diroowu Kilooz Tuu Jihoovaa fi Raawwii Mul’ataa jedhaman. Bitootessa: Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqiin addaa ni godhama. Barreeffamawwan kana qabu taanaan, kitaaba, Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu kennamuufii danda’a.
◼ Qajeelchitoonni, jaarsoliin ykn tajaajiltoonni gumii ji’a Bitootessaatii hamma Caamsaatti tajaajiltoota addaa taatanii tajaajiluu barbaaddan, odeeffannoo armaan gadii kennuudhaan, waraqaa guddaarratti barreessitanii hanga Muddee 31, 2003tti nuuf erguu qabdu: 1) maqaa; 2) umurii; 3) guyyaa itti cuuphamte; 4) gaa’ela qabaachuufi dhiisuu kee; nama meeqa akka gargaartu. 5) ji’oota meeqaaf akka tajaajiltu [Bitootessaa-Caamsaattii?]; 6) afaan dubbatan; 7) tajaajila manaa gara manaarratti yeroo hunda kan hirmaatu ta’uusaa. Sanaan booda, koreen tajaajilaa gumichaa yaadasaanii ibsanii mallatteessu.
◼ Obboloota tajaajiltoota herreegaa ta’an yaadachiisuuf: Buusiiwwan hojii lallabaa adduunyaa maraatiifi ijaarsa Galma Mootummaatiif walitti qabaman ji’a ji’aan gara damee biirootti ergamuu qabu malee, liqii Galma Mootummaa kaffaluuf ykn baasii gumichaa garabiraatiif ooluu hin qaban.