Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2004
1 Yihowaan Hojii adduunyaa maraaf barbaachisaa ta’e akka raawwataniif, namoota iddoo guddaa hin qabne filateera. Kana kan godhe karaan inni tokko, Mana Barumsaa Ti’ookraasii isa torban torbaniin godhamurratti leenjii kennuudhaani. Hamma haalli kee siif heyyame hundaa leenjii kanarratti ni hirmaattaa? Barattoonni qophii kanarraa faayidaa guutuu akka argatan gargaaruuf Amajjii 2004itti sirreeffamni tokko tokko ni godhama.
2 Gargaartuun Gorsa Kennaa Ni Jijjiirama: Obboloonni haasawaa qajeelfamaafi yaada ijoo Macaafa Qulqulluu dhiheessan yaada gargaartuun gorsa kennaa isaanii kenneef galateeffataniiru. Bakka jaarsoliin ga’eessa ta’an baay’inaan argamanitti, obboloota gargaartuu gorsa kennaa ta’an dabareen kan ga’u waggaatti al tokko ta’uu danda’a. Karaa kanaan, ba’aan hojii qoqqoodamuu danda’a. Kana caalaas, jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii ga’eeyyii ta’an muuxannoowwan gara garaa obboloonni haasawaa dhiheessaniifi barsiisan qabanirraa faayidaa argatu.
3 Sagantaa Irra Deebii Afaanii Sirreessuu: Gumiin keessan torban irra deebiin afaanii godhamuu qabutti walga’ii aanaa qaba taanaan irra deebichiifi sagantaawwan kaan, torban walga’ii aanaasanatti aanee jirutti darbuu qaba. Sagantaan itti aanee jirummoo duraan dursee torban walga’ichaatti godhamuu qaba. Haata’u malee, yeroo irra deebiin afaanii daawwii ilaaltuu olaanaa wajjin walirra dhufu, sagantaa torbanii lama guutuu waliin jijjiiruun barbaachisaa miti. Kanaa mannaa, faarfannaan, amala haasawaafi yaadni ijoo Macaafa Qulqulluu dhihaachuu kan qaban akkuma sagantaasaaniitti. Haasawaan qajeelfamaa, sagantaawwan torban itti aanu keessaa fudhatamuu qaba. Yaadni ijoo Macaafa Qulqulluu Walga’ii Tajaajilaa sa’aatii walakkaadhaaf godhamutti aanee kan dhihaatu yoo ta’u, kutaawwan daqiiqaa 10 fudhatan sadiin ykn daqiiqaa 15 fudhatan lamaan akka dhihaatu gochuun ni danda’ama. (Beeksisi jalqabaa hafuu qaba.) Walga’ii Tajaajilaatti aanee, faarfannaafi sagantaa sa’aatii walakkaa ilaaltuun olaanaa qabutu itti fufa. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban itti aanutti godhamu irra deebii afaaniitiin jalqabamee, amala haasawaafi yaada ijoo Macaafa Qulqulluutiin itti fufa.
4 Karaa hafuuraa guddachuuf carraa argatte hundaatti fayyadami. Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa faayidaa yoo argatte gumii kee ni jajjabeessita, raawwii raajii Macaafa Qulqulluu keessatti ni hirmaatta, akkasumas Waaqa ergaa dinqisiisaa lallabnu kana uumeef galata galchita.—Isa. 32:3, 4; Mul. 9:19.