Qophii Haaraa Sagantaa Walga’ii Gumiirratti Godhame
1, 2. Amajjii 2009 kaasee walga’iiwwanirratti jijjiiramni akkamii godhameera?
1 Obboloonni addunyaa mararra jiran beeksisa torban Ebla 21-27, 2008tti dhaga’anitti gammadaniiru. “Amajjii 1, 2009 kaasee, Qayyabannaan Kitaabaa Gumii, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiifi Walga’ii Tajaajilaa waliin fudhatama. Qayyabannaan Kitaabaa, Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii jedhamee jijjiirameera.”
2 Sagantaa Walga’ii Torbanii Kanaa: Faarfannaafi kadhannaa dabalatee walga’iiwwan kun walumatti sa’aatii 1fi daqiiqaa 45 fudhatu. Walga’ichi faarfannaafi kadhannaa (Daq. 5) jalqabamee, Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Gumii (Daq. 25) itti fufa. Ittaansuun Manni Barumsaa Tajaajila Ti’okraasii (daq. 30) geggeeffama. Achiis faarfannaa (daq. 5) booda Walga’iin Tajaajilaa (daq. 35) taasifama. Walga’ichi faarfannaafi kadhannaadhaan (daq. 5) xumurama. Sagantaan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii, Mana Barumsaa Tajaajilaafi Walga’ii Tajaajilaa qophaa’uuf gargaaran, ji’a ji’aan Tajaajila Mootummaarratti ba’u.
3. Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Gumii akkamitti geggeeffama?
3 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii: Walga’iin kun akkuma Qayyabannaa Masaraa Eegumsaatti geggeeffama. Barumsa torban darbee irra deebi’uun jalqabuun barbaachisaa miti. Seensa gabaabaa qofaan jalqabamuu qaba. Kun walga’icharratti kan argaman hundi yaada gabaabaa akka kennaniif yeroo ga’aa argamsiisa. Sassaabaan ilaaltuu olaanaa, jaarsoliin torban torbaniin dabareen kutaa kana akka geggeessaniif ramaduudhaan to’ata.
4. Jijjiiramni Walga’ii Tajaajilaarratti godhamu maalidha?
4 Walga’ii Tajaajilaa: Walga’iin Tajaajilaa akkuma kanaan duraatti kan itti fufu ta’us, kutaa gaggabaabaa qabaata. Yeroo baay’ee, beeksisni daqiiqaa shan kan fudhatu ta’a. Kun beeksisa barbaachiisaa ta’eefi xalayaawwan waajjira dameerraa ergaman tokko tokkoof ga’aadha. Beeksisi akkasii kan akka, qophii tajaajila dirreef godhame, sagantaa qulqulleessuu, gabaasa herregaafi xalayaawwan yeroo hunda waajjira dameerraa ergaman waltajjiirraa dubbisuu mannaa, gabatee beeksisaarratti maxxansuun obboloonni achirraa akka dubbifatan gochuu qabu. Obboloonni kutaa isaaniif kenname akka gaariitti qophaa’uu, yeroofi qajeelfama isaanii kennames eeguu qabu.
5. Torban daawwataan olaanaa aanaa daawwatutti, qophii akkamiitu godhame?
5 Daawwannaa Olaanaa Aanaa: Sagantaa daawwannaa olaanaa aanaarratti jijjiiramni hin godhamne. Gaafa Facaasaa, Manni Barumsaa Tajaajila Ti’okraasiifi Walga’iin Tajaajilaa faarfannaa booda geggeeffama. Achiis daawwataan olaanaa aanaa haasawaa daqiiqaa 30 kenna. Akkuma amma godhamaa jiru, torban daawwannaa sanatti guyyaa kan biraa tokko galgala walga’iin Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii faarfannaan jalqabamee, ittaansuun daawwataan olaanaa aanaa haasawaa tajaajilaa kenna. Walga’ichi faarfannaafi kadhannaan xumurama.
6. Ga’een ilaaltuu olaanaa tuutaa maalidha?
6 Walga’ii Tajaajila Dirree: Obboloonni ilaaltuu olaanaa tuutaa tajaajila dirree akka geggeessan qaama jaarsoliitiin kan ramadaman si’a ta’u, obboloota tuuta sana keessa jiran hunda dhuunfaatti ni gaafatu. Tajaajilaan gumii hojii kana akka raawwatu yeroo barbaachisutti, “tajaajilaa tuutaa” jedhamee ramadamuu qaba.
7. Qophii haaraan sagantaa walga’ii gumiirratti godhame maal nuu argamsiisa jennee abdanna?
7 Qophii haaraa walga’ii gumii ilaalchisee, barumsaafi jajjabinni walga’iiwwan kanarraa argannu hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nuu cimsa. Kun labsitootaafi barsiistota bu’a qabeeyyii nu taasisuusaarrayyuu, hojii lallabaarratti bu’aa guddaa nuu argamsiisa.—Efe. 4:13, 14; 2 Xim. 3:17.
8. Dursinee qophaa’uun keenya nuunis ta’e warra kaan kan fayyadu akkamitti?
8 Tokkoon tokkoo walga’iiwwan kanaaf dursinee qophaa’uun, walga’ichi ennaa geggeeffamutti yaadawwan ijoo ibsamanirratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Hundi keenya yaada kennuudhaan wal jajjabeessuuf carraa arganna. (Rom. 1:11, 12; Ibr. 10:24) Kaayyoon keenya, “akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti” ‘guddachaa akka adeemnu’ kan mul’isu ta’uu qaba.—1 Xim. 4:15; 2 Xim. 2:15.
9. Maal gochuuf murteessineerra? Maaliif?
9 Qophii gaarii walga’iiwwan gumiirratti godhametti guddaa gammanneerra. “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi”, Tiksituu keenya Isa Guddichatti akka dhihaannuufi ‘rakkina’ guddaa dhihootti dhufuuf nu qopheessuuf, qajeelfama inni nuu kennutti fayyadamuu keenya itti haa fufnu.—Mat. 24:21, 45; Ibr. 13:20, 21; Mul. 7:14.